Lakkoobsa12

Miiriyaamii fi Haaruun Muusaadhaan Morman

1Miiriyaamii fi Haaruun sababii Muusaan dubartii Itoophiyaa fuudheef isaan mormuudhaan dubbachuu jalqaban; inni dubartii Itoophiyaa fuudhee tureetii.2Isaanis, “Rabbii Allaahan karaa Muusaa qofaan dubbatee? Inni karaa keenyaanis dubbatee ture mitii?” jedhan. Rabbii Allaahanis dubbii kana dhagaʼe.
3Muusaan namoota lafa irra jiraatan hunda caalaa nama akka malee gad of qabu ture.
4Rabbii Allaahanis yommusuma Muusaan, Haaruunii fi Miiriyaamiin, “Isin sadanuu gara dunkaana wal gaʼiitti gad baʼaa” jedhe. Isaan sadanuus gad baʼan.5Ergasii Rabbii Allaahan utubaa duumessaa keessaan gad buʼee balbala dunkaanaa irra dhaabatee Haaruunii fi Miiriyaamin waame. Jarri lachuu isatti dhiʼaannaan,6inni akkana jedheen; “Dubbii koo dhagaʼaa:“Yoo nabiiʼiyyiin Rabbii Allaah gidduu keessan jiraate,ani mulʼata keessa isatti of nan mulʼisa;abjuudhaanis isatti nan dubbadha.7Garuu garbichi koo Muusaan akkana miti;inni mana koo hunda keessatti amanamaa dha.8Ani utuu dhoksaadhaan hin taʼin,ifaan ifatti isatti nan dubbadha;inni bifa Rabbii Allaah ni arga.Yoos isin maaliifgarbicha koo Muusaadhaan mormuudhaan dubbachuu hin sodaanne ree?”
9Aariin Rabbii Allaahanis isaan irratti bobaʼe; innis isaan dhiisee deeme.
10Yommuu duumessi sun dunkaana gubbaadhaa ol kaʼetti kunoo, Miiriyaam lamxooftee akkuma cabbii addaattee turte. Haaruunis gara isheetti garagalee akka isheen lamxii qabdu arge;11innis Muusaadhaan akkana jedhe; “Maaloo yaa gooftaa ko, cubbuu nu gowwummaadhaan hojjenne sana nutti hin lakkaaʼin.12Akka gatata foon isaa gariin nyaatamee gadameessa haadha isaa keessaa baʼu tokkoo ishee hin godhin.”
13Muusaan Rabbii Allaahatti booʼee, “Rabbii Allaah, maaloo ishee fayyisi!” jedhe.
14Rabbii Allaahan akkana jedhee Muusaadhaaf deebii kenne; “Utuu abbaan ishee fuula isheetti tufee silaa isheen bultii torba salphina keessa turti mitii ree? Isheen bultii torba qubataan ala haa turtu; ergasii deebitee dhufuu dandeessi.”15Miiriyaam bultii torba qubataan ala turte; sabni sunis hamma isheen deebitutti deemsa itti hin fufne.
16Ergasii sabni sun Haxerootii kaʼee Gammoojjii Phaaraan keessa qubate.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3