Ermiyaas13

Sabbata Quncee Talbaa Irraa Hojjetame

1Rabbii Allaahan akkana naan jedhe: “Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu mudhii keetti hidhadhu; garuu bishaan hin tuqsiisin.”2Kanaafuu ani akkuma Rabbii Allaahan na ajajetti sabbata bitadhee mudhii kootti nan hidhadhe.
3Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee yeroo lammaffaa gara koo dhufe:4“Sabbata bitattee mudhiitti hidhatte sana fuudhiitii gara Laga Efraaxiis dhaqi; sabbata sanas baqaqaa kattaa keessa dhoksi.”5Kanaafuu ani akkuma Rabbii Allaahan na ajajetti dhaqee sabbata sana Laga Efraaxiis bira nan dhokse.
6Bultii hedduu booddee Rabbii Allaahan, “Amma gara Efraaxiis dhaqiitii sabbata ani akka ati achitti dhoksitu si ajaje sana fudhadhu” naan jedhe.7Kanaafuu ani gara Efraaxiis dhaqee sabbata sana iddoon itti dhoksee ture sanaa qotee baasee nan fudhadhe; sabbanni sun garuu yeroo sanatti ciccitee guutumaan guutuutti horoomaa baʼee ture.
8Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe;9“Rabbii Allaahan akkana jedha; ‘Ani haaluma wal fakkaatuun of tuulummaa Yihuudaatii fi of tuulummaa Yerusaalem guddaa sana nan balleessa.10Sabni hamaan dubbii koo dhagaʼuu didee mata jabina garaa isaa duukaa buʼee waaqeffatamtoota biraa tajaajiluu fi waaqeffachuuf isaan faana buʼe kun akkuma sabbata kanaa ni taʼa; guutumaan guutuuttis horoomaa baʼa.11Akkuma sabbanni tokko mudhii namaatti hidhamu sana anis akka isaan saba, maqaa, galataa fi ulfina naa taʼaniif guutummaa mana Israaʼelii fi guutummaa mana Yihuudaa ofitti maxxanseen ture. Isaan garuu na hin dhaggeeffanne’ jedha Rabbii Allaahan.

Qalqalloo Daadhii Wayinii

12“Ati akkana isaaniin jedhi: ‘Rabbii Allaahan Israaʼel akkana jedha: qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qaba.’ Yoo isaan, ‘Nu akka qalqalloon daadhii wayinii hundi daadhii wayiniitiin guutamuu qabu hin beeknuu?’ siin jedhan,13ati akkana jedhiin; ‘Rabbii Allaahan akkana jedha: Ani namoota biyya kana keessa jiraatan hunda, mootota teessoo Daawud irra taaʼan, luboota, nabiiʼiyyootaa fi warra Yerusaalem keessa jiraatan hunda machiidhaan nan guuta.14Ani tokkoo tokkoo isaanii walittin buusa; abbootii fi ilmaanis akkasuma walitti nan buusa, jedha Rabbii Allaahan. Ani isaan nan balleessa malee isaaniif hin naʼu yookaan isaaniif hin araaramu yookaan garaa hin laafuuf.’ ”

Akeekkachiisa Of tuulummaa Irratti Kenname

15Dhagaʼaa; qalbeeffadhaas;of hin tuulinaa;Rabbii Allaahan dubbateeraatii.16Utuu inni dukkana hin fidin,utuu miilli keessantulluu dukkanaaʼaa jiru irratti hin gufatinRabbii Allaah keessaniif ulfina kennaa.Isin ifa abdattu; inni garuu ifa sanadimimmisatti deebiseedukkana duudaatti geeddara.17Yoo isin dhagaʼuu baattan garuu,sababii of tuulummaa keessaniitiiflubbuun koo dhoksaatti ni boossi;sababii bushaayeen Rabbii Allaah boojuun fuudhamaniifiji koo akka malee boosseeimimmaan ishee keessaa ni rooba.
18Mootichaa fi haadha mootichaatiin,“Teessoo keessan irraa buʼaa;gonfoon keessan ulfina qabeessi sunmataa keessan irraa ni buʼaatii” jedhi.19Magaalaawwan Negeeb ni cufamu;namni isaan banu tokko iyyuu hin jiru.Yihuudaan hundi ni boojiʼamti;guutumaan guutuuttis biyyaa fudhatamti.
20Ija keessan ol fudhadhaatiiwarra gama kaabaatii dhufaa jiran ilaalaa.Bushaayeen imaanaa sitti kennaman,hoolonni ati ittiin boonte sun eessa jiru?21Yommuu Rabbii Allaahan warra ati akka isaan michoota siif taʼaniif leenjifte sanasirratti muudutti ati maal jetta?Akkuma dubartii ciniinsifattu tokkoodhiphinni si hin qabuu?22Yoo ati, “Wanni kun maaliif natti dhufe?”jettee of gaafattewanni wandaboon kee sirraa mulqameedhagni kee salphifameefsababii cubbuu kee baayʼee sanaatiif.23Namni Itoophiyaa tokko bifa isaayookaan qeerransi buburrina isaa geeddaruu ni dandaʼaa?Isin warri hammina hojjechuu barattaniswaan gaarii hojjechuu hin dandeessan.
24“Akkuma bubbeen gammoojjii habaqii bittinneessu sanaanis isin nan bittinneessa.25Sababii ati na irraanfatteewaaqeffatamtoota sobaa amanatteef,kun ixaa kee, qooda ani siif safaree dha”jedha Rabbii Allaahan.26“Akka qaaniin kee mulʼatuufani wandaboo kee fuula keetti ol nan soqola.27Ejjummaa fi himimsuun kee,sagaagalummaan kee kan qaanii hin qabne sunis ni mulʼata!Ani hojii kee jibbisiisaa sanagaarran irraa fi bakkee keessatti argeera.Yaa Yerusaalem, siif wayyoo!Ati hamma yoomiitti xurooftee hafta?”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3