Hooseʼaa4

Himatamuu Israaʼel

1Yaa Israaʼeloota, Rabbii Allaahan isin warra biyyattii keessa jiraattan irrattihimata dhiʼeeffatu waan qabuufdubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa:“Biyyattii keessa amanamummaan,jaalallii fi Allaah beekuun hin jiru.2Abaaruu, sobuu fi ajjeesuu,hannaa fi ejja qofatu jira;isaan kakuu hunda ni cabsu;dhiiga dhangalaasuutu baayʼata.3Sababii kanaaf biyyattiin ni gadditi;warri ishee keessa jiraatan hundis ni badu;bineensonni bosonaa, simbirroonni shamaayʼuniitii fiqurxummiin galaanaa dhumaa jiru.
4“Garuu namni tokko iyyuu dubbii hin kaasin;namni tokko iyyuu nama kaan hin himatin;sabni keessanakkuma nama luba himatu tokkoo ti.5Ati halkanii fi guyyaa gufatta;nabiiʼiyyoonnis isin wajjin gufatu.Kanaafuu ani haadha kee nan balleessa;6sabni koo beekumsa dhabuudhaan badeera.“Waan ati beekumsa tuffatteefanis akka ati luba naaf hin taaneef si tuffadheera;sababii ati seera Allaah keetii gatteefanis ilmaan kee nan gata.7Luboonni akkuma baayʼachaa deemaniin,akkasuma cubbuu natti hojjechuu baayʼisan;isaan ulfina isaanii salphinatti geeddaraniiru.8Isaan cubbuu saba kootii nyaatu;hammina isaaniis ni hawwu.9Wanni kunis akkuma sabaa, akkuma lubootaa taʼa.Anis sababii karaa isaaniitiif lachan isaanii iyyuu nan adaba;hojii isaaniis isaanumatti nan deebisa.
10“Isaan ni nyaatu; garuu hin quufan;ni sagaagalu; garuu hin baayʼatan;kunis sababii isaan Rabbii Allaah dhiisaniidabarsanii11sagaagaltummaatti,daadhii wayinii moofaa fihaaraa hubannaa isaanii fudhatetti of kennaniif.12Sabni koo waaqeffatamaa muka irraa tolfame gorsa gaafata;uleen falfaltuus isaanitti dubbata.Hafuurri sagaagaltummaa karaa irraa isaan jalʼisa;isaan Allaah isaaniitiif hin amanaman.13Isaan fiixeewwan tulluu irratti qalma,aarsaa gubamu immoo gaarran irratti,qilxuu jalatti, alaltuu fi hoomiigaaddisni isaanii namatti tolu jalatti dhiʼeessu.Kanaafuu intallan keessan sagaagaltummaatti deebiʼu;niitonni ilmaan keessaniis ejjatti deebiʼu.
14“Sababii warri dhiiraa iyyuu sagaagaltummaatti deebiʼaniigalma waaqeffannaa ejjaatti qalma dhiʼeessaniif,yommuu intallan keessansagaagaltummaatti deebiʼanittiyookaan yommuu niitonni ilmaan keessaniiejjatti deebiʼanitti ani isaan hin adabu;sabni hubannaa hin qabne ni badaatii!
15“Yaa Israaʼel, ati yoo ejja hojjette illeeakka Yihuudaan yakka qabaatu hin godhin.“Isin Gilgaal hin dhaqinaa;Beet Aawwenittis ol hin baʼinaa.‘Dhugaa Rabbii Allaah jiraataa!’ jettaniis hin kakatinaa.16Israaʼeloonni akkuma goromsamataa jabaate tokkoo mataa jabeeyyii taʼaniiru.Yoos Rabbii Allaahan akkamiin akka xobbaallaawwan hoolaattikaloo balʼaatti isaan bobbaasuu dandaʼa ree?17Efreem waaqeffatamtoota tolfamootti galeera;isa ittuma dhiisaa!18Dhugaatiin isaanii yoo dhume iyyuuisaan sagaagaltummaa isaanii ittuma fufu;bulchitoonni isaanii ulfina irra qaanii jaallatu.19Bubbeen hamaan haxaaʼee isaan balleessa;aarsaan isaaniis qaanii isaanitti fida.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3