Isaayyaas45
1“Rabbii Allaahan dibamaa isaa Qiiros,kan ani saboota isa jalatti bulchuu fihidhannaa moototaa hiiksisuuf jedheeharka isaa mirgaa qabeeakka karrawwan hin cufamneef,balbalawwan banuuf sanaan akkana jedha:2Ani fuula kee dura deemeetulluuwwan wal nan qixxeessa;karrawwan naasii nan caccabsa;danqaraawwan sibiilaas nan kukkuta.3Ati akka ani Rabbii AllaahanAllaah Israaʼel isa maqaa keetiin si waamu taʼe akka beektuuf,ani badhaadhummaa dukkana keessaa,qabeenya lafa dhoksaatti kuufames siif nan kenna.4Ati na beekuu baattu iyyuu,ani garbicha koo Yaaʼikuubiif,Israaʼel filatamaa kootiif jedheemaqaa keetiin si waameera;maqaa ulfinaas siif kenneera.5Ani Rabbii Allaah; ana malee kan biraa hin jiru;ana malee Allaahan tokko iyyuu hin jiru.Ati na beekuu baattu iyyuu, ani sin jabeessa;6Kunis akka namoonni baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,ana malee kan biraa akka hin jirre beekaniif.Ani Rabbii Allaah; ana maleetokko iyyuu hin jiru.7Ani ifa nan tolcha; dukkanas nan uuma;badhaadhummaa nan fida; balaas nan uuma;ani Rabbii Allaahan wantoota kanneen hunda nan godha.8“Yaa shamaayʼuniiwwan, isin ol gubbaadhaa qajeelummaa roobsaa;duumessoonnis gad coccobsaa.Lafti haa banamtu;fayyinni haa biqilu;qajeelummaanis isa wajjin haa guddatu;ani Rabbii Allaahan waan kana uumeera.9“Qiraacii qiraaciidhuma lafaa taʼeeUumaa isaatiin wal loluuf wayyoo.Supheen, suphee dhooftuudhaan,‘Ati maal hojjechaa jirta?’ jedhaa?Hojiin ati hojjettus,‘Inni harka hin qabu’ siin jedhaa?10Nama Abbaadhaan, ‘Ati maal dhalchite?’yookaan haadhaan, ‘Ati maal deesse?’ jedhuuf wayyoo.11“Rabbii Allaahan, Qulqullichi IsraaʼelUumaan ishee sun akkana jedha:Isin waaʼee wantoota dhufuuf jiranii jechuunis,‘Waaʼee ijoollee koo na gaafadhaa;yookaan waaʼee hojii harka koo na ajajaa.’12Kan lafa tolchee namas ishee irratti uume ana.Harki koo shamaayʼuniiwwan diriirseera;raayyaa isaanii hundas ajajeera.13Ani qajeelummaa kootiin Qiirosin ol nan kaasa:Karaa isaa hundas wal nan qixxeessa.Inni magaalaa koo deebisee ijaara;boojiʼamtoota koos bilisa baasa;garuu gatiidhaan yookaan badhaasaan miti,jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.”14Rabbii Allaahan akkana jedha:“Qabeenyi Gibxii fi daldalli Itoophiyaa,namoonni dhedheeroon Saabaa,gara kee ni dhufu;kan kees ni taʼu;isaan foncaadhaan hidhamaniidugda duubaan si duukaa buʼu.Fuula kee durattis gad jedhanii‘Dhugumaan Allaahan si wajjin jira; isa malees tokko iyyuu hin jiru;isa malees Allaahan biraa hin jiru’jedhanii si kadhatu.”15Yaa Allaah, Fayyisaa Israaʼel,ati dhugumaan Allaah of dhoksituu dha.16Warri waaqeffatamtoota tolfamoo tolchan hundinuu ni qaanaʼu; ni salphatu;walii wajjinis salphina keessa buʼu.17Israaʼel garuu fayyina bara baraatiinRabbii Allaahan ni fayyifama;isin bara baraan hin qaanoftan;yookaan hin salphattan.18Rabbii Allaahan akkana jedha;kan shamaayʼuniiwwan uume, inni Allaaha;inni lafa miidhagsee tolchee ishee hundeesse;inni akka isheen iddoo jireenyaa taatuuf ishee uume maleeakka isheen ona taatuuf ishee hin uumne;inni akkana jedha;“Ani Rabbii Allaah; ana malee kan biraa hin jiru.19Ani biyya dukkanaa keessaadhoksaadhaan hin dubbanne;ani sanyiiwwan Yaaʼikuubiin,‘Akkasumaan na barbaadaa’ hin jenne.Ani Rabbii Allaahan dhugaa nan dubbadha;waan qajeelaas nan labsa.20“Walitti qabamaa kottaa;isin baqattoonni sabootaa wal gaʼaa.Warri waaqeffatamaa tolfamaa muka irraa hojjetame baatan,kanneen waaqeffatamtoota fayyisuu hin dandeenye waammatan homaa beekumsa hin qaban.21Waanan taʼuu qabu dubbadhaa; dhiʼeeffadhaas;isaanis walii wajjin haa mariʼatan.Eenyutu waan kana duraan dursee bara dheeraan dura hime?Duruma iyyuu eenyutu labse?Anuma Rabbii Allaah mitii?Ana malee Allaahan qajeelaa fiFayyisaan tokko iyyuu hin jiru;ana malee tokko illee hin jiru.22“Isin warri handaara lafaa hundi,gara kootti deebiʼaatii fayyaa;ani Allaaha; ana malee kan biraa hin jiruutii.23Ani mataa kootiin kakadheera;afaan koos akkana jedhee qajeelummaadhaandubbii hin geeddaramne dubbateera;‘Jilbi hundi fuula koo duratti ni jilbeenfata;arrabni hundis anaan kakata.’24Isaanis, ‘Qajeelummaa fi jabinni Rabbii Allaah qofaan argama’jedhanii waaʼee koo ni dubbatu.”Warri aariidhaan isatti kaʼan hundi,gara isaa dhufanii ni qaanaʼu.25Sanyiin Israaʼel hundi garuu,Rabbii Allaahan qajeeltota taasifamu;ni kabajamus.
Biblica, Inc.