Ermiyaas10
Rabbii Allaah fi Waaqeffatamtoota Tolfamoo
1Yaa mana Israaʼel, waan Rabbii Allaahan isiniin jedhu dhagaʼaa.2Rabbii Allaahan akkana jedha:“Isin karaa saboota ormaa hin baratinaa;saboonni ormaa isaan sodaatan iyyuuisin mallattoowwan shamaayʼun hin sodaatinaa.3Barteen uummattootaa faayidaa hin qabu;isaan bosona keessaa muka muru;ogeessi hojii harkaa immoo qottoodhaan bifa itti baasa.4Isaanis meetii fi warqeedhaan miidhagsu;akka inni hin sochooneefburruusaa fi mismaaraan walitti qabsiisu.5Waaqeffatamtoonni isaanii tolfamoonakkuma fakkeettii ittiin waa sodaachisankan lafa qotiisaa buqqee keessaa sana dubbachuu hin dandaʼan;isaan waan deemuu hin dandeenyeef baatamuu qabu.Sababii isaan nama miidhuuyookaan waan gaarii tokko iyyuu hojjechuu hin dandeenyeefisaan hin sodaatinaa.”6Rabbii Allaah kan akka keetii tokko iyyuu hin jiru;ati guddaa dha;maqaan kees humna guddaa qaba.7Yaa mootii sabootaa eenyutu si hin sodaanne?Kun siif ni malaatii.Ogeeyyii sabootaa hunda keessaa,mootummoota isaanii hunda keessaaskan akka keetii tokko iyyuu hin jiru.8Isaan hundinuu qalbii hin qaban; gowwootas;isaan waaqeffatamtoota tolfamoo mukkeenii kanneen faayidaa hin qabneen qajeelfamu.9Meetiin tumame Tarshiishii,warqeen immoo Uufaazii fidama.Wanni ogeessi hojii mukaatii fi tumtuun warqee hojjetan,wanni hojjettoota ogummaa qabaniin hojjetaman hundihalluu cuquliisaa fi diimaa dhiilgee uffifamaniiru.10Rabbii Allaahan garuu Allaah dhugaa ti;inni Allaah jiraataa, Mootii bara baraa ti.Yeroo inni dheekkamutti lafti ni hollatti;saboonnis dheekkamsa isaa dura dhaabachuu hin dandaʼan.11“Isin waan kana isaanitti himaa; ‘Waaqeffatamtoonni shamaayʼunii fi lafa hin uumin kunneen lafa irraa fi shamaayʼun jalaa ni barbadaaʼu.’ ”12Allaahan garuu humna isaatiin lafa uume;ogummaa isaatiin addunyaa hundeesse;hubannaa isaatiinis shamaayʼuniiwwan diriirse.13Yommuu inni qaqawweessaʼutti bishaanonni shamaayʼun ni huursu;inni akka duumessoonni daarii lafaatii ol kaʼan ni godha.Inni bokkaa wajjin balaqqee ni erga;mankuusaalee isaa keessaa immoo bubbee ni fida.14Tokkoon tokkoon namaa gowwaa fi kan beekumsa hin qabnee dha;tokkoon tokkoon tumtuu warqee waaqeffatamtoota tolfamoo isaatiin qaaneffama.Fakkiiwwan inni tolchu kan sobaa ti;isaan hafuura baafatan of keessaa hin qaban.15Isaan faayidaa hin qaban; meeshaa qoosaa ti.Yeroo adabbiin isaanii gaʼutti ni badu.16Inni Qooda Yaaʼikuub taʼe sun garuu akka warra kanaa miti;inni Uumaa waan hundumaa ti,Israaʼel immoo gosa dhaala isaa ti;maqaan isaas Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu dha.Badiisa Dhufaa Jiru
17Ati kan marfamtee jirtu,biyyattii keessaa baʼuuf qabeenya kee walitti qabadhu.18Rabbii Allaahan akkana jedhaatii;“Kunoo, ani amma warra biyyattii keessa jiraatanfurguggisee nan baasa;akka isaan dhiphataniifisrakkina isaanitti nan fida.”19Waan ani miidhameef anaaf wayyoo!Madaan koo kan hin fayyinee dha!Taʼus ani ofii kootiin,“Kun dhukkuba koo ti; anis isa obsuun qaba” nan jedhe.20Dunkaanni koo diigameera;funyoon isaa hundis cicciteera.Ilmaan koo na dhiisanii sokkaniiru;isaan hin jiran; namni dunkaana naa dhaabu,yookaan golgaa naa hidhu tokko iyyuu hin jiru.21Tiksoonni qalbii hin qaban;Rabbii Allaahas hin barbaaddatan;kanaafuu isaan hin milkaaʼan;bushaayeen isaanii hundinuus bittinnaaʼaniiru.22Kunoo, oduun, raafamni guddaan tokkobiyya kaabaatii dhufaa jira!Innis magaalaawwan Yihuudaa onseeiddoo waangoonni jiraatan godha.Duʼaa Ermiyaas
23Rabbii Allaah, ani akka jireenyi namaa kan mataa isaa hin taʼin nan beeka;namni adeemsa isaa ofumaan qajeelfachuu dandaʼu hin jiru.24Rabbii Allaah dheekkamsa keetiin utuu hin taʼin,murtii qajeelaadhaan na sirreessi;yoo kanaa achii ati na balleessitaatii.25Saboota si hin beeknettiuummata maqaa kee hin waammannettidheekkamsa kee dhangalaasi.Isaan Yaaʼikuubin nyaataniiruutii;guutumaan guutuuttis isa nyaatanii;iddoo jireenya isaa illee barbadeessaniiru.Biblica, Inc.