Lakkoobsa20

Bishaan Kattaa Keessaa Burqe

1Jiʼa jalqabaatti waldaan Israaʼelootaa guutuun Gammoojjii Siin gaʼe; isaanis Qaadesh keessa turan. Miiriyaamis achitti duutee qabbaramte.
2Waldaan sun bishaan hin qabu ture; kanaafuu waldaan sun Muusaa fi Haaruuniin mormuuf walitti qabame.3Isaanis akkana jedhanii Muusaa fi Haaruuniin lolan; “Maaloo utuu nus gaafuma obboloonni keenya fuula Rabbii Allaah duratti duʼan sana duunee jiraannee!4Isin maaliif waldaa Rabbii Allaah gammoojjii kanatti fiddan? Akka nuu fi horiin keenya asitti dhumnuufii?5Maaliif biyya Gibxiitii iddoo hamaa kanatti gad nu baaftan? Iddoon kun midhaan yookaan harbuu yookaan ija wayinii yookaan roomaanii hin qabu. Bishaan dhugaatiis hin jiru!”
6Muusaa fi Haaruun waldaa biraa gara balbala dunkaana wal gaʼii deemanii addaan lafatti gombifaman; ulfinni Rabbii Allaahas isaanitti mulʼate.7Rabbii Allaahanis Muusaadhaan akkana jedhe;8“Ulee sana fuudhiitii, atii fi obboleessi kee Haaruunis waldaa walitti qabaa. Fuuluma isaanii durattis kattaa sanatti dubbadhaa; kattaan sunis bishaan baasa. Atis kattaa sana keessaa waldaadhaaf bishaan baafta; akkasiin isaanii fi horiin isaanii bishaan dhuguu dandaʼu.”
9Kanaafuu Muusaan akkuma inni isa ajaje sanatti ulee fuula Rabbii Allaah dura jiru sana fuudhe.10Muusaa fi Haaruun kattaa sana duratti waldaa walitti qaban; Muusaanis waldaa sanaan, “Finciltoota nana, mee dhagaʼaa; nu kattaa kana keessaa bishaan isinii baasuu qabnaa?” jedhe.11Muusaan harka ol fudhatee ulee isaa sanaan yeroo lama kattaa sana dhaʼe. Bishaan achi keessaa lolaanaan waldaa fi horiin isaanii dhugan.
12Rabbii Allaahan garuu Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe; “Sababii isin fuula Israaʼelootaa duratti akka qulqullummaa kootiitti na kabajjanii natti amanuu diddaniif, isin biyya ani isaanii kenne sanatti waldaa kana hin galchitan.”
13Kun bishaan Mariibaa, lafa Israaʼeloonni itti Rabbii Allaahan wal dhabanii fi lafa inni itti akka qulqulluu taʼe gidduu isaaniitti of argisiisee ti.

Edoom Israaʼelin Karaa Darbuu Dhowwe

14Muusaan akkana jedhee Qaadesh irraa mootii Edoomiitti ergamoota erge:
“Obboleessi kee Israaʼel akkana jedha: Ati waaʼee rakkina nutti dhufe hundaa ni beekta.
15Abbootiin keenya Gibxitti gad buʼan; nus waggaa hedduu achi jiraanne. Warri Gibxis nuu fi abbootii keenya cunqursan;16garuu nu Rabbii Allaahatti iyyaannaan, inni nu dhagaʼee malaʼikkaa isaa ergee biyya Gibxii nu baase.
“Nu amma as Qaadeshitti jechuunis magaalaa daarii biyya keetii irra jiru tokko keessa jirra.
17Maaloo mee akka biyya kee keessa baanee dabarru nuu eeyyami. Nu lafa qotiisaa yookaan iddoo dhaabaa wayinii tokko keessa iyyuu hin yaanu yookaan bishaan boolla bishaanii tokkoo iyyuu si duraa hin dhugnu. Nu karaa mootichaa irra godaanna malee hamma daarii kee keessaa baanutti bitaa mirgatti hin gorru.”
18Edoom immoo akkana jedhee deebii kenne:
“Isin asiin darbuu hin dandeessan; yoo darbuu yaaltan immoo nu isinitti kaanee goraadeedhaan isin dhoofna.”
19Israaʼeloonnis akkana jedhanii deebii kennan:
“Nu karuma guddicha irra yaana; yoo nu yookaan horiin keenya bishaan keessan kam iyyuu dhuge, nu gatii isiniif kaffalla. Nu miilla qofaan yaanee darbuu feena; kana malee waan biraa hin feenu.”
20Isaan amma illee akkana jedhanii deebisan:
“Isin asiin hin dabartan.”
Edoomis loltoota baayʼee fi jajjaboo fudhatee isaanitti gad baʼe.
21Sababii Edoom biyya ofii isaa keessaan darbuu isaan dhowweef Israaʼeloonni isaan irraa deebiʼan.

Haaruun Duʼuu Isaa

22Sabni Israaʼel hundinuu Qaadeshii kaʼee Tulluu Hoori gaʼe.23Rabbii Allaahanis Tulluu Hoori cinatti daangaa Edoom biratti Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe;24“Haaruun gara abbootii isaatti walitti qabama. Sababii isin lachuu bishaan Mariibaa biratti ajaja kootti finciltaniif, inni biyya ani Israaʼelootaaf kennutti hin galu.25Haaruunii fi ilma isaa Eleʼaazaar fuudhiitii Tulluu Hooritti ol baasi.26Haaruun irraa uffata isaa baasiitii ilma isaa Eleʼaazaaritti uffisi; Haaruun gara abbootii isaatti walitti qabamaatii. Inni achitti duʼa.”
27Muusaan akkuma Rabbii Allaahan isa ajaje sana godhe: Isaanis utuma waldaan Israaʼel guutuun ilaaluu Tulluu Hooritti ol baʼan.28Muusaanis uffata Haaruun irraa baasee ilma isaa Eleʼaazaaritti uffise. Haaruunis achuma tulluu sana gubbaatti duʼe. Muusaa fi Eleʼaazaaris tulluu sana irraa gad buʼan;29yommuu waldaan Israaʼel hundi akka Haaruun duʼe dhagaʼetti manni Israaʼel guutuun bultii soddoma booʼeef.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3