Ayyuub37

1“Kana irratti onneen koo ni dhikkifata;iddoo isaatiis ni uʼutaala.2Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa,guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.3Inni bakakkaa isaa shamaayʼun hunda jalatti gad dhiisa;gara handaara lafaattis ni erga.4Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa;inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa.Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti,inni waan tokko illee hin qusatu.5Sagaleen Allaaha haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa;inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.6Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.7Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf,inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.8Bineensonni holqa isaaniitti galu;daʼannoo isaanii keessas ni turu.9Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa;dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.10Hafuurri Allaahan baafatu cabbii uuma;bishaanonni babalʼaanis ni ititu.11Inni duumessoota bishaan baachisa;bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.12Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf,qajeelfama inni kennuunaddunyaa hunda irra naannaʼu.13Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaaseejaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.
14“Yaa Ayyuub waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitiihojii Allaaha isa dinqisiisaa sana hubadhu.15Allaahan akkamitti duumessootaakka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?16Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan,hojii dinqisiisaa Allaaha isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?17Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistuttihoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,18shamaayʼun akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sanadiriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?
19“Waan nu isaan jennu nutti himi;nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.20Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa?Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?21Erga qilleensi shamaayʼuniiwwan qulqulleessee booddee,namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.22Allaahan bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa;inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.23Allaahan Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli;inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha;qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.24Kanaafuu, namoonni isa sodaatu;inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3