Zabuuriiwwan105

1Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.2Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.3Maqaa isaa qulqulluu sanaan boonaa;garaan warra Rabbii Allaah barbaadanii haa gammadu.4Rabbii Allaah fi humna isaa barbaaddadhaa;yeroo hunda fuula isaa barbaadaa.
5Dinqii inni hojjete,hojii isaa dinqii sanaa fi murtii inni labse yaadadhaa;6isin tajaajiltoonni isaa, warri sanyii Ibraahim taatan,isin filatamtoonni isaa, ilmaan Yaaʼikuubis kana yaadadhaa.7Inni Rabbii Allaah keenya;murtiin isaas lafa hunda irra jira.
8Inni kakuu isaa bara baraan,waadaa gale sanas dhaloota kumaaf ni yaadata;9inni kakuu Ibraahim wajjin gale,kakuu Yisihaaqiif kakates ni yaadata.10Kanas Yaaʼikuubiif seera,Israaʼeliif immoo kakuu bara baraa godhee akkana jedhee mirkaneesseera:11“Ani biyya Kanaʼaanqooda ati dhaaltu godhee siif nan kenna.”
12Isaan yeroo lakkoobsaan xinnoo turanitti,dhugumaanuu xinnoo fi biyyattii keessattis keessummoota turanitti,13sabaa gara sabaatti, mootummaa tokkoo garamootummaa biraatti jooran.14Inni akka namni tokko iyyuu isaan cunqursu hin eeyyamne;sababii isaaniitiifis akkana jedhee mootota ifate:15“Dibamtoota koo hin tuqinaa;nabiiʼiyyoota koos hin miidhinaa.”
16Inni beela biyyattiitti waame;midhaan nyaataa hundas ni balleesse;17innis Yuusuf namicha akka garbaattigurgurame tokko isaan dura erge.18Isaan foncaadhaan miilla isaa luqqisan;mormi isaas sibiila keessa galfame;19hamma wanni inni duraan dursee dubbate guutamuttidubbiin Rabbii Allaah isa qore.20Mootiin nama ergee gad isa dhiisise;bulchaan sabaa isa hiiksise.21Mootichis mana isaa irratti ajajaa,qabeenya isaa hunda irratti immoo bulchaa isa godhate;22kanas akka inni akkuma fedhetti qondaaltota isaa gorsuuf,akka inni maanguddoota isaa ogummaa barsiisuuf godhe.
23Israaʼel biyya Gibxi dhaqe;Yaaʼikuubis akka alagaatti biyya Haam keessa jiraate.24Rabbii Allaahan saba isaa akka malee baayʼise;akka isaan amajaajota isaanii caalaa jabaatanis godhe;25innis akka isaan saba isaa jibbanii fiakka isaan tajaajiltoota isaatti mariʼataniif yaada isaanii geeddare.26Allaahanis Muusaa tajaajilaa isaatii fiHaaruun filatamaa isaa erge.27Isaanis jara gidduutti mallattoo isaa,biyya Haam keessatti immoo dinqii isaa argisiisan.28Inni dukkana ergee biyyattii dukkaneesse;isaan dubbii isaatti fincilaniiruutii.29Inni bishaanota isaanii dhiigatti geeddareeakka qurxummiiwwan isaanii dhuman godhe.30Fatteen biyya isaanii guuteediinqa mootota isaanii keessa yaaʼe.31Inni dubbannaan tuunni tisiisaatii fibookeen biyya isaanii hunda keessa guutte.32Inni qooda bokkaa cabbii isaaniif roobse;bakakkaas biyya isaaniitti erge;33wayinii isaaniitii fi muka harbuu isaanii balleesse;mukkeen biyya isaaniis ni caccabse.34Inni dubbannaan hawwaannisnii fikorophisni hedduun dhufan;35isaanis biqiltuu biyya jaraa hunda nyaatan;waan lafti isaanii baases ni fixan.36Ergasii inni hangafa biyya isaanii hunda,jabina isaanii jalqabaas ni dhaʼe.
37Akka sabni Israaʼel meetii fi warqee baadhatee baʼu godhe;gosa isaanii keessaa namni tokko iyyuu hin gufanne.38Israaʼeloonni baanaan warri Gibxi gammadan;isaan Israaʼelin sodaatanii turaniitii.39Inni akka gaaddisaatti duumessa isaan irra qabe;akka halkaniin isaaniif ibsuuf immoo ibidda qabsiiseef.40Isaan duʼaa godhannaan inni dimbiriqqee kenneef;buddeena shamaayʼuniitiinis isaan quufse.41Innis kattaa bane; bishaanis keessaa gad dhangalaʼe;akkuma bishaan lagaattis gammoojjii keessaa yaaʼe.
42Inni waadaa isaa qulqulluu,kan garbicha isaa Ibraahimiif gale sana yaadateeraatii.43Inni saba isaa gammachuun,warra isaaf filataman immoo ililleedhaan baaseera;44inni biyya ormootaa isaaniif kenne;isaanis waan saboonni sun itti dadhaban dhaalan;45kanas akka isaan sirna isaa eeganiiseera isaatiif bulaniif godhe.Haalleluuyaa.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3