Hooseʼaa8
Israaʼel Bubbee Hamaa Haammata
1“Malakata afaan keetti kaaʼadhu!Sababii namoonni kakuu koo cabsaniiseera kootti fincilaniifrisaan tokko mana Rabbii Allaahatiin ol jira.2Israaʼel, ‘Yaa Allaah keenya nu si beekna!’ jedheegara kootti iyyate.3Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera;kanaafuu diinni isa ariʼa.4Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan;utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan.Isaan meetii fi warqee isaaniitiinbadiisa isaaniitiifwaaqeffatamtoota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.5Yaa Samaariyaa, waaqeffatamaa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati!Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa.Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?6Isaan warra Israaʼel!Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche;inni Allaah miti.Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.7“Isaan bubbee facaafataniibubbee hamaa haammatu.Mukni isaa mataa hin qabu;daraaraas hin baasu.Utuu inni midhaan naqateesilaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.8Israaʼel liqimfameera;isaan amma saboota gidduuttiakka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.9Isaan akkuma harree diidaa kan asii fiachi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii;Efreemis michootatti of gurgureera.10Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuuani amma walitti isaan nan qaba.Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalattini sukkuumamu.11“Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu,lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.12Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera;isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.13Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu;foon sanas ni nyaatu;Rabbii Allaahan garuu isaanitti hin gammanne.Inni amma hammina isaanii yaadateecubbuu isaanii adaba:Isaan gara Gibxitti deebiʼu.14Israaʼel Uumaa isaa irraanfateemasaraawwan mootummaa ijaare;Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare.Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaaniibarbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”Biblica, Inc.