Ermiyaas20

Ermiyaasii fi Phaashihuur

1Phaashihuur lubichi, ilmi Imeerii inni mana qulqullummaa Rabbii Allaah keessatti bulchaa hangafa ture sun yommuu Ermiyaasii waan kana raaju dhagaʼetti,2akka Ermiyaas nabiiʼiyyichi tumamee Karra Biniyaam isa ol aanu kan mana Rabbii Allaah biratti argamu sana keessatti miilli isaa jirma lama gidduu galee hidhamu godhe.3Ermiyaasis guyyaa itti aanu yeroo Phaashihuur jirma lamaan gidduudhaa isa baasetti akkana jedheen; “Maqaan Rabbii Allaahan siif baase Maagormiisaabiib malee Phaashihuur miti.4Rabbii Allaahan akkana jedhaatii; ‘Ani akka ati ofii keetii fi michoota keetti sodaachisaa taatu sin godha; yeroo isaan goraadee diinota isaaniitiin dhuman ijuma keetiin argita. Ani Yihuudaa hunda dabarsee mootii Baabiloniitti nan kenna; innis Baabilonitti isaan geessa yookaan goraadeedhaan isaan fixa.5Ani qabeenya magaalaa kanaa hunda jechuunis oomisha ishee hunda, waan gatii guddaa qabu hundaa fi badhaadhummaa mootota Yihuudaa hunda dabarsee diinota isaaniitti nan kenna. Isaanis boojiʼanii fudhatanii Baabilonitti isaan geessu.6Yaa Phaashihuur ati, warri mana kee jiraatan hundis boojiʼamtanii Baabilonitti geeffamtu. Atii fi michoota kee warri ati raajii sobaa dubbatteef hundi achitti duutanii qabbaramtu.’ ”

Gungummii Ermiyaas

7Rabbii Allaah, ati na gowwoomsite; anis nan gowwoomfame;ati humnaan na caaltee na moʼatte.Ani guyyaa guutuu waan kolfaa nan taʼe;namni hundis natti qoosa.8Ani yeroon dubbadhu hunda nan iyya;“Goolii, badiisa” jedhees nan labsa.Kanaafuu dubbiin Rabbii Allaahguyyaa guutuu arrabsoo fi tuffii natti fide.9Garuu yoo ani, “Ani maqaa isaa hin dhaʼuyookaan siʼachi maqaa isaatiin hin dubbadhu” jedhe,dubbiin isaa onnee koo keessatti akka ibiddaa,akkuma ibidda lafee koo keessatti ukkaamsamee ti.Ani of keessatti isa qabachuu nan dadhabe;dhuguma iyyuu ani hin dandaʼu.10Ani hasaasa, “Karaa hundaan sodaa!Isa balaaleffadhaa! Isa haa balaaleffannu!”jedhu hedduu nan dhagaʼa.Michoonni koo hundi,“Inni ni gowwoomfama taʼa;nus ergasii isa ni moʼanna;haaloo keenya illee ni baafanna” jechaakufaatii koo eeggatu.
11Rabbii Allaahan garuu akkuma goota humna qabeessa tokkootti na wajjin jira;kanaafuu warri na adamsan ni gufatu malee hin moʼatan.Isaan baayʼee qaaneffaman; hin milkaaʼaniitii;salphinni isaanii gonkumaa hin irraanfatamu.12Yaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,kan nama qajeelaa qortu,kan garaa fi yaada namaa keessa argitu,ani falmii koo sitti kennadheeraatiiati yeroo isaanitti haaloo baatu na argisiisi.
13Rabbii Allaahaf faarfadhaa!Rabbii Allaah galateeffadhaa!Inni lubbuu namoota hiyyeeyyiiharka hamootaatii ni baasa.
14Guyyaan ani dhaladhe haa abaaramu!Guyyaan haati koo na deesse sunis hin eebbifamin!15Namichi, “Daaʼimni tokko jechuunisilmi siif dhalatee jira!” jedhee abbaa kootiif oduu fideeakka malee isa gammachiise sun haa abaaramu!16Namichi sun akkuma magaalaawwanRabbii Allaahan gara laafina malee garagalchee haa taʼu.Inni ganamaan wawwaannaa,saafaan immoo iyya waraanaa haa dhagaʼu.17Akka haati koo qabrii naa taatuuf,akka gadameessi ishees iddoo jireenya bara baraa naaf taʼuufinni utuu ani gadameessa keessaa hin baʼin na hin ajjeefneetii.18Ani maaliifan rakkinaa fi gadda arguufjireenya koos qaaniin fixuufgadameessa keessaa baʼe?

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3