Isaayyaas62

Maqaa Xiyoon Haaraa

1Hamma qajeelummaan ishee akka barii barraaqaa,fayyinni ishee akka guca bobaʼuu ifutti,ani waaʼee Xiyoon hin calʼisu;waaʼee Yerusaalemis afaan hin qabadhu.2Saboonni qajeelummaa kee,mootonni hundinuus ulfina kee ni argu;ati maqaa haaraa,kan afaan Rabbii Allaah siif baasuun ni waamamta.3Ati harka Rabbii Allaah keessatti gonfoo ulfinaa,harka Allaah keetii keessattis marata mootii ni taata.4Ati siʼachi, Gatamtuu hin jedhamtu,yookaan biyyi kee Ontuu hin jedhamtu.Ati garuu, “Ani isheetti nan gammada” jedhamta;biyyi kees “kan heerumte” jedhamti;Rabbii Allaahan sitti gammadaatii,biyyi kee ni heerumti.5Akkuma dargaggeessi durba fuudhu,ilmaan kee si fuudhu;akkuma misirrichi misirrittiitti gammadu,Allaahan kees sitti gammada.
6Yaa Yerusaalem, ani dallaawwan kee irratti eegdota ramadeera;isaan gonkumaa halkanii fi guyyaa hin calʼisan.Isin warri Rabbii Allaah waammattan,ofii keessaniif boqonnaa hin kenninaa;7hamma inni Yerusaalemin cimsee ijaareeakka isheen lafa irratti leellifamtuu taatu godhutti boqonnaa isaaf hin kenninaa.
8Rabbii Allaahan akkana jedheeharka isaa mirgaatii fi irree isaa jabaa sanaan kakateera;“Ani lammata midhaan keenyaata godhee diinota keetiif hin kennu;namoonni ormaas lammata daadhii wayinii haaraakan ati itti dadhabde hin dhugan;9garuu warri galfatan midhaan sana ni nyaatu;Rabbii Allaahas ni galateeffatu;warri ija wayinii guurratanisoobdii iddoo qulqulluu koo keessatti ni dhugu.”
10Keessa darbaa; karrawwan keessaan darbaa!Uummataaf karaa qopheessaa.Tolchaa; karaa guddaa tolchaa!Dhagaawwan bubuqqisaa.Sabootaafis faajjii ol qabaa.
11Rabbii Allaahan akkana jedheehamma moggaa lafaatti labseera;“Intala Xiyooniin akkana jedhaa:‘Kunoo Fayyisaan kee ni dhufa!Badhaasni isaa kunoo isa harka jira;beenyaan inni namaaf baasus isuma wajjin jira.’ ”12Isaanis Saba Qulqulluu,Furamtoota Rabbii Allaah jedhamanii ni waamamu;atis barbaadamtuu,Magaalaa Siʼachi Hin Onne ni jedhamta.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3