Isaayyaas22

Raajii Waaʼee Yerusaalem

1Raajii waaʼee Sulula Mulʼataa:Amma maaltu isin rakkiseeisin hundi fiixee manaatti ol baatan?2Yaa magaalaa wacaan guutamte,yaa magaalaa jeeqamtuu fi fandalaltuu,namoonni si jalaa qalaman goraadeedhaan hin ajjeefamneyookaan waraana keessatti hin dhumne.3Hooggantoonni kee hundi walumaan baqatan;isaan utuma xiyya hin darbatin qabaman.Isin utuma diinni fagoo jiruu baqattan iyyuuwarri qabamtan hundi walumaan mana hidhaatti galfamtaniirtu.4Kanaafuu ani, “Ana irraa garagalaa;ani hiqqifadhee nan booʼa.Badiisa saba koo irrattina jajjabeessuu hin yaalinaa” nan jedhe.
5Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,Sulula Mulʼataa keessatti, guyyaa jeequmsaa,dhidhiitamuutii fi burjaajii,akkasumas guyyaa itti dallaa diiguutii fitulluuwwanittis iyyuu qaba.6Eelaam manʼee xiyyaa qabatteegaariiwwanii fi abbootii fardaa fudhattee baati;Qiiris gaachana ishee qabatti.7Sululawwan kee filatamoon gaariiwwaniin guutamaniiru;abbootiin fardaas karra magaalattii irratti ramadamaniiru.
8Gooftaan ittisa Yihuudaa irraa mulqeera.Atis gaafas miʼa lolaa kan Masaraa Bosonaakeessa jiru sana abdatta.9Dallaan Magaalaa Daawudkaraa baayʼee akka urame argitaniirtu;Haroo Gad aanaa keessattisbishaan kuufattaniirtu.10Isin manneen Yerusaalem lakkooftan;dallaa ishee dhagaa jabeessuuf jettaniis manneen sana diigdan.11Bishaan Haroo Moofaatiif dallaa lamaan gidduuttikuusaa bishaanii tolchitan;garuu isin gara Isa waan sana hojjetee hin ilaalle;yookaan Isa bara dheeraan dura waan sana karoorseef ulfina hin kennine.
12Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu,akka ati boossee wawwaattuuf,akka ati rifeensa mataa keetii of irraa cirteewayyaa gaddaa uffatuuf guyyaa sana si waame.13Qooda kanaa garuu gammachuu fi fandalaluu,loon gorraʼuu fi hoolota qaluu,foon nyaachuu fi daadhii wayinii dhuguutu jira!Isin, “Kottaa ni nyaannaa; ni dhugnas;bor ni duunaatii!” jettu.
14Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu utuma gurri koo dhagaʼuu waan kana naa ibse: “Hamma guyyaa duʼa keessaniitti cubbuun kun isin irraa hin haqamu” jedha Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.
15Gooftaan, Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha:“Dhaqiitii itti gaafatamaa kanaan,Shebnaa, bulchaa masaraa mootummaatiin akkana jedhi:16Ati maal asii hojjetta?Akka ati iddoo kanatti iddoo qabrii qopheeffattu,akka iddoo ol kaʼaa irratti boolla qabrii keetii qotattu,akka kattaa keessatti iddoo boqonnaa keetii tolchattu eenyutu eeyyama siif kenne?
17“Yaa nama jabaa kunoo,Rabbii Allaahan jabeessee qabee si darbachuuf jira.18Inni akkuma kubbaa furuurseebiyya balʼaa tokko keessa si buusa.Yaa salphina mana gooftaa keetii, ati achitti duuta;gaariiwwan kee mimmiidhagoonis achitti hafu!19Ani aangoo kee irraa sin buusa;atis taayitaa kee irraa ni ariʼamta.
20“Ani gaafas garbicha koo Eliiyaaqiimin ilma Hilqiyaa nan waama.21Ani uffata kee isatti nan uffisa; sabbata kee mudhii isaatti nan hidha; aangoo kees dabarsee isaaf nan kenna. Inni warra Yerusaalem keessa jiraatanii fi mana Yihuudaatiif abbaa ni taʼa.22Ani furtuu mana Daawud gatiittii isaa irra nan kaaʼa; waan inni banu namni tokko iyyuu cufuu hin dandaʼu; waan inni cufus namni tokko iyyuu banuu hin dandaʼu.23Ani akkuma fannoo waa itti fannisan tokkootti iddoo jabaa irra isa nan dhaaba; innis mana abbaa isaatiif teessoo ulfinaa ni taʼa.24Isaanis kabaja mana abbaa isaa hunda, ijoollee isaatii fi ijoollee ijoollee isaa, miʼa xixinnaa kan waciitiidhaa jalqabee hamma okkoteetti jiru hunda isatti fannisu.”
25Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Gaafas qofoon iddoo jabaa dhaabame sun ni buqqaʼa; muramee lafa buʼa; baʼaan isatti fannifame sun harcaʼee caccaba.” Rabbii Allaahan waan kana dubbateeraatii.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3