Zabuuriiwwan14
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1Gowwaan garaa isaatti,“Allaahan hin jiru” jedha.Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.2Rabbii Allaahan yoo namni waa hubatu,kan Allaahas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.3Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;tokkumti iyyuu hin jiru.4Warri hammina hojjetankanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,warri Rabbii Allaah hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?5Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;Allaahan dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.6Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;Rabbii Allaahan garuu daʼoo isaanii ti.7Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!Yommuu Rabbii Allaahan saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,Yaaʼikuub haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!Biblica, Inc.