Zabuuriiwwan103

Zabuurii Daawud.

1Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.2Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi;tola isaa hundas hin irraanfatin.3Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;4jireenya kee boolla irraa ni baraara;jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;5akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis,inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.
6Rabbii Allaahan warra cunqurfamanhundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
7Inni karaa isaa Muusaatti,hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.8Rabbii Allaahan gara laafessaa fi arjaa dha;inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.9Inni yeroo hunda hin dheekkamu;aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;10inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.11Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;12akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.13Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,Rabbii Allaahan warra isa sodaataniif garaa ni laafa;14inni akka nu itti uumamne ni beekaatii;akka nu biyyoo taanes ni yaadata.15Barri namaa akkuma margaa ti;akka abaaboo dirrees ni misa;16inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada;iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.17Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraattiwarra isa sodaatan wajjin ni jiraata;qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;18warra kakuu isaa eeganitti,warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
19Rabbii Allaahan teessoo isaa shamaayʼun keessa dhaabbateera;mootummaan isaas waan hunda bulcha.
20Isin malaʼikkoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon,warri dubbii isaatiif ajajamtanis Rabbii Allaah eebbisaa.21Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaawarri fedhii isaa guuttan Rabbii Allaah eebbisaa.22Uumamawwan bulchiinsa isaajala lafa hunda jirtan hundi Rabbii Allaah eebbisaa.Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3