Galaatiyaa3
Amantii Yookaan Seera Eeguu
1Yaa warra Galaatiyaa gowwoota! Eenyutu falfala isinitti hojjete? Iisaa Al-Masiihiin akka waan ijuma keessan duratti fannifameetti mulʼifamee hin turree?2Ani waan tokko qofa isin irraa barachuu nan barbaada: Isin seera eeguun moo waan dhageessan amanuun Hafuura Qulqulluu argattan?3Isin akkas gowwaadhaa? Hafuura Qulqulluudhaan jalqabdanii amma immoo fooniin fixxuu ree?4Kun dhugumaan iyyuu waan hin fayyadne taanaan isin waanuma hin fayyadneef hammana dhiphattanii ree?5Wanni Allaahan Hafuura isaa isinii kennee hojii dinqii gidduu keessanitti hojjetuuf sababii isin seera eegdaniif moo sababii isin waan dhageessan amantaniif?6Akkasumas Ibraahim, “Allaah amane; kunis qajeelummaatti lakkaaʼameef.”Muuxannoo Jireenya Ibraahim
7Kanaafuu warri amanan ijoollee Ibraahim akka taʼan hubadhaa.8Katabbiin Qulqulluun akka Allaahan amantiin Namoota Ormaa qajeeltota taasisu duraan dursee argee, “Sabni hundinuu karaa keetiin eebbifama” jedhee duraan dursee Ibraahimitti injiila lallabe.9Kanaaf warri amantii qaban, Ibraahim nama amantii sana wajjin eebbifaman.Abaarsa Seeraa
10Warri seera eeguu isaanii abdatan hundinuu abaarsa jala jiru; “Namni waan Kitaaba Seeraa keessatti barreeffame hundaaf itti fufee hin ajajamne kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameeraatii.11Waan, “Namni qajeelaan amantiidhaan jiraatuuf” akka eenyu iyyuu fuula Allaaha duratti seeraan qajeelaa hin taasifamne ifa.12Seerri amantii irratti hin hundeeffamne; inni garuu, “Namni waan seerri ajaju godhu ittiin jiraata” jedha.13Waan, “Namni muka irratti fannifamu kam iyyuu abaaramaa dha” jedhamee barreeffameef, Al-Masiihiin nuuf jedhee abaarsa taʼuudhaan abaarsa seeraa irraa nu fure.14Inni akka nu amantiin Hafuura Qulqulluu waadaa kenname sana argannuuf, akka eebbi Ibraahimiif kenname sun karaa Al-Masiihi Iisaatiin gara Namoota Ormaa dhufuuf nu fure.Seeraa fi Waadaa
15Yaa obboloota, ani akka namaattin dubbadha. Kakuun namaa iyyuu erga yeroo tokko mirkaneeffamee booddee eenyu iyyuu hin tuffatu yookaan itti hin dabalu.16Egaa Ibraahimii fi sanyii isaatiif waadaan galameera. Katabbiin Qulqulluun, akka waan nama hedduuf dubbatameetti, “Sanyiiwwan” hin jedhu; garuu akka waan nama tokkoof dubbatameetti, “Sanyii keetiif” jedha; innis Al-Masiihi.17Wanni ani jedhus kana: Seerri waggaa 430 booddee dhufe sun kakuu Allaahan duraan dursee gale diigee akkasiin waadaa sana hin balleessu.18Dhaalli utuu karaa seeraatiin taʼee siʼachi waadaadhaan hin taʼu ture; Allaahan garuu ayyaana isaatiin waadaadhaan Ibraahimiif dhaala kenne.19Yoos seerri maaliif kenname ree? Seerri sababii yakka hamma Sanyiin waadaan kennameef sun dhufutti tureetiif kenname. Seerri sunis karaa malaʼikkaatiin harka araarsaa gidduu galeessa tokkootiin hojii irra oolfame.20Taʼus araarsaan gidduu galeessi tokko garee tokko qofaaf hin dhaabatu; Allaahan garuu tokkichuma.21Kanaafuu seerri waadaa Allaahatiin mormaa ree? Gonkumaa akkas miti! Utuu seerri jireenya kennuu dandaʼu kennamee jiraatee silaa qajeelummaan dhugumaan seeraan argama tureetii.22Katabbiin Qulqulluun garuu akka wanni karaa Iisaa Al-Masiihitti amanuutiin waadaa galame sun warra amananiif kennamuuf waan hundumaa cubbuu akka hidhamaa godhe labsa.Ilmaan Allaah
23Utuu amantiin hin dhufiniin dura hamma amantiin mulʼifamutti seera jalatti hidhamnee nutti cufamee turre.24Kanaafuu akka nu amantiin qajeeltota taasifamnuuf Al-Masiihitti nu geessuuf seerri guddiftuu keenya ture.25Amma garuu waan amantiin dhufeef nu siʼachi guddiftuu jala hin jiraannu.26Hundi keessan amantii Al-Masiihi Iisaatti qabdaniin ijoollee Allaaha ti;27isin warri Al-Masiihitti cuuphamtan hundi Al-Masiihii uffattaniirtuutii.28Yihuudii yookaan Giriik, garba yookaan birmaduu, dhiira yookaan dubartii jechuun hin jiru; hundi keessan Al-Masiihi Iisaatiin tokkumaatii.29Erga kan Al-Masiihii taatanii yoos isin sanyii Ibraahim; akka waadaattis dhaaltota.Biblica, Inc.