Zabuuriiwwan110
Zabuurii Daawud.
1Rabbii Allaahan, gooftaa kootiin:“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,karaa mirga koo taaʼi” jedhe.2Rabbii Allaahan, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedheebokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.3Gaafa ati waraanaaf baatu,loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu.Ati gadameessa ganamaa keessaa,surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.4Rabbii Allaahan, “Akka sirna Malkiiseedeqitti,ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera.Inni yaada isaa hin geeddaru.5Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira;inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.6Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaabarbadeessuudhaan sabootatti mura.7Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga;kanaafuu mataa ol qabata.Biblica, Inc.