Ayyuub18
Bildaad
1Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:2“Isin haasaa kana yoom fixxu?Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.3Nu maaliif akka looniitti hedamna?Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?4Ati kan aariidhaan of ciccirtu,lafti sababii keetiif duwwaatti haftii?Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?5“Ibsaan nama hamaa ni dhaama;arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.6Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa;ibsaan isa bira jirus ni dhaama.7Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba;malli isaas isuma kuffisa.8Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa;inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.9Kiyyoon kottee isaa qaba;futtaasaanis jabeessee isa qaba.10Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera;karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.11Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa;faana isaa buʼees isa ariʼa.12Badiisni afaan itti banateera;balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.13Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma;ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.14Inni dunkaana abdate keessaa buqqifameegara mootii sodaatti geeffama.15Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata;dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.16Jalaan hiddi isaa ni goga;irraan immoo dameen isaa ni coollaga.17Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada;maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.18Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama;addunyaa irraas ni dhabama.19Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii,biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.20Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu;warri baʼaas sodaadhaan guutamu.21Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa;iddoon nama Allaah hin beeknees kanuma taʼa.”Biblica, Inc.