Luqaas7
Amantii Ajajaa Dhibbaa
1Iisaan yeroo waan kana hundumaa namoota isa dhaggeeffachaa turanitti himee fixatetti, Qifirnaahom seene.2Achis tajaajilaan ajajaa dhibbaa kan gooftaan isaa akka malee isa jaallatu tokko dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture.3Ajajaan dhibbaa sunis waaʼee Iisaa dhagaʼee akka inni dhufee garbicha isaa fayyisuuf maanguddoota Yihuudootaa isatti ergee kadhate.4Isaanis yommuu gara Iisaa dhufanitti akkana jedhanii jabeessanii isa kadhatan; “Ati waan kana isaaf gochuun namicha kanaaf ni mala;5inni saba keenya ni jaallataatii; mana sagadaas nuuf ijaareera.”6Kanaafuu Iisaan jara wajjin deeme.Yeroo inni manichatti dhiʼaatetti ajajaan dhibbaa sun akkana jedhee michoota isaa Iisaatti erge; “Yaa gooftaa of hin rakkisin; ati bantii mana koo jala seenuun naaf hin maluutii.7Sababiin ani ofii koo akka nama gara kee dhufuun maluufitti hin ilaaliniif iyyuu kanuma. Garuu dubbicha qofa dubbadhu; tajaajilaan koo ni fayyaatii.8Ani mataan koo iyyuu nama taayitaa jala jiruu dha; loltootas of jalaa qaba. Isa tokkoon, ‘Deemi’ nan jedha; innis ni deema; isa kaaniin immoo, ‘Kottu’ nan jedha; innis ni dhufa. Tajaajilaa kootiinis, ‘Waan kana hojjedhu’ nan jedha; innis ni hojjeta.”9Iisaan yommuu waan kana dhagaʼetti isa dinqifate; namoota isa duukaa buʼaa turanittis garagalee, “Ani isinittin hima; ani amantii guddaa akkanaa Israaʼel keessatti iyyuu hin arganne”jedhe.10Yommuu namoonni ergamanii turan manatti deebiʼanitti garbichi sun fayyee isaan eege.
Iisaan Ilma Haadha Hiyyeessaa Duʼaa Kaase
11Iisaan ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan.12Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan.13Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, “Hin booʼin”jedheen.14Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, “Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!”jedheen.15Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Iisaanis deebisee haadha isaatti isa kenne.16Hundi isaanii ni sodaatan; “Nabiiʼiyyiin guddaan nu keessaa argameera. Allaahanis saba isaa gargaaruuf dhufeera” jedhanii Allaahaf ulfina kennan.17Oduun waaʼee Iisaa kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe.Iisaa fi Yahyaa
18Barattoonni Yahyaa waaʼee waan kana hundaa isatti himan. Yahyaanis isaan keessaa nama lama ofitti waamee,19“Inni dhufuuf jiru siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?” jedhee gaafachuudhaaf Gooftaatti isaan erge.20Namoonni sunis yommuu gara Iisaa dhufanitti, “Yahyaan, ‘Inni dhufuuf jiru sun siʼi moo yookaan kan biraa eegganna?’ jedhee gaafachuudhaaf sitti nu ergeera” jedhaniin.21Iisaanis yeruma sana namoota dhibee, dhukkubaa fi hafuura hamaa qaban hedduu fayyise; warra jaamaa turan baayʼeedhaafis agartuu deebise.22Innis akkana jedhee ergamoota sanaaf deebii kenne; “Deebiʼaatii waan argitanii fi waan dhageessan Yahyaatti himaa; jaamonni ni argu; warri naafatan ni deemu; warri lamxaaʼan ni qulqullaaʼu; warri duudan ni dhagaʼu; warri duʼan ni kaʼu; hiyyeeyyiifis injiilli ni lallabama.23Namni natti hin gufanne kam iyyuu eebbifamaa dha.”24Erga ergamoonni Yahyaa baʼanii qajeelanii booddee Iisaan akkana jedhee waaʼee Yahyaa namootatti himuu jalqabe; “Isin maal arguuf gammoojjiitti gad baatan? Shambaqqoo qilleensi raasu moo?25Yoos maal arguu baatan ree? Nama uffata miidhagaa uffate moo? Lakki, warri uffata miidhagaa uffatanii qananiidhaan jiraatan masaraawwan keessa jiru.26Garuu isin maal arguu baatan? Nabiiʼiyyii moo? Eeyyee; ani isinittin hima; kan raajii iyyuu caalu.27Kunis isa waaʼeen isaa akkana jedhamee barreeffamee dha:“ ‘Kunoo, ani malaʼikkaa koo isa fuula kee duraan karaa kee qopheessu,fuula kee dura nan erga.’ 28Ani isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yahyaa caalu tokko iyyuu hin jiru; namni mootummaa Allaaha keessatti nama hundumaa gad taʼe garuu isa ni caala.”29Namoonni hundi, qaraxxoonni iyyuu waan harka Yahyaatti cuuphamanii turaniif yommuu dubbii Iisaa dhagaʼanitti, karaan Allaaha qajeelaa taʼuu isaa mirkaneessan.Iisaa fi Fariisota
30Fariisonnii fi beektonni seeraa garuu sababii harka Yahyaatti hin cuuphaminiif kaayyoo Allaahan isaaniif qabu fudhachuu didan.31Iisaan itti fufee akkana jedhe; “Yoos ani namoota dhaloota kanaa maaliinan wal fakkeessuu dandaʼa ree? Isaan maal fakkaatu?32Isaan akkuma ijoollee iddoo gabaa taaʼanii wal waamanii akkana jedhanii ti:“ ‘Nu ulullee isinii afuufne;isin garuu hin sirbine;faaruu booʼichaas faarsine;isin garuu hin boonye.’33Yahyaan yeroo dhufetti buddeena hin nyaatu, daadhii wayiniis hin dhugu tureetii; isin immoo, ‘Inni hafuura hamaa qaba’ jettu.34Ilmi Namaa nyaachaa, dhugaas dhufe; isin immoo, ‘Kunoo albaadhessaa fi machaaʼaa, michuu qaraxxootaatii fi cubbamootaa’ jettu.35Ogummaan garuu ijoollee ishee hundumaan mirkaneeffamti.”Iisaan Shittoo Dibamuu Isaa
36Fariisota keessaa namichi tokko akka inni isa wajjin nyaatuuf Iisaa affeere; innis mana Fariisichaa dhaqee maaddiitti dhiʼaate.37Dubartiin cubbamtuun magaalaa sanaa tokkos yommuu akka Iisaan mana Fariisichaatti waa nyaachaa jiru bartetti bilqaaxxii albaasxiroositti shittoo qabattee dhufte.38Isheenis booʼaa dugda isaa duubaan miilla isaa bira dhaabattee imimmaan isheetiin miilla isaa jiisuu jalqabde. Rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxee, dhungattees miilla isaa shittoo dibde.39Fariisichi isa affeere sunis waan kana argee, “Namichi kun utuu nabiiʼiyyii taʼee, dubartiin isa tuqxu kun eenyu akka taate, nama akkamiis akka taate ni beeka ture; isheen cubbamtuudhaatii” jedhee garaa isaa keessatti yaade.40Iisaan immoo, “Yaa Simoon, ani waanan sitti himu tokko qaba”jedheen.Innis, “Yaa barsiisaa natti himi” jedhe.41Iisaanis akkana jedheen; “Namoonni lama nama maallaqa liqeessu tokko irraa maallaqa liqeeffatan. Inni tokko diinaarii dhibba shan liqeeffate; kaan immoo diinaarii shantama liqeeffate.42Jarri lachuu waan isaaf kaffalan dhabnaan dhiiseef. Egaa jara lamaan keessaa kamtu caalaa isa jaallata?”43Simoonis deebisee, “Isa liqiin guddaan dhiifameef sana natti fakkaata” jedheen.
Iisaanis, “Ati dhugaa dubbatte”isaan jedhe.44Innis gara dubartittiitti garagalee Simooniin akkana jedhe; “Dubartii kana argitaa? Ani mana kee nan dhufe. Ati bishaan miillaa illee naaf hin kennine; isheen garuu imimmaan isheetiin miilla koo dhiqxee rifeensa mataa isheetiin haqxe.45Ati na hin dhunganne; dubartiin kun garuu yeroo ani ol seenee jalqabdee miilla koo dhungachuu hin dhiifne.46Ati Zayitii iyyuu mataa koo hin dibne; isheen garuu miilla koo shittoo dibde.47Kanaafuu ani sittin hima; sababii jaalalli ishee guddaa taʼeef cubbuun ishee baayʼeen sun isheef dhiifameera. Kan xinnoon dhiifameef garuu jaalalli isaa xinnoo dha.”48Iisaanis dubartittiidhaan, “Cubbuun kee siif dhiifameera”jedhe.49Warri isa wajjin maaddiitti dhiʼaatanii turanis, “Namni cubbuu iyyuu namaa dhiisu kun eenyu?” jedhanii garaa isaaniitti yaaduu jalqaban.50Iisaanis dubartittiidhaan, “Amantiin kee si fayyiseera; nagaan deemi”jedhe.
Biblica, Inc.