Lakkoobsa27

Intallan Salaphaʼaad

1Balbala Minaasee ilma Yuusuf keessaas intallan Zelofehaad ilma Heefer, ilma Giliʼaad, ilma Maakiirii fi ilma Minaaseetu dhiʼaate. Maqaan intallan sanaas Mahilaa, Nuuhii, Hoglaa, Miilkaa fi Tiirzaa dha.2Isaanis balbala dunkaana wal gaʼii dura, fuula Muusaa fi Eleʼaazaar lubichaa dura, fuula hooggantootaatii fi waldaa hundaa dura dhaabatanii akkana jedhan;3“Abbaan keenya Gammoojjii keessatti duʼe. Inni hooggantoota Qooraahi kanneen Rabbii Allaahatti fincilan sana keessa hin turre. Garuu inni cubbudhuma ofii isaatiin duʼe. Ilmaanis hin qabu ture.4Maaliif maqaan abbaa keenyaa sababii inni ilma hin qabneef balbala isaa keessaa bada? Firoota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuu kenni.”
5Muusaan dubbii isaanii sana fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeesse;6Rabbii Allaahanis akkana jedheen;7“Wanni intallan Zelofehaad jedhan kun sirrii dha. Atis firoota abbaa isaanii gidduutti dhaala kenniif; dhaala abbaa isaaniis isaaniif dabarsi.
8“Israaʼelootaan akkana jedhi; ‘Yoo namni utuu ilma hin dhalchin duʼe, dhaala isaa intala isaatiif dabarsaa.9Yoo inni intalas qabaachuu baate dhaala isaa obboloota isaatiif kennaa.10Yoo inni obboloota qabaachuu baate dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennaa.11Yoo abbaan isaa obboloota qabaachuu baate immoo dhaala isaa balbala isaa keessaa fira aanteef kennaa; firri sun haa dhaalu. Kunis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sanatti saba Israaʼeliif sirna seera qabeessa haa taʼu.’ ”

Yushuʼaan Iddoo Muusaa Buʼuu Isaa

12Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; “Tulluu Abaariim kanatti ol baʼiitii biyya ani saba Israaʼeliif kenne ilaali.13Erga biyya sana argitee booddee atis akkuma obboleessa kee Haaruun gara saba keetiitti walitti qabamta;14yeroo waldaan Gammoojjii Siin keessatti natti finciletti isin lachanuus ajaja kootti finciltanii turtaniitii. Isin bishaanota sana biratti fuula isaanii duratti qulqullina koo hin mulʼifne.” Bishaanonni kunneenis bishaanota Mariibaa Qaadesh kan Gammoojjii Siin keessa jiranii dha.
15Muusaanis Rabbii Allaahan akkana jedhe;16“Rabbii Allaahan hafuurota nama hundaa waldaa kana irratti nama tokko haa muudu;17namichi kunis akka sabni Rabbii Allaah akkuma hoolota tiksee hin qabnee hin taaneef kan isaan dura gad baʼuu fi ol galu, kan gad isaan baasuu fi ol isaan galchuu dha.”
18Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; “Yushuʼaa ilma Nuuni, namicha hafuurri keessa jiru sana fuudhii harka kee isa irra kaaʼi.19Akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhi; fuuluma isaanii durattis isa muudi.20Akka sabni Israaʼel hundi isaaf ajajamuuf aangoo kee irraa kenniif.21Innis fuula Eleʼaazaar lubichaa kan fuula Rabbii Allaah duratti Uriimiidhaan gaafatee murtii isaaf kennuu dura dhaabachuu qaba. Innii fi waldaan Israaʼelootaa hundi ajaja isaatiin baʼu; ajajuma isaatiinis galu.”
22Muusaan akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe. Innis Yushuʼaa geessee akka inni fuula Eleʼaazaar lubichaatii fi fuula waldaa Israaʼel hundaa dura dhaabatu godhe.23Ergasiis akkuma Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin ajaje sana harka ofii isaa isa irra kaaʼee isa muude.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3