Maatewos1

Hidda Dhaloota Iisaa Al-Masiihii

1Hiddi dhaloota Iisaa Al-Masiihii sanyii Daawud, sanyii Ibraahim taʼe sanaa kanaa dha:
2Ibraahim Yisihaaqin dhalche; Yisihaaq Yaaʼikuubin dhalche; Yaaʼikuub Yihuudaa fi obboloota isaa dhalche;3Yihuudaan Taamaar irraa Faaresii fi Zeraa dhalche; Faares Hezroonin dhalche; Hezroon Arraamin dhalche;4Arraam Amiinaadaabin dhalche; Abiinaadaab Nahishoonin dhalche; Nahishoon Salmoonin dhalche;5Salmoon Rahaab irraa Boʼeezin dhalche; Boʼeez Ruut irraa Yoobeedin dhalche; Yoobeed Isseeyin dhalche;6Isseey Daawud Mooticha dhalche.
Daawud niitii Uuriyaa irraa Suleyimaanin dhalche;
7Suleyimaan Rehooboʼaamin dhalche; Rehooboʼaam Abiyaa dhalche; Abiyaan Asaafin dhalche;8Asaaf Yehooshaafaaxin dhalche; Yosaafaax Yehooraamin dhalche; Yooraam Uziyaan dhalche;9Uziyaan Yootaamin dhalche; Yootaam Akaazin dhalche; Akaaz Hisqiyaasin dhalche;10Hisqiyaas Minaasee dhalche; Minaaseen Aamoonin dhalche; Aamoon Yosiyaasin dhalche;11Yosiyaas bara boojuu Baabilon keessa, Yekooniyaanii fi obboloota isaa dhalche.
12Boojuu Baabilon booddee, Yekooniyaan Sheʼaltiiʼeelin dhalche; Sheʼaltiiʼeel Zarubaabelin dhalche;13Zarubaabel Abiyuudin dhalche; Abiyuud Eliyaaqeemin dhalche; Eliyaaqeem Azoorin dhalche;14Azoor Zaadoqin dhalche; Zaadoq Akiimin dhalche; Akiim Eliyuudin dhalche;15Eliyuud Eleʼaazaarin dhalche; Eleʼaazaar Maattaanin dhalche; Maattaan Yaaʼikuubin dhalche;16Yaaʼikuub Yuusufin dhalche; Yuusuf kunis dhirsa Mariyaam ishee Iisaa isa Al-Masiihii jedhamu deesse sanaa ti.
17Egaa walumaa galatti Ibraahimii hamma Daawuditti dhaloota kudha afur, Daawudii hamma boojuu Baabilonitti dhaloota kudha afur, boojuu Baabilonii hamma Al-Masiihiitti dhaloota kudha afurtu ture.

Dhalachuu Iisaa Al-Masiihii

18Dhalachuun Iisaa Al-Masiihii akkana ture: Haati isaa Mariyaam kaadhima Yuusuf turte; isheenis utuu Yuusuf wajjin wal bira hin gaʼin Hafuura Qulqulluudhaan ulfooftee argamte.19Yuusuf kaadhimni ishee sunis nama qajeelaa waan tureef, dhoksaadhaan ishee dhiisuu murteesse malee uummata duratti ishee qaanessuu hin barbaanne.
20Utuu inni waan kana yaadaa jiruu, malaʼikkaan Gooftaa abjuu keessa itti mulʼatee akkana jedheen; “Yaa Yuusuf ilma Daawud, kaadhimni kee Mariyaam Hafuura Qulqulluudhaan waan ulfoofteef ishee fuudhuu hin sodaatin.21Isheen ilma deessi; atis maqaa isaa Iisaa jettee ni moggaafta; inni saba isaa cubbuu isaanii irraa ni fayyisaatii.”
22Kun hundinuu akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin dubbate sun raawwatamuuf taʼe.23Innis, “Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu” jedha. Amaanuʼel jechuunis, “Allaahan nu wajjin jira” jechuu dha.
24Yuusufis hirribaa dammaqee akkuma malaʼikkaan Gooftaa isa ajajetti Mariyaamin niitummaadhaan mana isaatti fudhate.25Garuu inni hamma isheen ilma deessutti ishee bira hin geenye. Maqaa isaas, “Iisaa” jedhee moggaase.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3