Isaayyaas42
Garbicha Rabbii Allaah
1“Tajaajilaan koo inni ani utubee dhaabu,filatamaan koo kan ani itti gammadu isa kana;ani Hafuura koo isa irra nan kaaʼa;inni sabootaaf murtii qajeelaa ni kenna.2Inni hin wacu yookaan hin iyyu;yookaan daandii irratti sagalee isaa hin dhageessisu.3Shambaqqoo buruqe hin cabsu;foʼaa ibsaa kan seequs hin dhaamsu.Inni amanamummaadhaan murtii qajeelaa ni fida;4hamma murtii qajeelaa lafa irratti fidutti,inni hin dadhabu; abdiis hin kutatu.Biyyoonni bishaan gidduu seera isaa ni abdatu.”5Rabbii Allaahan shamaayʼuniiwwan uumee diriirse,inni lafaa fi wantoota ishee keessa jiran hunda hojjete,inni saba isheetiif hafuura baafatan kenneewarra ishee irra jiraataniifisjireenya kenne sun akkana jedha:6“Ani Rabbii Allaahan qajeelummaadhaan si waameera;harka kees nan qaba.Ani si eegee sabootaaf kakuu,Namoota Ormaatiif immoo ifa sin taasisa;7atis ija jaamotaa ni banta;mana hidhaatii boojiʼamtoota ni hiikta;warra dukkana keessa jiraatanis hidhaadhaa ni baafta.8“Ani Rabbii Allaah; maqaan koos kanaa dha!Ani ulfina koo kan biraatiif,galata koos waaqeffatamtoota tolfamoof dabarsee hin kennu.9Kunoo wanni duraanii raawwatameera;anis waan haaraa nan dubbadha;utuu isaan hin biqilin,ani waaʼee isaanii sitti nan odeessa.”Faarfannaa Galataa
10Isin warri galaana buutanii fi wantoonni achi keessa jiraattan hundi,biyyoonni bishaan gidduu fi warri achi keessa jiraattan hundi,faarfannaa haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;handaara lafaatiis galata isaa faarfadhaa.11Gammoojjii fi magaalaawwan ishee sagalee isaanii ol haa fudhatan;gandoonni Qeedaar keessa jiraatan haa gammadan.Namoonni Seelaa gammachuudhaan haa faarfatan;fiixee tulluuwwanii irraa haa iyyan.12Isaan Rabbii Allaahaf ulfina haa kennan;biyyoota bishaan gidduu keessattis galata isaa haa labsan.13Rabbii Allaahan akka nama jabaa tokkootti ni duula;akka goota tokkoottis onnee isaa kakaasa;sagalee ol fudhatees ni dhaadata;diinota isaa irrattis ol aantummaa argata.14“Ani yeroo dheeraaf calʼiseera;ani afaan qabadhee of dhowweera.Amma garuu akka dubartii ciniinsuun qabeetti nan iyya;nan argana; hafuurris na cita.15Ani tulluuwwanii fi gaarran nan onsa;biqiltuuwwan isaanii hundas nan gogsa;ani lageen biyyoota bishaan gidduutti nan geeddara;haroowwanis nan gogsa.16Ani jaamota karaa isaan hin beekne irra nan qajeelcha;daandii duraan hin beekamin irra nan deemsisa;ani dukkana fuula isaanii dura jiru ifatti nan geeddara;lafa buʼaa bayiis wal nan qixxeessa.Wanni ani hojjedhu kanneenii dha;ani isaan hin dhiisu.17Warri waaqeffatamtoota tolfamoo amanatan,kanneen fakkiiwwaniin, ‘Isin waaqeffatamtoota keenya’ jedhan garuuduubatti deebiʼu; ni salphatus.Israaʼel Jaamaa fi Duudaa dha
18“Isin duudota nana, dhagaʼaa;jaamota nana, ilaalaa; argaas!19Tajaajilaa koo malee jaamaan eenyu?Duudaan akka malaʼikkaa ani ergu sanaas eenyu?Jaamaan akka nama anaaf of kennee,jaamaan akka Garbicha Rabbii Allaah eenyu?20Ati waan baayʼee argite; garuu hin qalbeeffanne;gurri kee banaa dha; garuu ati waan tokko iyyuu hin dhageessu.”21Waaʼee qajeelummaa isaatiif jedheeseera isaa guddisuu fi ulfina qabeessa gochuunRabbii Allaah gammachiiseera.22Sabni kun garuu saba saamamee boojiʼamee dha;hundii isaanii boolla keessatti kiyyoodhaan qabamaniiru;mana hidhaa keessas dhokfamaniiru.Isaan fudhatamaniiru;kan isaan baraarus hin jiru;isaan boojiʼamaniiru;namni, “Isaan deebisaa” jedhus hin jiru.23Isin keessaa eenyutu waan kana dhaggeeffata?Bara dhufuuf jiru keessas eenyutu qalbeeffatee dhagaʼa?24Eenyutu Yaaʼikuubin boojuuf,Israaʼelinis saamtotatti dabarsee kenne?Kan nu cubbuu itti hojjenne, Rabbii Allaah mitii?Isaan sababii karaa isaa duukaa hin buuneef,seera isaatiif hin ajajamne.25Kanaafuu inni dheekkamsa isaa bobaʼaa sana,waraana hamaas isaanitti erge.Arraba ibiddaatiin isaan marse; isaan garuu hin hubanne;ibiddi sunis isaan gube; isaan garuu hin qalbeeffanne.Biblica, Inc.