Ayyuub27
1Ayyuub haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:2“Dhugaa Allaah jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate,Allaah Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,3hamma lubbuun na keessa jirtutti,hamma hafuurri Allaaha funyaan koo keessa jirutti,4afaan koo hammina hin dubbatu;arrabni koos nama hin gowwoomsu.5Isin qajeeltota jechuu, Allaahan ana irraa haa fagaatu;ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.6Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu;bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.7“Diinni koo akka nama hamaa, mormituun kooakka nama jalʼaa haa taʼu!8Yommuu Allaahan lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti,namni Allaahaf hin bulle abdii maalii qaba?9Yeroo rakkinni isatti dhufutti,Allaahan iyya isaa ni dhagaʼaa?10Inni Allaah Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa?Yeroo hundas Allaah waammataa?11“Ani waaʼee harka Allaaha isin nan barsiisa;waan Allaah Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.12Hundi keessan waan kana argitaniirtu;yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?13“Carraan Allaahan nama hamaaf qoode,dhaalli namni jalʼaan Allaah Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:14Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata;sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.15Hambaa isaa dhaʼichatu qabrii;niitonni isaaniis hin booʼaniif.16Inni meetii akkuma biyyootti tuullateeuffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,17waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata;meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.18Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti;akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.19Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu;yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.20Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala;bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.21Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata;innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.22Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata;bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.23Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa;afuufees iddoo isaatii isa balleessa.”
Biblica, Inc.