Ibroota4
Boqonnaa Guyyaa Sanbataa
1Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu.2Injiilli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine.3Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni,“Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,‘Isaan boqonnaa koottihin galan’ jedhee kakadhe” jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera.4Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Allaahan guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote” jedhee dubbate.5Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedha.6Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan injiilli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle.7Kanaafuu Allaahan deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawudiitiin,“Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,mataa hin jabaatinaa” jedha.8Utuu Yushuʼaan boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Allaahan ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii.9Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Allaahatiif kaaʼameera;10namni boqonnaa Allaahatti galu kam iyyuu akkuma Allaahan hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota. 11Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.12Dubbiin Allaaha jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.13Uumama hunda keessaa wanti fuula Allaaha duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.Iisaa Luba Ol Aanaa Guddicha
14Egaa luba ol aanaa guddicha isa shamaayʼuniiwwan keessa darbe, Iisaa Ilma Allaaha waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.15Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.16Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.Biblica, Inc.