Hisqiʼeel37

Sulula Lafeewwan Goggogaa

1Harki Rabbii Allaah narra ture; innis Hafuura Rabbii Allaahatiin na fuudhee, walakkaa sululaa na dhaabe; sululli sunis lafeewwaniin guutamee ture.2Isaan gidduus asii fi achi na deddeebise; anis lafeewwan akka malee baayʼee kanneen akka malee goggogan lafa sululaa irratti nan arge.3Innis, “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen jiraachuu dandaʼuu?” jedhee na gaafate.
Ani immoo, “Rabbii Allaah Gooftaa, si qofatu beeka” nan jedhe.
4Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Lafeewwan kanneenitti raajiitii akkana jedhiin; ‘Yaa lafeewwan goggogoo, dubbii Rabbii Allaah dhagaʼaa!5Rabbii Allaahan Gooftaan lafeewwan kanneeniin akkana jedha: Ani hafuura isinitti nan galcha; isinis lubbuudhaan ni jiraattu.6Ribuu isinitti nan baasa; akka foon isinitti baʼu nan godha; gogaas isinitti nan uffisa; hafuuras isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan ni jiraattu. Ergasii isin akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu.’ ”
7Kanaafuu ani akkuman ajajametti raajii nan dubbadhe. Utuma ani raajii dubbachaa jiruus sagaleen tokko dhagaʼame; lafeewwanis walitti dhufan; lafeenis lafeetti maxxane.8Yeroo ani isaan ilaaletti, kunoo ribuun isaanitti baʼee ture; foonis isaan irra ture; gogaas uffatanii turan; hafuurri garuu isaan keessa hin jiru ture.
9Ergasii inni akkana naan jedhe; “Yaa ilma namaa, bubbeetti raajii dubbadhu; akkanas jedhiin; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yaa bubbee, bubbeewwan afran irraa kottu; akka isaan lubbuudhaan jiraataniif warra gorraʼaman kanneenitti bubbisi.’ ”10Kanaafuu ani akkuma inni na ajajetti raajii nan dubbadhe; hafuurris isaanitti gale; isaanis lubbuu horatanii miilla isaaniitiin kaʼanii dhadhaabatan; isaanis raayyaa guddaa turan.
11Innis akkana naan jedhe: “Yaa ilma namaa, lafeewwan kunneen guutummaa mana Israaʼeli. Jarris, ‘Lafeewwan keenya goggoganiiru; nu abdii hin qabnu; cinneerras’ jedhu.12Kanaafuu raajii dubbadhuuttii akkana isaaniin jedhi: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yaa saba koo ani qabrii kee banee isa keessaa sin baasa; ani biyya Israaʼelitti deebisee sin fida.13Isinis yaa saba ko, yeroo ani qabrii keessan banee isa keessaa isin baasutti, akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beektu.14Ani Hafuura koo isin keessa nan kaaʼa; isinis lubbuudhaan jiraattu; ani biyyuma keessan keessa isinan qubachiisa. Ergasii isin akka ani Rabbii Allaahan dubbadhee hojjedhe ni beektu, jedha Rabbii Allaahan.’ ”

Sabni Tokko Mootii Tokko Jalatti

15Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe;16“Yaa ilma namaa, ulee mukaa tokko fuudhiitii, ‘Kan Yihuudaatii fi kan Israaʼeloota isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi. Ulee mukaa kan biraas fuudhiitii, ‘Ulee Efreem, kan Yuusufii fi kan guutummaa mana Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii’ jedhii isa irratti barreessi.17Akka isaan harka kee keessatti tokko taʼaniif uleewwan sana walitti qabsiis.
18“Yommuu namoonni biyya keetii, ‘Kun maal jechuu kee akka taʼe nutti hin himtuu?’ jedhanii si gaafatanitti,19akkana isaaniin jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Ani ulee Yuusuf kan harka Efreem jiru kan gosoota Israaʼel kanneen isa wajjin tumsanii, ulee Yihuudaa wajjin walitti qabsiisee ulee mukaa tokko nan godha; isaanis harka koo keessatti tokko ni taʼu.’20Fuula isaanii durattis uleewwan isaan irratti barreessite sana harkatti qabadhuutii21akkana isaaniin jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Ani saboota isaan keessa turan keessaa Israaʼeloota nan baasa. Qixa hundaa walitti isaan qabee biyya isaaniitti isaan nan galcha.22Ani tulluuwwan Israaʼel irratti, biyyattii keessatti saba tokko isaan nan godha. Isaan hunda irratti mootii tokkotu moʼa; isaanis gonkumaa deebiʼanii saboota lama hin taʼan yookaan mootummaan isaanii iddoo lamatti hin qoodamu.23Isaan siʼachi waaqeffatamtoota isaanii tolfamoodhaa fi fakkiiwwan faayidaa hin qabneen yookaan balleessaa isaanii kamiin iyyuu of hin xureessan; ani cubbuudhaan dugda duubatti mucucaachuu isaanii hunda irraa deebisee isaan nan qulqulleessaatii. Isaan saba koo ni taʼu; anis Allaah isaanii nan taʼa.
24“ ‘Daawud garbichi koo isaan irratti mootii ni taʼa; isaan hundis tiksitee tokko ni qabaatu. Isaan seera koo duukaa ni buʼu; sirna koos of eeggannaadhaan ni eegu.25Isaan biyya abbootiin keessan jiraatan, biyya ani Yaaʼikuubiif kenne keessa ni jiraatu. Isaanii fi ijoolleen isaanii, ijoolleen ijoollee isaaniis bara baraan achi ni jiraatu; Daawud garbichi koos bara baraan bulchaa isaanii ni taʼa.26Ani isaan wajjin kakuu nagaa nan seena; kakuun kunis kakuu bara baraa ni taʼa. Ani jabeessee isaan nan dhaaba; lakkoobsa isaaniis nan baayʼisa; gidduu isaaniittis iddoo qulqulluu koo bara baraan nan dhaaba.27Iddoon jireenya koo isaan bira taʼa; ani Allaah isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.28Ergasii yommuu iddoon qulqulluun koo bara baraan isaan gidduu jiraatutti, akka ani Rabbii Allaahan Israaʼelin qulqulleessu saboonni ni beeku.’ ”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3