Isaayyaas25
Rabbii Allaahaf Galata Galchuu
1Rabbii Allaah, ati Allaah koo ti;waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneenwantoota dinqisiisoobara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.2Ati magaalaa sana tuullaa dhagaa,magaalaa dallaa jajjabaa qabdu immoo diigamaa goote;magaalaan daʼannoo Namoota Ormaa turte sun siʼachi hin jiraattu;isheen gonkumaa deebitee hin ijaaramtu.3Kanaafuu namoonni jajjaboon si kabaju;magaalaawwan saboota gara jabeeyyii si sodaatu.4Ati hiyyeeyyiif lafa itti baqatan,rakkataaf immoo dhiphina isaa keessatti daʼoo,bubbee hamaa jalaa iddoo itti baqatu,hoʼa jalaa immoo iddoo itti qabbaneeffatu turte.Hafuurri gara jabeeyyiin baafatan,akkuma bubbee hamaa dallaa dhagaa dhaʼuutii fi5akkuma hoʼa gammoojjii ti.Ati waca alagootaa ni calʼisiifta;akkuma hoʼi gaaddisa duumessaatiin qabbanaaʼu sana,sirbi gara jabeeyyiis ni qabbanaaʼa.6Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼutulluu kana irratti uummata hundaaf cidha nyaata gaarii,affeerraa daadhii wayinii gogee,foon coomaa fi daadhii wayinii filatamaa ni qopheessa.7Inni tulluu kana irratti,haguuggii uummata hundatti haguugame,golgaa saba hundatti golgame ni balleessa;8inni bara baraan duʼa ni liqimsa.Rabbii Allaahan Gooftaan fuula hunda irraa imimmaan ni haqa;inni lafa hunda irratti salphina saba isaa ni balleessa.Rabbii Allaahan waan kana dubbateeraatii.9Isaan gaafas akkana jedhu;“Dhugumaan kun Allaah keenya;nu isa amananne; innis nu oolche.Kun Rabbii Allaah dha; nu isa amananne;kottaa fayyisuu isaatti gammannaa; ni ililchinas.”10Harki Rabbii Allaah tulluu kana irra ni boqota;Moʼaab garuu akkuma cidiin dikee keessatti dhidhiitamu sanaisa jalatti dhidhiitama.11Innis akkuma namni bishaan daaku tokko daakuuf harka balʼifatu sana,gaara sana irratti harka isaa ni balʼifata.Allaahanis of tuulummaa isaanii,ogummaa harka isaanii wajjin gad deebisa.12Inni dallaa kee ol dheeraa dhagaan ijaarame sana,akka inni duufu godha;lafatti gad jigsees biyyootti dabala.Biblica, Inc.