Nahimiyaa12

Lubootaa fi Lewwota

1Isaan kunneen lubootaa fi Lewwota warra Zarubaabel ilma Sheʼaltiiʼeelii fi Yushuʼaa wajjin deebiʼanii dha:
Seraayaa, Ermiyaas, Izraa,
2Amariyaa, Maluuk, Haxuush,3Shekaaniyaa, Rehuum, Mereemooti,4Iddoo, Ginetoon, Abiyaa,5Miyaamiin, Maʼaadiyaa, Bilgaa,6Shemaaʼiyaa, Yooyaariib, Yedaaʼiyaa,7Saʼaaluu, Aamoq, Hilqiyaa fi Yedaaʼiyaa.
Warri kun bara Yushuʼaa keessa hooggantoota lubootaatii fi obboloota isaanii turan.
8Lewwonni immoo Yeeshuuʼaa, Binuuyii, Qadmiiʼeel, Sheereebiyaa, Yihuudaa akkasumas Mataaniyaa isa obboloota isaa wajjin zabuurii galataatti itti gaafatamaa ture sana turan.9Obboleeyyan isaanii Baqbuqiyaa fi Unniin yeroo tajaajilaatti fuullee isaanii dhadhaabachaa turan.
10Yushuʼaan abbaa Yooyaaqiim; Yooyaaqiim abbaa Eliyaashiib; Eliyaashiib abbaa Yooyaadaa ti;11Yooyaadaan abbaa Yoonaataan; Yoonaataan abbaa Yaaduʼaa ti.
12Isaan kunneen bara Yooyaaqiim keessa abbootii maatiiwwan lubootaa turan:
Maatii Seraayaa keessaa Meraayaa; maatii Ermiyaas keessaa Hanaaniyaa;
13maatii Izraa keessaa Meshulaam; maatii Amariyaa keessaa Yehohaanaan;14maatii Maliikii keessaa Yoonaataan; maatii Shebaniyaa keessaa Yuusuf;15maatii Haariim keessaa Adinaa; maatii Meraayoot keessaa Helqaayi;16maatii Iddoo keessaa Zakariyaa; maatii Ginetoon keessaa Meshulaam;17maatii Abiyaa keessaa Zikrii; maatii Miniyaamiinii fi kan Moʼaadiyaa keessaa Philxaayi;18maatii Bilgaa keessaa Shamuuʼaa; maatii Shemaaʼiyaa keessaa Yoonaataan;19maatii Yooyaariib keessaa Matenaayi; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Uzii;20maatii Saʼaaluu keessaa Qaalaayi; maatii Aamoq keessaa Eeber;21maatii Hilqiyaa keessaa Hashabiyaa; maatii Yedaaʼiyaa keessaa Naatnaaʼel.
22Abbootiin maatii Lewwotaa bara Eliyaashiib, Yooyaadaa, Yoohaanaanii fi bara Yaaduʼaa keessa akkasumas abbootiin maatii lubootaa bara mootummaa Daariyoos namicha Faares sanaa keessa galmeeffaman.23Lewwonni warri abbootii maatii turan hamma bara Yoohaanaan ilma Eliyaashiibitti kitaaba seenaa keessatti galmeeffaman.24Hangafoonni Lewwotaas Hashabiyaa, Sheereebiyaa, Yeeshuʼaa ilma Qadmiiʼeel akkasumas obboloota isaanii warra akkuma Daawud namni Allaaha sun ajajetti faarfannaa fi galata dhiʼeessuudhaaf fuullee isaanii dhaabatanii gareen tokko garee kaan jalaa qabu sana turan.
25Mataaniyaan, Baqbuqiyaan, Obaadiyaan, Meshulaam, Talmoonii fi Aquub mankuusaalee karrawwan bira jiran eegu turan.26Isaanis bara Yooyaaqiim ilma Yushuʼaa, ilma Yoozaadaaq keessa, bara Nahimiyaa bulchaa biyyaatii fi bara Izraa lubicha barreessaa sanaa keessa tajaajilaa turan.

Eebba Dallaa Yerusaalem

27Yeroo eebba dallaa Yerusaalemitti Lewwonni akka zabuurii galataatiin, kililleedhaan, baganaa fi kiraaraan ayyaana eebbaa sana gammachuun ayyaaneffataniif iddoo jiraatan hundaa barbaadamanii gara Yerusaalem fidaman.28Faarfattoonnis biyya naannoo Yerusaalem jechuunis gandoota Netoofotaatii,29Beet Gilgaalii, naannoo Gebaatii fi Azmaawetitti walitti fidaman; faarfattoonni naannoo Yerusaalemitti gandoota ofii isaanii ijaarratanii turaniitii.30Luboonnii fi Lewwonnis erga akka seeraatti of qulqulleessanii booddee saba, karrawwanii fi dallaa sana qulqulleessan.
31Anis akka hooggantoonni Yihuudaa dallaatti ol baʼan nan godhe. Akkasumas akka isaan galata dhiʼeessaniif tuuta faarfattootaa lama nan ramade. Tuunni tokko karaa mirgaatiin dallaa irraan gara Karra Dikee dhaqe.32Hooshaʼiyaa fi hooggantoota Yihuudaa keessaa walakkaan,33Azaariyaa, Izraa, Meshulaam,34Yihuudaa, Biniyaam, Shemaaʼiyaa fi Ermiyaas wajjin isaan duukaa buʼan;35akkasumas luboonni malakata qabatan tokko tokkoo fi Zakariyaa ilmi Yoonaataan, ilmi Shemaaʼiyaa, ilmi Mataaniyaa, Miikaayaa, ilmi Zakuur, ilmi Asaaf isaan duukaa buʼan;36amma illee obboloota isaa jechuunis Shemaaʼiyaan, Azariʼeel, Miilaalaayi, Gilaalayi, Maaʼayi, Naatnaaʼel, Yihuudaa fi Hanaaniim akkuma Daawud namni Allaaha sun ajajetti meeshaa faarfannaa fudhatanii dhaqan. Izraan barreessaan sun immoo isaan hoogganaa ture.37Isaanis Karra Burqaa biraa kaʼanii gulantaawwan Magaalaa Daawud iddoo dallaan ittiin ol kaʼu sanaan mana Daawud irraan qajeelanii gara Karra Bishaanii kan gama baʼa biiftuutti ol baʼan.
38Tuunni faarfattootaa lammaffaan immoo gara bitaatti qajeele. Anis gartokkee sabaa wajjin dallaa gubbaadhaan gara Gamoo ol dheeraa Iddoo Ibiddaatii fi Dallaa Balʼaatti isaan duukaa buʼe;39akkasumas ani Karra Efreem irraan, karaa Karra Moofaa, karaa Karra Qurxummii, karaa Gamoo ol dheeraa Hanaaniʼeelii fi Karaa Gamoo ol dheeraa Dhibbaatiin hamma Karra Hoolotaatti isaan duukaa nan buʼe. Isaanis Karra Eegdotaa bira gaʼanii dhaabatan.
40Tuunni faarfattootaa kan galata dhiʼeesse sun lachuu mana Allaaha keessatti iddoo isaa qabate; anis qondaaltota gartokko wajjin iddoo nan qabadhe;41amma illee luboonni jechuunis Eliiyaaqiim, Maʼaseyaan, Miiniyaamiin, Miikaayaan, Eliiyooʼeenayin, Zakariyaa fi Hanaaniyaan malakata isaanii qabatanii42Maʼaseyaan, Shemaaʼiyaan, Eleʼaazaar, Ooziin, Yehohaanaaniin, Malkiyaan, Eelaamii fi Eezer iddoo iddoo isaanii qabatan. Faarfattoonni immoo Yizrahiyaadhaan qajeelfamanii faarfatan.43Isaanis sababii Allaahan gammachuu guddaa isaaniif kenneef gaafas gammadaa aarsaa guddaa dhiʼeessan. Dubartoonnii fi ijoolleenis ni gammadan. Sagaleen gammachuu Yerusaalem keessaas fagootti dhagaʼame.
44Yeroo sanatti namoonni mankuusaalee gumaachi, mataan midhaaniitii fi kennaan harka kudhan keessaa tokkoo itti galfamu irratti itti gaafatamtoota taʼanii muudaman. Isaanis lafa qotiisaa naannoo magaalaawwanitti argaman irraa qooda Seerri lubootaa fi Lewwotaaf ajaju sana fidanii mankuusaaleetti galchan; Yihuudaan lubootaa fi Lewwota tajaajilanitti gammadee tureetii.45Isaanis tajaajila Allaah isaaniitii fi tajaajila sirna qulqullessuu sana akkuma faarfattoonnii fi eegdonni karraa godhan sana akkuma Daawudii fi ilmi isaa Suleyimaan ajajanitti raawwatan.46Jabana durii bara Daawudii fi Asaaf keessa qajeelchitoota faarfattootaa, kan faarfannaa Allaah leellisuutii fi kan Allaah galateeffachuutu tureetii.47Kanaafuu bara Zarubaabelii fi bara Nahimiyaa keessa Israaʼeloonni hundi qooda guyyuma guyyaadhaan faarfattootaa fi karra eegdotaaf barbaachisu kennan. Akkasumas Lewwota kaaniif qooda isaanii kophaatti baasan; Lewwonnis qooda sanyiiwwan Haaruun kophaatti baasan.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3