Luqaas24
Iisaan Duʼaa Kaʼuu Isaa
1Guyyaa jalqaba torban sanaa ganama barii, dubartoonni sun urgooftuu qopheessan sana fudhatanii gara qabrii dhaqan.2Isaanis dhagaa sana balbala qabrii irraa gara galfamee argan;3yommuu seenanitti garuu reeffa Gooftaa Iisaa hin arganne.4Utuma isaan waaʼee kanaa dinqisiifachaa jiranuu, namoonni uffata caccalaqqisaa uffatan lama isaan bira dhadhaabatan.5Dubartoonni sunis sodaatanii mataa buusanii lafa ilaalan; namoonni sun garuu akkana isaaniin jedhan; “Isin maaliif warra duʼan keessa isa jiraataa barbaaddu?6Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa.7‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’jedhee tureetii.”8Dubartoonnis dubbii isaa yaadatan.9Isaanis yommuu iddoo qabriitii deebiʼanitti waan kana hunda barattoota kudha tokkottii fi namoota hafan hundatti himan.10Warri waan kana ergamootatti himanis Mariyaam ishee Magdalaa, Yohaanaa, Mariyaam haadha Yaaʼikuubii fi dubartoota biraa warra isaan wajjin turanii dha.11Isaan garuu sababii dubbichi oduu sobaa itti fakkaateef dubartoota sana hin amanne.12Taʼus Phexros kaʼee gara qabrii sanaatti fiige. Yommuu gad jedhee ilaalettis huccuu quncee talbaa irraa hojjetame qofa arge; innis waan arge sana dinqifachaa deebiʼe.Karaa Gara Emaaʼuus Geessu Irratti
13Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata.14Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan.15Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Iisaan mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe.16Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.17Innis, “Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?”jedhee isaan gaafate.Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan.18Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, “Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?” jedheen.19Innis, “Maal faatu taʼe?”jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii akkana jedhan, “Waaʼee Iisaa nama Naazreeti; inni nabiiʼiyyii ture; fuula Allaahatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture.20Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis.21Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha.22Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara qabrii sanaa dhaqanii,23reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka malaʼikkoonni isaanitti mulʼatanii, Iisaan jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan.24Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara qabrii dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine.”25Innis akkana isaaniin jedhe; “Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan nabiiʼiyyoonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan!26Al-Masiihiin waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?”27Innis Muusaa fi nabiiʼiyyoota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.28Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Iisaan waan darbee deemu of fakkeesse.29Isaan garuu, “Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli” jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.30Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne.31Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate.32Isaanis, “Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?” jedhanii wal gaafatan.33Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan.34Warri walitti qabaman sunis, “Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera” jechaa turan.35Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Iisaan buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.
Iisaan Barattootatti Mulʼachuu Isaa
36Utuu isaan waan kana dudubbachaa jiranuu, Iisaan mataan isaa gidduu isaanii dhaabatee, “Assalaam aleeyikum”jedheen.37Isaan garuu waan ekeraa argan seʼanii naʼan; ni sodaatanis.38Innis akkana isaaniin jedhe; “Maaliif sodaattu? Mamiinis maaliif garaa keessan keessatti uumama?39Akka anuma mataa koo taʼe mee harka koo fi miilla koo ilaalaa! Qaqqabadhaatii na ilaalaa; ekeraan foonii fi lafee hin qabu; ani garuu akkuma isin argitan kana foonii fi lafee qaba.”40Innis waan kana dubbatee harka isaatii fi miilla isaa isaanitti argisiise.41Utuma isaan sababii gammachuutii fi sababii dinqifannaatiif amma illee hin amanin, “Isin waan nyaatamu asii qabduu?”jedhee isaan gaafate.42Isaanis qurxummii waadame kennaniif;43innis fudhatee fuuluma isaanii duratti nyaate.44Innis, “Yeroo ani isin bira turetti, ‘Wanni seera Muusaa keessatti, kitaabota nabiiʼiyyootaatii fi Kitaaba Zabuurii keessatti waaʼee koo barreeffame hundi raawwatamuu qaba’ jedhee isinitti hime sun isa kana”jedheen.45Innis akka isaan Katabbiiwwan Qulqulluu hubataniif qalbii isaanii baneef.46Akkanas isaaniin jedhe; “Wanni barreeffame akkana jedha; ‘Al-Masiihiin ni dhiphata; guyyaa sadaffaatti immoo warra duʼan keessaa ni kaʼa;47maqaa isaatiinis qalbii jijjiirrachuunii fi dhiifamni cubbuu Yerusaalemii jalqabee saba hundatti ni lallabama.’48Isinis dhuga baatota waan kanaa ti.49Kunoo ani waan Abbaan koo waadaa isinii gale sana isiniif nan erga; isin garuu hamma olii humna uffattanitti magaalaa Yerusaalem keessa turaa.”Iisaan Shamaayʼuniitti Ol Baʼe
50Innis achii baasee hamma Biitaaniyaatti isaan geesse; harka isaa lamaanis ol kaafatee isaan eebbise.51Utuma isaan eebbisaa jiruus isaan dhiisee shamaayʼuniitti ol fudhatame.52Isaanis isaaf sagadanii gammachuu guddaadhaan Yerusaalemitti deebiʼan.53Yeroo hundas mana qulqullummaa keessatti Allaah galateeffachaa turan.Biblica, Inc.