Yohannis3

Iisaan Niqoodemoosin Barsiisuu Isaa

1Fariisicha Niqoodemoos jedhamu bulchaa Yihuudootaa tokkotu ture.2Innis halkaniin Iisaa bira dhaqee, “Yaa barsiisaa, akka ati barsiisaa Allaah biraa dhufte taate nu beekna; nama Allaahan isa wajjin jiru malee namni mallattoo ati hojjettu kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiruutii” jedheen.
3Iisaanis deebisee, “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Allaaha arguu hin dandaʼu”jedheen.
4Niqoodemoos immoo, “Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?” jedhee gaafate.
5Iisaanis akkana jedhee deebise; “Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Allaahatti galuu hin dandaʼu.6Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura.7Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’8Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma.”
9Niqoodemoosis, “Kun akkamitti taʼuu dandaʼa?” jedhee gaafate.
10Iisaan akkana jedhee deebiseef; “Ati utuu barsiisaa Israaʼel taatee jirtuu waan kana hin beektuu?11Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; nu waan beeknu dubbanna; waan argines dhugaa ni baana; isin garuu dhugaa baʼumsa keenya hin fudhattan.12Isin yoo ani waan addunyaa isinitti himnaan hin amanin, yoo ani waan shamaayʼun isinitti hime akkamitti amantu ree?13Ilma Namaa isa shamaayʼun irraa gad buʼe malee eenyu iyyuu shamaayʼuniitti ol hin baane.14Akkuma Muusaan gammoojjii keessatti bofa fannise  sana Ilmi Namaas fannifamuu qaba.15Kunis akka namni isatti amanu hundi jireenya bara baraa qabaatuuf.”
16Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.17Allaahan karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii.18Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Allaaha tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.19Murtiin sunis isa kana: Ifni gara addunyaa dhufe; namoonni garuu waan hojiin isaanii hamaa tureef ifa caalaa dukkana jaallatan.20Namni waan hamaa hojjetu kam iyyuu ifa jibba; akka hojiin isaa ifatti hin baafamneefis gara ifaa hin dhufu.21Namni dhugaa hojjetu kam iyyuu garuu akka hojiin isaa akka fedhii Allaahatti hojjetamuun isaa mulʼatuuf gara ifaa dhufa.

Yahyaan Waaʼee Iisaa Dhugaa Baʼe

22Ergasiis Iisaa fi barattoonni isaa gara biyya Yihuudaa dhaqan; innis isaan wajjin achi ture; ni cuuphes.23Yahyaanis naannoo Saalem iddoo Enoon jedhamutti ni cuupha ture; bishaan baayʼeen achi tureetii; namoonnis achi dhaqanii cuuphamu turan.24Kunis utuu Yahyaan mana hidhaatti hin galfamin taʼe.25Yommus barattoota Yahyaatii fi Yihuudii tokko gidduutti waaʼee qulqulleeffamuu irratti wal falmiin uumame.26Isaanis Yahyaa bira dhufanii, “Yaa barsiisaa, namichi si wajjin Yordaanos gama ture, kan ati waaʼee isaa dhugaa baate sun kunoo cuuphuutti jira; namni hundis gara isaa dhaquutti jira” jedhaniin.
27Yahyaanis akkana jedhee deebise; “Namni yoo shamaayʼun irraa isaaf kenname malee homaa fudhachuu hin dandaʼu.28Akka ani, ‘Ani Al-Masiihi miti; garuu isa dura nan ergame’ jedhe isin mataan keessan iyyuu dhugaa naa baatu.29Misirrittiin kan misirrichaa ti. Miinjeen misirricha bira dhaabatuu fi isa dhaggeeffatu, yommuu sagalee misirrichaa dhagaʼutti akka malee gammada. Gammachuun sun kan koo ti; gammachuun koos amma guutuu taʼeera.30Inni guddaa taʼuu qaba; ani immoo xinnaa taʼuun qaba.
31“Kan olii dhufu inni hundumaa oli; inni lafaa immoo kanuma lafaa ti; waanuma lafaa dubbatas. Kan shamaayʼun irraa dhufu inni hundumaa oli.32Inni waan argee fi waan dhagaʼe dhugaa baʼa; dhuga baʼumsa isaa garuu eenyu iyyuu hin fudhatu.33Namni dhuga baʼumsa kana fudhates akka Allaahan dhugaa taʼe mirkaneesse.34Inni Allaahan erge dubbii Allaaha dubbata; Allaahanis safara malee Hafuura isaa ni kennaatii.35Abbaan Ilma ni jaallata; waan hundas harka isaatti kenneera.36Namni Ilmatti amanu jireenya bara baraa qaba; namni Ilmaaf hin ajajamne garuu dheekkamsa Allaahatu isa irra jiraata malee jireenya hin argu.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3