Ermiyaas47

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1Dubbiin Rabbii Allaah kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas nabiiʼiyyichaa dhufe kanaa dha:
2Rabbii Allaahan akkana jedha:“Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.Uummanni ni booʼa;warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;3kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,girrisa gaariiwwan diinaatii fiqaqawweessa goommaa isaaniitiif.Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.4Filisxeemota hunda balleessuufhambaa Xiiroosii fi Siidoonaagargaaruuf hafan hundas balleessuufguyyaan sun dhufeeraatii.Rabbii Allaahan Filisxeemota,hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.5Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;Ashqaloon ni calʼisti.Yaa hambaa dirree irraaisin hamma yoomiitti of ciccirtu?
6“Isin, ‘Yaa goraadee Rabbii Allaahati hamma yoomiitti hin boqonne?Manʼee keetti deebiʼi;calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.7Garuu utuu Rabbii Allaahan isa ajajuu,yeroo Allaahan akka inni Ashqaloonii fiqarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennuttiinni akkamitti boqochuu dandaʼa?”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3