Fiiliphisiyuus1
Nagaa Gaafachuu
1Phaawulosii fi Xiimotewos tajaajiltoota Al-Masiihi Iisaa irraa,Gara warra karaa Al-Masiihi Iisaatiin qulqulloota taʼan kanneen Phaaphaasotaa fi daaqonoota wajjin Fiiliphisiyuus keessa jiraatan hundaatti:2Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihii Goofticha biraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.
Galataa Fi Duʼaa
3Ani yeroo isin yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha.4Ani duʼaa hunda keessaniif godhu keessatti yeroo hunda gammachuun duʼaa nan godha;5isin guyyaa jalqabaatii hamma ammaatti injiila lallabuu keessatti hirmaattaniirtuutii;6inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Al-Masiihi Iisaatti akka raawwatu nan amana.7Waan isin garaa koo keessa jirtaniif ani waaʼee hunda keessanii akkanatti yaaduun koo anaaf sirrii dha; hidhamuu koo keessattis taʼu yookaan injiilaaf falmuu kootii fi akka injiilli cimee dhaabatu gochuu koo keessatti hundi keessan na wajjin ayyaana Allaaha keessatti hirmaatuutii.8Akka ani jaalala Al-Masiihi Iisaatiin hammam hunda keessan yaadu Allaahaan dhuga baatu koo ti.9Duʼaan koo kanaa dha: kunis akka jaalalli keessan beekumsaa fi hubannaa hundaan ittuma fufee baayʼatu,10akka isin isa waan hundumaa caalu addaan baaftanii beekuu dandeessanii fi akka isin hamma guyyaa Al-Masiihiittis qulqullootaa fi warra mudaa hin qabne taataniif,11akka ulfinaa fi galata Allaahatiifis iji qajeelinaa kan karaa Iisaa Al-Masiihiin argamuun guutamtaniif.Hidhamuun Phaawulos Injiila Babalʼise
12Yaa obboloota, wanti narra gaʼe kun dhugumaan injiila babalʼisuuf gargaaruu isaa akka beektan nan barbaada.13Kanaanis Al-Masiihiif jedhee hidhamuun koo guutummaa masaraatii fi namoota kaan hunda biratti beekameera.14Sababii ani hidhameefis obboloota keessaa garri caalaan Gooftaa amanatanii, dubbii Allaaha sodaa malee dubbachuuf ija jabina guddaa argataniiru.15Namoonni tokko tokko dhugumaan weennoo fi morkiidhaan Al-Masiihii lallabu; warri kaan garuu yaada gaariidhaan lallabu.16Warri yaada gaariidhaan lallaban kunneen, akka ani injiilaaf falmuuf jedhee as kaaʼame beekanii jaalalaan lallabu.17Warri weennoo fi morkiidhaan lallaban immoo utuu garaa qulqulluun hin taʼin, mana hidhaa keessatti rakkina natti cimsuuf jedhanii fedhii ofittummaatiin Al-Masiihii lallabu.18Yoos wanni kun maal qaba ree? Wanni barbaachisaan fakkeessuunis taʼu yookaan dhugaan karaa kam iyyuu Al-Masiihiin lallabamuu isaa ti. Sababii kanaaf ani akka malee nan gammada.Eeyyee ani ittuma fufee nan gammada;19akka wanni narra gaʼe kun karaa duʼaa keessaniitii fi karaa gargaarsa Hafuura Iisaa Al-Masiihiin gara furamaatti naa geeddaramu nan beekaatii.20Ani akkuma yeroo kaanii ammas jireenyaanis taʼu yookaan duʼaan ija jabinaan dubbachuun koo akka Al-Masiihiin dhagna koo keessatti ulfina argatuuf malee karaa kamiin iyyuu akka hin qaanofneef baayʼisee nan hawwa; nan abdadhas.21Anaaf jiraachuun Al-Masiihii dha; duʼuunis buʼaa dha.22Ani yoo fooniin jiraadhe kun anaaf hojii buʼa qabeessa; garuu maalan filadha? Ani hin beeku!23Ani yaada kana lamaan gidduutti rarraʼeera; ani deemee Al-Masiihii wajjin jiraachuu nan hawwa; kun waan hunda caalaatii;24isiniif garuu fooniin turuun koo caalaa barbaachisaa dha.25Anis kana amanadhee akka isin amantiin guddattanii fi akka isin gammaddaniif hunda keessan bira akka turu, isin wajjinis akka jiraadhun beeka.26Kunis ani ammas isin biratti argamuu kootiin of jajuun isin Al-Masiihi Iisaatti qabdan sababii kootiin akka baayʼatuuf.
Jireenya Injiilaaf Malu Jiraachuu
27Waan fedhe iyyuu taʼu akka injiila Al-Masiihiif malutti jiraadhaa. Yoos ani dhufee isin arguunis taʼu yookaan fagoo taaʼee waaʼee keessan dhagaʼuu qofaan, akka isin amantii injiilaatiif jettanii akkuma nama tokkootti tattaaffachuun hafuura tokkoon jabaattanii dhaabattan nan beeka.28Isin waanuma tokkoon illee mormitoota keessaniin hin raafaminaa. Kun isaaniif mallattoo badiisaa ti; isiniif immoo mallattoo fayyinaa ti; kunis hojii Allaaha ti.29Isin akka Al-Masiihitti amantan qofa utuu hin taʼin akka isaaf jettanii dhiphattaniifis kun isaaf jechaa isinii kennameeraatii;30kunis walʼaansoo ani keessa ture isa argitan sanaa fi isa ani amma iyyuu keessa jiru kan dhageessan kana keessa darbuutti waan jirtaniifii dha.Biblica, Inc.