Isaayyaas12
Faarfannaa Galataa
1Ati gaafas akkana jetta:“Rabbii Allaah, ati natti aartee turte;aariin kees narraa deebiʼeera;na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.2Dhugumaan Allaahan fayyina koo ti;ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.Rabbii Allaahan, Rabbii Allaahan mataan isaa,jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera.”3Isin burqaa fayyinaa keessaagammachuudhaan bishaan waraabbattu.4Isin bara sana keessa akkana jettu:“Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.5Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Rabbii Allaah faarfadhaa;wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.6Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatiisagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa.”Biblica, Inc.