Ermiyaas2

Israaʼel Allaah Gante

1Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe;2“Dhaqiitii gurra Yerusaalemiitti akkana jedhii labsi:
“Allaahan akkana jedha:
“ ‘Ani amanamummaa kee kan yeroo dargaggummaa,akka ati akkuma misirrittiitti na jaallatteelafa gammoojjii keessa,lafa midhaan itti hin facaafamin keessa na duukaa buute nan yaadadha.
3Israaʼel kan Rabbii Allaahaf qulqulloofte sun,mataa midhaan isaa turte;warri ishee nyaatan hundisakka nama yakka hojjeteetti ilaalamu ture;badiisnis isaanitti dhufe’ ” jedha Rabbii Allaahan.
4Yaa mana Yaaʼikuub,isin maatiiwwan mana Israaʼel hundinuus dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa.
5Rabbii Allaahan akkana jedha:“Abbootiin keessan kan akkas narraa fagaatanballeessaa maalii narratti arganiitii?Isaan waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabne faana buʼaniiisaanumtuu warra faayidaa hin qabne taʼan.6Isaanis, ‘Rabbii Allaahan inni Gibxii nu baasee,gammoojjii homtuu keessa hin jirre keessaan,lafa gammoojjii fi dhooqaa keessaanlafa hongee fi dukkanaa,biyya namni tokko iyyuu keessa hin dabarree fikeessa hin jiraanne keessaan dabarseenu fide sun eessa jira?’ jedhanii hin gaafanne.7Ani akka isin ija ishee nyaattanii midhaan isheetti gammaddaniifgara lafa gabbataatti isin fideera.Isin garuu dhuftanii biyya koo xureessitan;handhuuraa koos akka jibbamu gootan.8Luboonnis, ‘Rabbii Allaahan eessa jira?’jedhanii hin gaafanne.Warri seera wajjin oolanis na hin beekne;bulchitoonni natti fincilan;nabiiʼiyyoonnis waaqeffatamtoota faayidaa hin qabne duukaa buʼaniimaqaa Baʼaaliin raajii dubbatan.
9“Kanaafuu ani amma iyyuu isin wajjin falmii qaba”jedha Rabbii Allaahan.“Ijoollee ijoollee keessanii wajjinis falmii nan qabaadha.10Mee gara qarqara Kitiimitti ceʼaatii ilaalaa;gara Qeedaarittis nama ergaatii qalbiidhaan qoradhaa;yoo duraan wanni akkasii taʼee jiraates ilaalaa.11Yoo isaan waaqeffatamtoota taʼuu baatan iyyuusabni tokko takkumaa waaqeffatamtoota isaa geeddaree beekaa?Uummanni koo garuuulfina isaa waaqeffatamtoota tolfamoo faayidaa hin qabneen geeddareera.12Yaa shamaayʼuniiwwan, waan kana dinqifadhaa;naasuu guddaadhaanis holladhaa”jedha Rabbii Allaahan.13“Uummanni koo cubbuu lama hojjete:Isaan ana burqaa bishaan jireenyaa dhiisaniiboolla bishaanii ofii isaanii,boolla bishaanii baqaqaabishaan qabachuu hin dandeenye qotataniiru.14Israaʼel garbaa? Inni garbicha manatti dhalatee?Yoos inni maaliif boojiʼame ree?15Leenconni aadaniiru;isattis gururiʼaniiru.Isaan biyya isaa onsaniiru;magaalaawwan isaas gubamanii duwwaa hafaniiru.16Akkasumas namoonni Memfiisii fiTahiphaanhees mataa kee buruqsaniiru.17Ati yeroo inni karaa irra si qajeelchetti,Rabbii Allaah, Allaah kee dhiisuudhaanwaan kana ofitti fiddeerta mitii?18Egaa ati maaliif Shihoorii bishaan dhuguuf jetteebiyya Gibxi dhaqxa?Maaliifis bishaan laga Efraaxiisdhuguuf jettee Asoor dhaqxa?19Hamminni kee si adaba;duubatti deebiʼuun kees si ifata.Ati Rabbii Allaah, Allaah kee dhiifteena sodaachuu diduun keehammam hamaa fi hadhaaʼaa akka sitti taʼe ilaalii hubadhu”jedha Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
20“Ani bara dheeraan dura waanjoo kee sirraa cabseera;hidhaa kees sirraa kukkuteera.Ati garuu, ‘Ani si hin tajaajilu’ jette!Ati garuu akkuma sagaagaltuu tokkoottitulluuwwan dhedheeroo hunda irraa fimukkeen lalisoo hunda jala ciifte.21Ani garuu muka wayinii filatamaa,kan sanyiin isaa guutumaan guutuutti qulqulluu taʼe godhee si dhaabbadheen ture.Yoos ati akkamitti wayinii diidaataatee natti geeddaramte ree?22Ati yoo daaraadhaan dhiqatteesaamunaa hedduutti fayyadamte iyyuu,xuriin yakka keetii amma illee fuula koo dura jira”jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.23“Ati akkamitti, ‘Ani hin xuroofne;Baʼaal duukaas hin buune’ jechuu dandeessa?Waan sulula keessatti taʼaa turte yaadadhu;waan hojjechaa turtes qalbeeffadhu.Ati gaala dhalaa asii fiachi fiigduu dha;24harree diidaa kan gammoojjii baratteefedhii kormaatiin qilleensa suufattu tokko,maaltu fedhii ishee irraa ishee deebisuu dandaʼa?Kormi ishee barbaadu kam iyyuu ishee argachuuf hin rakkatu;inni yeroo gaanaatti ishee argata.25Miilla kee kophee malee deemuu irraa,laagaa kee immoo dheebuu irraa eeggadhu.Ati garuu, ‘Kun waan abdii hin qabnee dha!Ani waaqeffatamtoota ormaa nan jaalladha;isaan faanas nan buʼa’ jette.
26“Akkuma hattuun yeroo qabamtu salphifamtu sanamanni Israaʼel ni salphifama;isaan, mootonni isaaniitii fi qondaaltonni isaanii,luboonni isaaniitii fi nabiiʼiyyoonni isaanii ni salphifamu.27Isaan mukaan, ‘Ati abbaa koo ti,’dhagaadhaan immoo, ‘Situ na dhale’ jedhu.Isaan dugda isaanii maleefuula isaanii natti hin deebifanneetii;taʼus isaan yeroo rakkatanitti,‘Kottuu nu baasi!’ jedhu.28Waaqeffatamtoonni ati ofiif tolfatte sun eessa jiru?Isaan yoo si baasuu dandaʼanmee yeroo ati rakkina keessa jirtutti haa dhufan!Yaa Yihuudaa, ati akkuma magaalaa hedduu qabdu sanawaaqeffatamtoota hedduu qabdaatii.
29“Isin maaliif na himattu?Isin hundinuu natti finciltaniirtu”jedha Rabbii Allaahan.30“Ani akkasumaanan ijoollee keessan adabe;isaan sirreeffama fudhachuu didan.Goraadeen keessan akkumaleenca beelaʼe tokkootti nabiiʼiyyoota keessan fixxe.
31“Isin dhaloonni ammaa dubbii Rabbii Allaah qalbeeffadhaa:“Ani Israaʼeliif gammoojjiiyookaan biyya dukkana hamaan turee?Sabni koo maaliif, ‘Nu asii fi achi jooruu ni dandeenya;siʼachi gara kee hin dhufnu’ jedha?32Durbi tokko faaya ishee,misirrittiin tokko immoo miʼa ittiin heerumtu ni irraanfattii?Sabni koo garuu,guyyaa hamma hin qabne na irraanfateera.33Ati jaalala adamsuutti akkam ogeettii dha!Dubartoota akka malee hamoo taʼan iyyuu amala kee barsiifteerta.34Ati utuu isaan cabsanii seenanuu isaan qabuu baattu iyyuu,dhiigni hiyyeeyyii balleessaa hin qabneewayyaa kee irratti ni argama.Utuma wanni kun hundi taʼee jiruu35ati, ‘Ani balleessaa hin qabu;inni natti hin dheekkamu’ jetta.Ani garuu sababii ati, ‘Ani cubbuuhin hojjenne’ jettuuf, sitti nan mura.36Ati maaliif karaa kee geeddaruudhaan,asii fi achi deemuu baayʼifta?Akkuma Asoor si qaanessite sanaGibxis si qaanessiti.37Ati mataa kee qabattee,iddoo sanaa baata;Rabbii Allaahan warra ati itti irkatte tuffateeraatii;ati isaaniin hin milkooftu.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3