Yooʼeel1
1Dubbii Rabbii Allaah kan gara Yooʼeel ilma Phetuuʼeel dhufe.
Weerara Hawwaannisaa
2Yaa maanguddoota, waan kana dhagaʼaa;warri biyyattii keessa jiraattan hundinuu dhaggeeffadhaa.Wanni akkanaa takkumaa bara keessan keessayookaan bara abbootii keessanii keessa taʼee beekaa?3Isin waan kana ijoollee keessanitti himaa;ijoolleen keessanis ijoollee ofii isaaniitti haa himan;ijoolleen isaanii immoo dhaloota itti aanutti haa dabarsan.4Waan tuunni hawwaannisaa dhiise,hawwaannisni guddaan fixe;waan hawwaannisni guddaan dhiise,hawwaannisni xixinnaan nyaatee fixe;waan hawwaannisni xixinnaan dhiise immoohawwaannisni biraa dhufee nyaate.5Yaa machooftota, kaʼaatii booʼaa!Isin warri daadhii wayinii dhugdan hundinuu wawwaadhaa;sababii daadhii wayinii haaraatiif wawwaadhaa;inni afaan keessan irraa butameeraatii.6Sabni jabaan akka malee baayʼeen tokkobiyya koo weerareera;inni ilkaan leencaa,qarriffaa leenca dhalaa qaba.7Inni muka wayinii koo onseeharbuu koos barbadeesseera.Inni qola isaanii irraa quncisee lafatti gateedameelee isaanii duwwaa hambise.8Isin akkuma durba wayyaa gaddaa uffatteedhirsa ijoollummaa isheetiif gaddituutti booʼaa.9Kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuunmana Rabbii Allaah irraa citaniiru.Luboonni fuula Rabbii Allaah dura tajaajilanbooʼaa jiru.10Lafti qotiisaa oneera;laftis gogeera;midhaan barbadaaʼeera;daadhiin wayinii haaraan dhumeera;zayitiinis dhabameera.11Yaa qonnaan bultoota, isin raafamaa;warri wayinii dhaabbattan booʼaa;sababii midhaan lafa qotiisaa keessaniibarbadaaʼeef qamadii fi garbuudhaaf booʼaa.12Wayiniin gogeera;harbuunis coollageera;roomaaniin, meexxii fi hudhaan,mukkeen lafa qotiisaa hundinuu goganiiru.Dhugumaan gammachuun ilmaan namaairraa badeera.Waamicha Qalbii Jijjiirrachuu
13Yaa luboota, wayyaa gaddaa uffadhaatii booʼaa;isin warri iddoo aarsaa dura tajaajiltan wawwaadhaa.Isin warri fuula Allaah koo dura tajaajiltankottaatii wayyaa gaddaa uffadhaa bulaa;kennaan midhaaniitii fi dhibaayyuunmana Allaaha irraa hambifamaniiruutii.14Sooma qulqulluu labsaa;waldaa qulqulluu waamaa.Maanguddootaa fiwarra biyyattii keessa jiraatan hundagara mana Rabbii Allaah, Allaah keessaniitti waamaatiiRabbii Allaahatti booʼaa.15Badne kaa! Guyyaan sun dhiʼaateera.Guyyaan Rabbii Allaah gaʼeeraatii;inni akkuma badiisaatti Allaah Waan Hunda Dandaʼu biraa dhufa.16Ijuma keenya durattinyaanni cite;ilillee fi gammachuunismana Allaah keenyaa irraa hin cinnee?17Sanyiin lafa keessattitortoree hafe.Mankuusni diigameera;gombisaan caccabeera;midhaan gogee hafeeraatii.18Loon akkam marʼatu!Karri loonii sababii waan dheedu dhabeefasii fi achi joora;bushaayeenis dhiphataniiru.19Rabbii Allaah ani sin waammadha;ibiddi lafa dheedaa barbadeesseearrabni ibiddaa immoo mukkeen diidaa hunda gubee fixeeraatii.20Bineensonni bosonaa sitti gaggabu;lagni bishaanii gogeera;ibiddis dirree dheedaa gubee balleesseera.Biblica, Inc.