Hisqiʼeel32
Faaruu Booʼichaa Faraʼooniif Faarsame
1Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa kudha lammaffaa keessa, guyyaa tokkoffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe:2“Yaa ilma namaa, waaʼee Faraʼoon mooticha Gibxi faaruu baasiitii akkana jedhi:“ ‘Ati saboota gidduutti akka leencaa ti;galaanota keessatti immoo bineensa akka jawwee ti;ati lageen borcita;miilla keetiin bishaan ni booressita;lageenis ni dhoqqeessita.3“ ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:“ ‘Gumii namoota baayʼee keessattiani kiyyoo koo sitti nan darbadha;isaanis kiyyoo kootiin harkisanii si baasu.4Ani lafatti sin gata;bakkeettis sin darbadha.Akka simbirroonni shamaayʼun hundi sirra qubatan,akka bineensonni lafaa hundinuus si nyaatanii quufan nan godha.5Ani foon kee tulluuwwan irratti nan bittinneessa;raqa keetiinis sululawwan nan guuta.6Hamma tulluuwwan bira gaʼuttidhiiga kee kan lolaʼuun biyyattii nan guuta;sululawwanis foon keetiin ni guutamu.7Ani yommuun si balleessutti shamaayʼuniiwwan nan haguuga;urjiiwwan isaanii immoo nan dukkaneessa;aduu duumessaan nan haguuga;jiʼis ifa isaa hin kennu.8Ifawwan calaqqisoo shamaayʼun irra jiran hunda sitti nan dukkaneessa;ani biyya kee irra dukkana nan buusa,jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.9Ani yeroon boojuu godheesaboota gidduutti gara biyyoota ati hin beekiniitti si erguttigaraa saboota hedduu nan dhiphisa.10Ani yeroon goraadee koo fuula isaanii duratti mirmirsuttiakka namoonni hedduun si arganii naʼan,akka mootonni isaaniis waaʼee keetiif sodaadhaan hollatan nan godha.Guyyaa kufaatii keetiitokkoon tokkoon isaaniiyeruma yeroon lubbuu isaaniitiif ni kirkiru.11“ ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedhaatii:“ ‘Goraadeen mootii Baabilonsitti dhufa.12Ani akka namoonni kee hedduungoraadee namoota jajjabootiin jechuuniskanneen saboota hunda keessaa akka malee hamoo taʼan sanaatiin dhuman nan godha.Isaan of tuulummaa Gibxi ni balleessu;waldoonni ishee hundinuus ni barbadeeffamu.13Bishaanota baayʼee biraaloon ishee hunda nan fixa;siʼachi miilli namaa hin booressuyookaan kotteen loonii hin dhoqqeessu.14Ergasii bishaan ishee akka qulqullaaʼu,lageen ishee immoo akkuma zayitii akka dhangalaʼan nan godha,jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.15Gaafa ani biyya Gibxi onseebiyyattiin waan ishee keessa jiru hunda dhabdutti,yommuu ani waan achi jiraatu hunda dhaʼuttiisaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.’16“Faaruun isaan isheef faarsan kana. Intallan sabootaas ni faarsu; biyyi Gibxii fi waldaan ishee hundi ni faarsu, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.”17Waggaa kudha lammaffaatti, jiʼa tokkoffaa keessa, guyyaa kudha shanaffaatti dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe:18“Yaa ilma namaa, waldaa namoota Gibxiif wawwaadhu; ishee fi intallan saboota jajjaboo kanneen boolla buʼanitti dabaliitii qileetti darbadhu.19Akkanas isaaniin jedhi; ‘Ati eenyu caalaa miidhagda? Gad buʼiitii warra dhagna hin qabanne sana gidduu ciisi.’20Isaan warra goraadeedhaan ajjeefaman gidduutti kufu. Goraadeen luqqifameera; isheen waldaa namoota ishee hunda wajjin lafa irra haa harkifamtu.21Hooggantoonni jajjaboon qabrii keessaa waaʼee Gibxii fi waaʼee tumsitoota ishee, ‘Isaan gad buʼaniiru; warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan qalaman wajjin ciciisaniiru’ jedhu.22“Asoor loltoota ishee hunda wajjin achi jirti; isheenis qabrii namoota ishee warra qalaman hundaa kanneen goraadeedhaan dhuman hundaatiin marfamteerti.23Qabbariiwwan isaanii boolla qilee keessa; loltoonni ishees naannoo qabrii ishee ciciisaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessatti sodaa faffacaasan hundi gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru.24“Eelaam waldaa namoota ishee kanneen naannoo qabrii ishee jiran hunda wajjin achi jirti. Hundi isaanii gorraʼamanii goraadeedhaan dhumaniiru. Warri biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasan hundi utuu dhagna hin qabatin qilee keessa buʼaniiru. Isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru.25Waldaa namoota ishee kanneen naannoo qabrii ishee jiran hunda wajjin warra gorraʼaman gidduutti sireen isheedhaaf qopheeffameera. Hundi isaanii warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeen dhumanii dha. Sababii sodaan isaanii biyya jiraattotaa keessa faffacaʼeef, isaan warra boolla buʼan wajjin qaanii isaanii baadhataniiru; isaan warra gorraʼaman gidduu ciciisaniiru.26“Meshekii fi Tuubaal waldaa namoota ishee kanneen naannoo qabrii isaanii jiran hunda wajjin achi jiru. Hundi isaanii iyyuu warra dhagna hin qabatin kanneen sababii biyya jiraattotaa keessa sodaa faffacaasaniif goraadeedhaan dhumanii dha.27Isaan gootota dhuman kanneen dhagna hin qabatin kaan, warra miʼa lolaa isaanii wajjin qabbaraman kanneen goraadeewwan boraafatan wajjin hin ciciisanii? Sodaachisuun gootota kanneenii biyya jiraattotaa keessa jiraatu iyyuu adabbiin cubbuu isaaniitiif malu lafee isaanii irra buʼe.28“Yaa Faraʼoon, atis cabdee warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciifta.29“Edoom, mootonni isheetii fi bulchitoonni ishee hundi achi jiru; isaan humna qabaatan iyyuu, warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisaniiru. Isaan warra dhagna hin qabatin kanneen boolla buʼan wajjin ciciisu.30“Bulchitoonni kaabaa hundii fi warri Siidoonaa hundi achi jiru; isaan warra jabina isaaniitiin goolii uumaa turan taʼan iyyuu warra gorraʼaman wajjin salphinaan gad buʼan. Utuu dhagna hin qabatin warra goraadeedhaan ajjeefaman wajjin ciciisu; warra boolla buʼan wajjinis salphina isaanii baadhatu.31“Faraʼoonii fi loltoonni isaa hundi jara argu; waldaan namoota isaa hundi goraadeedhaan ajjeefamani iyyuu inni of jajjabeessa, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.32Ani akka inni biyya jiraattotaa keessa goolii faffacaasu godhu iyyuu, Faraʼoonii fi waldaan namoota isaa hundi warra dhagna hin qabatin kanneen goraadeedhaan ajjeefaman gidduu ni ciciisu, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.”Biblica, Inc.