Ermiyaas31
1“Yeroo sanatti” jedha Rabbii Allaahan, “Ani balbala Israaʼel hundaaf Allaah nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”2Rabbii Allaahan akkana jedha:“Namoonni goraadee irraa hafangammoojjii keessatti fudhatama ni argatu;anis Israaʼeliif boqonnaa kennuuf nan dhufa.”3Rabbii Allaahan fagoodhaa natti mulʼatee akkana jedhe:“Ani jaalala bara baraatiin si jaalladheera;kanaafuu ani arjummaa kootiin ofitti si harkiseera.4Yaa Israaʼel durba qulqullittii, ani amma illee sin ijaara;atis deebitee ni ijaaramta.Ati amma illee dibbee kee fudhatteewarra gammadan wajjin shuubbisuuf gad baata.5Ati amma illee gaarranSamaariyaa irratti wayinii ni dhaabbatta;qotee bulaanis wayinii dhaabbateeija isaa ni nyaata.6Guyyaa itti eegdonnigaarran Efreem irra dhaabatanii,‘Kottaa gara Xiyoonitti, gara Rabbii Allaah keenyaatti ol baanaa’jedhanii iyyan tokko ni dhufa.”7Rabbii Allaahan akkana jedha:“Yaaʼikuubiif gammachuudhaan faarfadhaa;hangafa sabootaatiif ililchaa.Galata keessan dhageessisaatii,‘Rabbii Allaah saba kee,hambaa Israaʼel baraari’ jedhaa.8Kunoo, ani biyya kaabaatii isaan nan fida;handaara lafaatiis walitti isaan nan qaba.Isaan keessattis jaamotaa fi naafota,haadhota ulfaatii fi dubartoota ciniinsifatantu argama;saba guddaa taʼaniis ni deebiʼu.9Isaanis booʼaa dhufu;yeroo ani deebisee isaan fidutti Allaah duratti duʼaa godhatu.Waan ani abbaa Israaʼel taʼee fiEfreem immoo ilma koo hangafa taʼeef,ani qarqara burqaa bishaanii irra,daandii qajeelaa isaan achi irratti hin gufanne irra isaan nan qajeelcha.10“Yaa saboota, dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa;isin, ‘Inni Israaʼelin bittinneesse sun walitti isaan qabeeakkuma tiksee tokkootti bushaayee isaa ni tiksa’ jedhaatiibiyyoota qarqara galaanaa kanneen fagoo jiranitti labsaa.11Rabbii Allaahan Yaaʼikuubin fureera,warra isa caalaa jajjaboo taʼan harkaas isa baaseeraatii.12Isaan ni dhufanii gaarran Xiyoon irrattis gammadanii ililchu;isaan arjummaa Rabbii Allaahatti jechuunismidhaanitti, daadhii wayinii haaraa fizayitiitti, ilmoolee bushaayeettii fi jabbootaattis ni gammadu.Jireenyi isaanii akkuma biqiltuu bishaan quufee taʼa;isaan siʼachi hin gaddan.13Ergasiis shamarran ni shuubbisu; ni gammadu;dargaggoonnii fi maanguddoonni akkasuma ni gammadu.Ani booʼicha isaanii gammachuutti nan geeddara;qooda gaddaa jajjabinaa fi gammachuu nan kennaaf.14Ani arjummaadhaan luboota nan quubsa;sabni koos badhaadhummaa kootiin ni guutama,”jedha Rabbii Allaahan.15Rabbii Allaahan akkana jedha:“Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokkoRaamaa keessaa dhagaʼame;sababii isaan hin jirreef,Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti;jajjabaachuus ni didde.”16Rabbii Allaahan akkana jedha:“Sagalee kee booʼicha irraa,ija kee immoo imimmaan irraa eeggadhu;hojiin kee ni badhaafamaatii”jedha Rabbii Allaahan.“Isaan biyya diinaatii ni deebiʼu.17Kanaafuu galgalli kee abdii qaba”jedha Rabbii Allaahan.Ijoolleen kee biyya ofii isaaniitti ni deebiʼu.18“Ani dhugumaan Efreemii akkana jedhee booʼu dhagaʼeera:‘Ati akkuma dibicha hin leenjifamintokkootti na adabdeerta; anis adabameera.Ati sababii Rabbii Allaah koo taateef,na deebisi; anis nan deebiʼa.19Ani ergan duubatti deebiʼee booddee,qalbii jijjiirradheera;ani ergan hubadhee booddee,qoma koo nan dhaʼe.Ani sababiin salphina dargaggummaa koo baadhuuf,nan qaanaʼe; gad nan deebiʼes.’20Efreem ilma koo jaallatamaa,mucaa ani itti gammadu mitii?Ani yeroo baayʼee yoon isaan morme iyyuuamma illee isa nan yaadadha.Kanaafuu garaan koo isaaf ni yaada;garaas nan laafaaf”jedha Rabbii Allaahan.21“Ati mallattoo daandii dhaabbadhu;waan karaa nama argisiisu illee kaaʼadhu.Karaa irra deemtu,daandii guddaa sana hubadhu.Yaa Israaʼel durba qulqullittii deebiʼi;magaalaawwan keetti deebiʼi.22Yaa intala hin amanamne,ati hamma yoomiitti asii fi achi joorta?Rabbii Allaahan waan haaraa tokko lafa irratti ni uuma;dubartiin dhiira marsiti.”23Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu, Allaahan Israaʼel akkana jedha: “Yeroo ani boojiʼamtoota isaanii deebisutti namoonni biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan ishee keessa jiraatan amma illee yeroo tokko, ‘Yaa iddoo murtiin qajeelaan jiraatu, yaa tulluu qulqulluu, Rabbii Allaahan si haa eebbisu’ jedhanii dubbatu.24Biyya Yihuudaatii fi magaalaawwan isaa hunda keessa namoonni jechuunis qonnaan bultoonnii fi warri bushaayee fudhatanii asii fi achi nanaannaʼan tokkummaadhaan achi keessa jiraatu.25Ani warra dadhaban nan jajjabeessa; warra gaggaban illee nan bayyanachiisa.”26Kana irratti ani dammaqee asii fi achi nan ilaale. Hirribni koos natti miʼaawee ture.27“Barri ani itti mana Israaʼelii fi mana Yihuudaa sanyii namaatii fi sanyii horiitiin guutu tokko ni dhufa” jedha Rabbii Allaahan.28“Ani akkuman isaan buqqisuu fi diiguuf, isaan garagalchuuf, isaan barbadeessuu fi badiisa isaanitti fiduuf isaan ilaale sana akkasuma immoo isaan ijaaruu fi isaan dhaabuuf gara isaanii nan ilaala” jedha Rabbii Allaahan.29“Bara sana keessa namoonni lammata,“ ‘Abbootiin isaanii ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaannaanilkaan ijoollee hadoode’ hin jedhan.30Qooda kanaa tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiin duʼa; nama ija wayinii dhangaggaaʼaa nyaatu kam iyyuu ilkaanuma isaatu hadooda.31“Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,mana Yihuudaa wajjiniskakuu haaraa galu ni dhufa,”jedha Rabbii Allaahan.32“Kakuun kunis kakuu ani,yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedheeharka isaanii qabe sana abbootii isaanii wajjin gale,kakuu koo kan utuma ani dhirsa isaanii taʼee jiruuisaan cabsan sanaan tokko miti”jedha Rabbii Allaahan.33“Kakuun ani yeroo sana booddeemana Israaʼel wajjin galu kanaa dha” jedha Rabbii Allaahan.“Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;garaa isaanii keessattis nan barreessa.Ani Allaah isaanii nan taʼa;isaanis saba koo taʼu.34Sababii hundi isaanii,xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,siʼachi namni kam iyyuu, ‘Rabbii Allaah beeki’ jedheeollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu”jedha Rabbii Allaahan.“Ani yakka isaanii nan dhiisaaf;cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu.”35Rabbii Allaahan akkana jedha;inni akka isheen guyyaan ibsituuf aduu ramadu,inni akka isaan halkaniin ibsaniif,jiʼaa fi urjiiwwan ajaju,inni akka dambaliin isaa huursuufgalaana raasu sun maqaan isaaRabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha:36“Yoo seerri kun fuula kooduraa bade qofa, sanyiin Israaʼel,fuula koo duratti bara baraan saba taʼuun isaa hafa”jedha Rabbii Allaahan.37Rabbii Allaahan akkana jedha:“Yoo shamaayʼuniin gubbaa safaramuu dandaʼee fihundeen lafaa kan gadii qoratamee argamuu dandaʼe qofaani sanyii Israaʼel hundasababii waan isaan hojjetan hundaatiif nan gata”jedha Rabbii Allaahan.38Rabbii Allaahan akkana jedha: “Barri itti magaalaan kun gamoo Hanaaniʼeeliitii jalqabee hamma Karra Goleetti deebiʼee naaf ijaaramu tokko ni dhufa.39Funyoon safaraas achii kaʼee gara tulluu Gaareebitti qajeelee gara Goʼaatti diriirfama.40Sululli reeffii fi daaraan itti gatamu guutuun, karaa baʼaas sulula Qeedroon qabatee dirreen hamma Karra Fardaatti jiru hundi Rabbii Allaahaf ni qulqulleeffama. Magaalaan kun gonkumaa lammaffaa hin buqqifamtu yookaan hin diigamtu.”
Biblica, Inc.