Luqaas2
Dhalachuu Iisaa
1Bara sana keessa akka addunyaan Roomaa hundi galmeeffamuuf Awugisxoos Qeesaar biraa labsiin baʼe.2Lakkoobsi sabaa kunis bara Qereenewoos bulchaa biyya Sooriyaa turetti yeroo jalqabaatiif taasifame.3Namni hundinuu galmeeffamuuf gara magaalaa itti dhalatee dhaqe.4Yuusufis manaa fi sanyii Daawud keessaa waan dhalateef magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessaatii kaʼee gara magaalaa Daawud ishee Yihuudaa keessaa kan Beetlihem jedhamtuutti ol baʼe.5Innis kaadhima isaa Mariyaam ishee ulfa turte sana wajjin galmeeffamuu dhaqe.6Utuma isaan achi jiranuus yeroon daʼumsa ishee gaʼe.7Isheenis ilma ishee isa hangafa deesse. Waan mana bultii keessummootaa keessa iddoon hin jiraatiniif huccuudhaan martee bidiruu keessa isa ciibsite.Tiksootaa fi Malaʼikkoota Allaah
8Tiksoota halkan halkan ala bulanii bushaayee isaanii tikfatanitu biyya sana ture.9Malaʼikkaan Gooftaa isaanitti mulʼate; ulfinni Gooftaas naannoo isaaniitti ibse; isaanis akka malee sodaatan.10Malaʼikkaan sun garuu akkana isaaniin jedhe; “Hin sodaatinaa. Kunoo, ani oduu gaarii baayʼee nama gammachiisu kan saba hundumaaf taʼu isinii fideeraatii.11Harʼa magaalaa Daawud keessatti fayyisaan isiniif dhalateera; innis Al-Masiihii Goofticha.12Kunis mallattoo isiniif taʼa: Daaʼima huccuudhaan maramee bidiruu keessa ciisu tokko ni argitu.”13Malaʼikkaa sana wajjinis raayyaan shamaayʼun irraa baayʼeen akkuma tasaa mulʼatanii Allaah galateeffachaa akkana jedhan;14“Shamaayʼunii gubbaatti ulfinni Allaahaf,lafa irrattis nagaan namoota inni itti gammaduuf haa taʼu.”15Erga malaʼikkoonni tiksoota dhiisanii gara shamaayʼuniitti ol baʼanii booddee tiksoonni sun, “Kottaa Beetlihemin dhaqnee waan taʼe kan Gooftaan nutti hime kana ilaalaa” waliin jedhan.16Isaanis dafanii dhaqanii Mariyaamii fi Yuusufin, daaʼima bidiruu keessa ciisus argan.17Yommuu isa arganitti waan waaʼee mucichaa isaanitti himame sana odeessan;18warri waan kana dhagaʼan hundinuu waan tiksoonni isaanitti himan sana ni dinqifatan.19Mariyaam garuu waan kana hunda garaatti qabattee itti yaadaa turte.20Tiksoonnis sababii waan dhagaʼanii fi arganiitiif Allaahaf ulfina kennaa, isa jajachaas deebiʼan; wanni hundinuu akkuma isaanitti himame sana tureetii.Iisaan Mana Qulqullummaatti Dhiʼeeffame
21Innis guyyaa saddeettaffaatti, akkuma yeroon dhagna qabaa isaa gaʼeen maqaa utuu haati isaa iyyuu isa hin ulfaaʼiniin dura malaʼikkaan Allaaha isaaf baaseen Iisaa jedhamee moggaafame.22Akka Seera Muusaatti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yuusufii fi Mariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan.23Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, “Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama.” 24Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, “Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama” aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.25Kunoo, namichi qajeelaan Allaah sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture.26Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Al-Masiihii Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture.27Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Iisaa yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Iisaa mucicha baadhatanii ol seenanitti,28Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Allaah galateeffate:29“Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti,ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.30Iji koo fayyina kee isa ati31saba hundumaa duratti qopheessite argeera;32innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa;saba kee Israaʼeliif immoo ulfina.”33Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan.34Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Mariyaamiinis akkana jedhe; “Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera;35kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana.”36Gosa Aasheer keessaas nabiiʼiyyittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte;37isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi duʼaa gochuudhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte.38Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Allaahaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.39Yuusufii fi Mariyaamis waan seerri Gooftaa ajaju hunda raawwatanii gara Galiilaatti gara magaalaa isaanii Naazreetitti deebiʼan.40Mucichis guddatee jabaachaa deeme; ogummaadhaanis ni guutame; ayyaanni Allaahas isa irra ture.Iisaa Mucichi Mana Qulqullummaa Keessatti
41Abbaa fi haati isaa wagguma waggaan Ayyaana Faasiikaatiif jedhanii Yerusaalem dhaqaa turan.42Yommuu umuriin mucaa sanaa waggaa kudha lama guutettis akkuma sirna Ayyaanichaatti Yerusaalemitti ol baʼan.43Erga ayyaanichi raawwatee booddee utuu abbaa fi haati isaa gara mana isaaniitti deebiʼaa jiranuu, Iisaan mucichi Yerusaalemitti isaan biraa hafe; isaan garuu waan kana hin hubanne.44Isaanis waan inni miiltoo isaanii wajjin jiru seʼanii guyyaa tokko deeman. Ergasiis firoota isaaniitii fi michoota isaanii keessa isa barbaaduu jalqaban.45Yommuu isa dhabanittis, isa barbaaduuf Yerusaalemitti deebiʼan.46Guyyaa sadii booddee utuu inni barsiistota gidduu taaʼee isaan dhaggeeffatuu, gaaffiis isaan gaafatuu mana qulqullummaa keessatti isa argatan.47Warri isa dhagaʼan hundinuus hubannaa isaatii fi deebii inni kennu ni dinqifatan.48Abbaa fi haati isaas yommuu isa arganitti ni raajeffatan. Haati isaas, “Gurbaa, maaliif akkana nu goote? Kunoo, anii fi abbaan kee yaaddoo guddaadhaan si barbaadaa turree!” jetteen.49Innis deebisee, “Maaliif na barbaaddan? Akka ani mana Abbaa kootti argamuu qabu hin beekne moo?”isaaniin jedhe.50Isaan garuu dubbii inni isaanitti dubbate hin hubanne.51Innis isaan wajjin Naazreetitti gad buʼe; isaaniifis ni ajajama ture. Haati isaa garuu waan kana hunda garaatti qabatte.52Iisaanis ogummaadhaan, hojjaa fi surraadhaan fuula Allaahatii fi fuula namaa duratti guddachaa deeme.Biblica, Inc.