Izraa7

Izraan Yerusaalem Dhufe

1Wantoota kanneen booddee bara Arxeksis mooticha Faares keessa Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa ilmi Hilqiyaa,2ilmi Shaluum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixuub,3ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayoot,4ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii,5ilmi Abiishuuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Eleʼaazaar, ilmi Haaruun lubicha ol aanaa6Izraan kun Baabilonii dhufe. Innis barsiisaa Seera Muusaa kan Rabbii Allaahan Israaʼel kenne sana sirriitti beekuu dha. Sababii harki Rabbii Allaah isaa isa irra tureef mootichi waan inni duʼaa godhate hunda ni kenneef.7Akkasumas waggaa torbaffaa bara Arxeksis Mootichaa keessa Israaʼeloonni tokko tokko jechuunis luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa gara Yerusaalemitti ol baʼan.
8Izraanis waggaa torbaffaa bara mootii sanaa keessa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe.9Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Allaah isaa tolaan sun isa irra tureetii.10Izraan Seera Rabbii Allaah quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.

Xalayaa Arxeksis Mootichi Izraatti Erge

11Kun garagalcha xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa lubichaa fi barsiisaa, namicha waaʼee ajajaa fi labsiiwwan Rabbii Allaahan Israaʼeliif kenne sanaa baratetti ergee ti:
12Arxeksis mootii moototaa irraa;
Gara Izraa lubicha, barsiisaa Seera Allaah shamaayʼuniitti:
Nagaan siif haa taʼu.
13Ani amma akka namni Israaʼel kan mootummaa koo keessa jiraatu kam iyyuu luboonnii fi Lewwonni illee abbaan si wajjin Yerusaalem dhaquu barbaadu dhaquu dandaʼu labseera.14Ati akka akkuma Seera Allaah keetii kan harka kee jiru sanaatti waaʼee Yihuudaa fi Yerusaalem qorattuuf mootichaa fi gorsitoota isaa torbaan ergamteerta.15Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Allaah Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi;16waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Allaah isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi.17Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Allaah keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa.
18Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Allaah keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa.19Miʼa waaqeffannaa mana qulqullummaa Allaah keetii keessaaf imaanaa sitti kenname hunda Allaah Yerusaalem duratti dhiʼeessi.20Waan mana qulqullummaa Allaah keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni.
21Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Allaah shamaayʼun kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera;22kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu.23Wanni Allaahan shamaayʼun ajaje kam iyyuu mana qulqullummaa Allaah shamaayʼuniitiif of eeggannaadhaan haa godhamu. Maaliif dheekkamsi mootichaa fi ilmaan mootichaatti dhufa?24Amma illee isin akka luboota, Lewwota, faarfattoota, eegdota karraa, tajaajiltoota mana qulqullummaa yookaan hojjettoota mana Allaaha kana keessa hojjetan kamitti iyyuu gibira, qaraxaa fi ashuuraa murteessuuf aangoo hin qabne beekaa.
25Egaa Izraa, ati akkuma ogummaa Allaah keetii kan harka kee jiru sanaatti akka isaan warra Gama Laga Efraaxiis jiraatan bulchaniif abbootii seeraa fi abbootii murtii kanneen hundi isaanii seera Allaah keetii beekan muudi. Nama seera Allaaha hin beekne kam iyyuus barsiisi.26Namni seera Allaah keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba.
27Rabbii Allaahan abbootii keenyaa kan akka inni karaa kanaan mana Rabbii Allaah kan Yerusaalem keessa jiruuf ulfina kennuuf garaa mootichaa keessa yaada kana kaaʼe sun haa galateeffamu;28Allaah fuula mootichaa, fuula gorsitoota mootichaa fi fuula qondaaltota mootichaa ciccimoo hundaa duratti gaarummaa ofii isaa na argisiiseef galanni haa gaʼu. Sababii harki Rabbii Allaah koo anarra tureef ani jajjabaadheen akka isaan na wajjin deemaniif Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo walitti nan qabadhe.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3