Lewwota10
Naadaabii fi Abiyuud Duʼan
1Ilmaan Haaruun jechuunis Naadaabii fi Abiihuu girgiraa isaanii fudhatanii ibidda itti naqanii ixaana irratti firfirsan; isaanis ibidda hin eeyyamamne kan Inni hin ajajin fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeessan.2Kanaafuu ibiddi Rabbii Allaah biraa baʼee gubee isaan fixe; isaanis fuula Rabbii Allaah duratti dhuman.3Muusaanis Haaruuniin akkana jedhe; “Wanni Rabbii Allaahan dubbate kanaa dha:“ ‘Ani warra natti dhiʼaatan gidduutti,qulqullina koo nan argisiisa;saba hunda durattisani nan ulfaadha.’ ”Haaruun immoo ni calʼise.4Muusaanis Miishaaʼeelii fi Elzaafaan ilmaan Uziiʼeel obboleessa abbaa Haaruun sanaa ofitti waamee, “Kottaatii durbiiwwan keessan fuula iddoo qulqulluu duraa fuudhaatii qubata keessaa gad baasaa” jedhe.5Jarris dhufanii akkuma Muusaan ajajetti akkuma isaan kittaa isaanii uffatanii jiranitti fuudhanii qubata keessaa gad isaan baasan.6Ergasii Muusaan Haaruunii fi ilmaan Haaruun, Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Mataa keessan filachuu hin dhiisinaa; wayyaa keessanis hin tarsaasinaa; yoo kanaa achii isin ni duutu; Rabbii Allaahanis saba guutuutti dheekkama. Garuu firoonni keessan manni Israaʼel hundi warra Rabbii Allaahan ibiddaan balleesse sanaaf booʼuu dandaʼu.7Sababii zayitiin Rabbii Allaah kan ittiin diban isin irra jiruuf isin balbala dunkaana wal gaʼii duraa hin deeminaa; yoo kanaa achii ni duutu.” Isaanis akkuma Muusaan isaan ajaje godhan.8Rabbii Allaahanis Haaruuniin akkana jedhe;9“Atii fi ilmaan kee yommuu dunkaana wal gaʼii ol seentanitti daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhuginaa. Yoo kanaa achii ni duutu. Wanni kun dhaloota dhufuuf seera bara baraa taʼa.10Isin waan qulqulluu fi waan qulqulluu hin taʼin, waan xuraaʼaa fi waan xuraaʼaa hin taʼin addaan baaftanii beekuu qabdu;11seera Rabbii Allaahan karaa Muusaatiin isaanii kenne hundas saba Israaʼel barsiisuu qabdu.”12Muusaanis Haaruunii fi ilmaan Haaruun warra hafan jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaariin akkana jedhe; “Kennaa midhaanii kan aarsaawwan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffaman sana irraa hafe fuudhaatii utuu inni hin bukaaʼin tolchaatii iddoo aarsaa biratti nyaadhaa; aarsaan kun waan hunda caalaa qulqulluudhaatii.13Wanni kun aarsaawwan ibiddaan Rabbii Allaahaf dhiʼeeffaman keessaa sababii qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼeef lafa qulqulluutti nyaadhaa; ani akkana ajajameeraatii.14Garuu ati, ilmaan keetii fi intallan kee handaraafa sochoofamee fi tafa dhiʼeeffame sana nyaachuu dandeessu. Waan kanas iddoo seeraan qulqulluu taʼetti nyaadhaa. Wanni kun qooda keetii fi qooda ilmaan keetii taʼee aarsaa nagaa kan saba Israaʼel irraa isiniif kennamee dhaatii.15Tafni dhiʼeeffamee fi handaraafni sochoofame sun akka aarsaa sochoofamu tokkootti akka fuula Rabbii Allaah duratti sochoofamuuf cooma aarsaa ibiddaan dhiʼeeffame wajjin fidamuu qaba; kunis akkuma Rabbii Allaahan ajajetti qooda keetii fi qooda ilmaan keetii kan bara baraa ti.”16Muusaanis reʼee aarsaa cubbuu sana jabeessee barbaade; kunoo reʼeen sun gubamee ture; innis ilmaan Haaruun warra hafanitti jechuunis Eleʼaazaarii fi Iitaamaaritti aaree akkana jedhee isaan gaafate;17“Isin maaliif aarsaa cubbuu sana iddoo qulqulluutti hin nyaatin? Aarsaan sun waan hunda caalaa qulqulluu dha; innis akka isin fuula Rabbii Allaah duratti araara isaaniif buusuudhaan yakka sabaa balleessitaniif isiniif kenname.18Kunoo, dhiigni isaa Iddoo Qulqulluutti ol hin galfamne; isin akkuma ani ajajetti reʼee sana naannoo Iddoo Qulqulluutti nyaachuu qabdu ture.”19Haaruunis Muusaadhaan akkana jedhe; “Kunoo, isaan harʼa aarsaa isaanii kan cubbuutii fi aarsaa isaanii kan gubamu fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼeessaniiru; garuu wanni akkasii kun na qaqqabeera. Utuu ani aarsaa cubbuu sana harʼa nyaadhee jiraadhee silaa wanni sun fuula Rabbii Allaah duratti ni fudhatama turee?”20Muusaanis yommuu waan kana dhagaʼetti ni gammade.Biblica, Inc.