Isaayyaas52
1Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;jabina kee uffadhu!Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.Namoonni dhagna hin qabaminii fixuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.2Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;kaʼiitii teessoo irra taaʼi.Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,foncaa morma keetii of irraa hiiki.3Rabbii Allaahan akkana jedhaatii:“Isin gatii malee gurguramtanii turtan;amma immoo maallaqa malee furamtan.”4Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaatii:“Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.5“Yoos ani amma maalan asii qaba?” jedha Rabbii Allaahan.“Sabni koo sababii malee fudhatameera;warri isaan bulchanis ni qoosu” jedha Rabbii Allaahan.“Guyyaa guutuus,maqaan koo ittuma fufee arrabsama.6Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbateakka ana taʼe ni beeku.Eeyyee, inni anuma.”7Miilli warra injiila fidanii,kan nagaa labsanii,kan oduu gammachiisaa fidanii,kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,“Allaahan kee moʼeera!” jedhaniitulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!8Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.Yeroo Rabbii Allaahan Xiyoonitti deebiʼutti,isaan ijuma isaaniitiin ni argu.9Yaa diigamtoota Yerusaalemtokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;Rabbii Allaahan uummata isaa jajjabeesseeYerusaaleminis fureeraa.10Rabbii Allaahan fuula saboota hundaa duratti,irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;handaarri lafaa hundisfayyisuu Allaah keenyaa ni argu.11Isin warri miʼa Rabbii Allaah baattan, addaan baʼaa;addaan baʼaa; achii fagaadhaa!Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.12Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;yookaan baqattanii hin deemtan;Rabbii Allaahan fuula keessan dura deemaatii;Allaahan Israaʼel dugda duubaan isin eega.
Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa
13Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta;inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.14Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti,fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera;bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;15akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa;mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu.Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii;waan hin dhagaʼinis ni hubatu.Biblica, Inc.