Ayyuub1
Seensa
1Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Ayyuub jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Allaah sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture.2Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture;3akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.4Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture.5Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Ayyuub itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, “Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Allaah abaaraniiru taʼa” jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Ayyuub yeroo hunda waan kana godha ture.Qorumsa Ayyuub Kan Jalqabaa
6Gaaf tokko yeroo malaʼikkoonni Allaah fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼaachuuf dhufanitti sheeyxaannis isaan wajjin dhufe.7Rabbii Allaahanis sheeyxaanaan, “Ati Eessaa dhufte?” jedhe.sheeyxaannis, “Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe” jedhee Rabbii Allaahaf deebise.8Rabbii Allaahanis sheeyxaanaan, “Ati tajaajilaa koo Ayyuubin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Allaah sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha” jedhe.9sheeyxaanni immoo deebisee akkana jedhe, “Ayyuub akkasumaan Allaah sodaataa?10Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf.11Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara.”12Rabbii Allaahanis sheeyxaanaan, “Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin” jedhe.
Sana booddee sheeyxaanni fuula Rabbii Allaah duraa baʼee deeme.13Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Ayyuub mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu,14malaʼikkaan tokko gara Ayyuub dhufee akkana jedhe; “Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu,15namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”16Utuma inni dubbachaa jiruu malaʼikkaan biraa dhufee, “Ibiddi Allaaha shamaayʼuniidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.17Utuu inni dubbachaa jiruu ammas malaʼikkaan biraa dhufee, “Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!” jedhe.18Utuma inni dubbachaa jiruu malaʼikkaan biraa dhufee akkana jedheen; “Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan;19yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!”20Kana irratti Ayyuub uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee21akkana jedhe:“Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;qullaa koos nan deema.Rabbii Allaahatu kenne; Rabbii Allaahatu fudhate;maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu.”22Wantoota kanneen hunda keessatti Ayyuub hojii dogoggoraatiin Allaah himachuudhaan cubbuu hin hojjenne.
Biblica, Inc.