Zabuuriiwwan138

Zabuurii Daawud.

1Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;fuula “waaqeffatamtootaa” durattis galata kee nan faarfadha.2Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef,ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiifgara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee,maqaa kee nan leellisa.3Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;irree keetiinis na jabeessite.
4Rabbii Allaah, mootonni lafaa hundinuu,yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.5Ulfinni Rabbii Allaaha, guddaadhaatii,isaan waaʼee karaa Rabbii Allaah haa faarfatan.
6Rabbii Allaahan yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala;nama of tuulu immoo fagootti beeka.7Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu,ati lubbuu koo ni eegda;aarii diina kootti harka kee ni diriirsita;harka kee mirgaatiinis na oolchita.8Rabbii Allaahan kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;yaa Rabbii Allaah, jaalalli kee bara baraan jiraata;hojii harka keetii hin gatin.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3