Yushuʼaa4

1Rabbii Allaahanis erga sabni guutuun Yordaanosin ceʼee booddee, Yushuʼaadhaan akkana jedhe;2“Saba keessaa nama kudha lama, tokkoo tokkoo gosaa keessaa nama tokko tokko filadhuutii3akka isaan walakkaa Yordaanos keessaa iddoo luboonni dhadhaabatan sanaa dhagoota kudha lama fuudhanii, baatanii isin wajjin deemanii iddoo isin edana bultanitti lafa kakaaʼan itti himi.”
4Kanaafis Yushuʼaan, namoota kudha lamaan Israaʼeloota keessaa, tokkoo tokkoo gosaa keessaa tokko tokko filate sana walitti waamee5akkana jedheen; “Taabota Rabbii Allaah keessanii kana dura darbaatii walakkaa Yordaanos seenaa. Tokkoon tokkoon keessanis akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagaa tokko tokko fudhattanii gatiittii keessanitti baachuu qabdu.6Kunis akka wanni kun gidduu keessanitti mallattoo taʼuuf. Yommuu ijoolleen keessan gara fuulduraatti, ‘Dhagoonni kunneen maal argisiisu?’ jedhanii isin gaafatanitti,7akka bishaan laga Yordaanos fuula taabota kakuu Rabbii Allaah duratti gargar cite itti himaa. Yommuu taabonni kun laga Yordaanos ceʼetti bishaan Yordaanos gargar cite. Dhagaawwan kunneenis saba Israaʼeliif yaadannoo bara baraa taʼu.”
8Kanaafuu Israaʼeloonni akkuma Yushuʼaan isaan ajaje godhan. Isaanis akkuma Rabbii Allaahan Yushuʼaatti hime sana, akkuma baayʼina gosoota Israaʼelootaatti dhagoota kudha lama walakkaa Yordaanos keessaa fuudhan; hamma iddoo qubata isaaniittis baatanii achitti lafa kaaʼatan.9Yushuʼaanis dhagoota kudha lamaan walakkaa Yordaanos keessa iddoo luboonni taabota kakuu baatan sun ijaajjaa turan sana ol dhadhaabe. Isaanis hamma harʼaatti achuma jiru.
10Luboonni taabota kakuu baatan sunis hamma wanni Rabbii Allaahan akka inni namootatti himuuf Yushuʼaa ajaje hundi akkuma Muusaan Yushuʼaa ajajetti raawwatamutti walakkaa Yordaanos keessa dhadhaabachaa turan. Namoonnis dafanii ceʼan;11akkuma hundi isaanii ceʼaniinis utuma namoonni arganuu taabonni Rabbii Allaahatii fi luboonni gara gama kaaniitti ceʼan.12Ilmaan Ruubeen, ilmaan Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee akkuma Muusaan isaan ajajetti miʼa lolaa hidhatanii Israaʼeloota dura gara gamaatti ceʼan.13Namni gara kuma afurtamaa taʼu warraanaaf hidhatee fuula Rabbii Allaah dura gara dirree Yerikootti lolaaf ceʼe.
14Rabbii Allaahanis guyyaa sana fuula Israaʼeloota hundaa duratti Yushuʼaa nama guddaa godhe; isaanis akkuma Muusaaf ulfina kennaa turan sana bara jireenya isaa guutuu Yushuʼaafis ulfina kennan.
15Ergasiis Rabbii Allaahan Yushuʼaadhaan akkana jedhe;16“Akka isaan Yordaanos keessaa ol baʼaniif luboota taabota kakuu seeraa baatan sana ajaji.”
17Kanaafuu Yushuʼaan, “Yordaanos keessaa ol baʼaa” jedhee luboota ajaje.
18Luboonnis taabota kakuu Rabbii Allaah baatanii laga keessaa ol baʼan. Akkuma isaan miilla isaanii lafa gogaa irra dhaabbataniin bishaan Yordaanos iddoo ofiitti deebiʼee akkuma duraanii guutee irra dhangalaʼe.
19Guyyaa kurnaffaa jiʼa jalqabaatti namoonni Yordaanos keessaa ol baʼanii Gilgaal isa baʼa daarii Yerikoo keessa qubatan.20Yushuʼaanis dhagoota kudha lamaan isaan Yordaanos keessaa fuudhan sana Gilgaal keessa dhadhaabe.21Innis Israaʼelootaan akkana jedhe; “Gara fuulduraatti yoo sanyiin keessan, ‘Dhagaawwan kunneen maal argisiisu?’ jedhanii abbootii isaanii gaafatan,22‘Israaʼel lafa gogaa irra Yordaanos ceʼe’ jedhaa itti himaa.23Rabbii Allaahan keessan hamma isin gamatti ceetanitti fuuluma keessan duratti Yordaanos gogsee tureetii. Rabbii Allaahan keessan akkuma hamma nu ceenutti Galaana Diimaa fuula keenya duratti gogse sana Yordaanosiinis gogse.24Innis akka sabni lafaa hundinuu akka harki Rabbii Allaah jabaa taʼe argisiisuu fi akka isinis yeroo hunda Rabbii Allaah keessan sodaattaniif waan kana hojjete.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3