Hisqiʼeel28

Raajii Mootii Xiiroosiin Mormuudhaan Dubbatame

1Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe:2“Yaa ilma namaa, bulchaa Xiiroosiin akkana jedhi; ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:“ ‘Ati of tuulummaa garaa keetiitiin,“Ani waaqeffatamaa tolfamaa dha;ani handhuura galaanaa keessa,teessoo waaqeffatamaa irra nan taaʼa” jette.Qaroo akka waaqeffatamaa of seetu iyyuu,ati nama malee waaqeffatamaa miti.3Ati Daaniʼel caalaa ogeessaa?Icciitiin tokko iyyuu si jalaa hin dhokatuu?4Ati ogummaa fi hubannaa keetiinqabeenya argatteerta;warqee fi meetiimankuusaa kee keessatti kuufatteerta.5Ati ogummaa guddaa daldala keessatti qabduunqabeenya kee baayʼifatteerta;sababii qabeenya keetiitiif immoogaraan kee of tuulummaadhaan guutameera.
6“ ‘Kanaafuu Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:“ ‘Sababii ati qaroo akka waaqeffatamaaof seetuuf,7ani namoota biyya ormaasaboota akka malee gara jabeeyyii sitti nan fida;isaan goraadee isaanii miidhagina keetii fi ogummaa keetti luqqifataniiulfina kee guddaa sana balleessu.8Isaan boolla keessa si buusu;atis garaa galaanaa keessattiduʼa hamaa duuta.9Yoos ati fuula warra si ajjeesanii duratti,“Ani waaqeffatamaa” ni jettaa?Ati harka warra si gorraʼanii keessattinamuma malee waaqeffatamaa miti.10Ati harka namoota biyya ormaattiduʼa nama dhagna hin qabatinii duuta.Ani dubbadheera, jedha Rabbii Allaahan Gooftaan.’ ”
11Dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe:12“Yaa ilma namaa, waaʼee mootii Xiiroos faarsii booʼiitii akkana jedhiin: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:“ ‘Ati fakkeenya guutummaa ti;ogummaadhaan guutamteerta; miidhaginaanis hirʼina hin qabdu.13Ati iddoo biqiltuu Allaaha,Eeden keessa turte;dhagaawwan gati jabeeyyiin hundi si bareechu; isaanis:lula diimaa, tophaaziyoon, almaazii fi maragdi,kirisooliixoos, sardooniksii fi yaasphiidi,sanpeer, baluurii fi biiralee.Diranni keetii fi faayni kee warqee irraa tolfaman;isaanis guyyaa ati uumamte qopheeffaman.14Ati Kiirubii waa eegu taatee dibamte;anis kanumaafan si muude.Ati tulluu Allaaha qulqullicha sana irra jiraatte;dhagaawwan ibiddaa gidduus deddeebite.15Ati gaafa uumamtee jalqabdeehamma gaafa hamminni si keessatti argameettijireenyi kee hirʼina hin qabu ture.16Babalʼina daldala keetiitiingooliidhaan guutamtee cubbuu hojjette.Kanaafuu yaa kiirubii eegumsaa,ani tulluu Allaaha irraadhagaawwan ibiddaa gidduudhaasi salphisee ariʼeen si baase.17Sababii miidhagina keetiitiif,ati koorteerta;sababii ulfina keetiitiif,ogummaa kee balleessite.Kanaafuu ani gara lafaattan si darbadhe;fuula moototaa durattis waan kolfaa si godhe.18Ati cubbuu kee hedduu fi shaqqaba daldala keetiitiiniddoowwan kee qulqulluu xureessiteerta.Kanaafuu ani akka ibiddi si keessaa baʼu nan godhe;innis gubee si fixe;anis fuula namoota si ilaalaa turan hundaa durattilafa irratti daaraan si taasise.19Saboonni si beekan hundinuusi arganii rifatan;dhumni kee suukaneessaa taʼeera;ati siʼachi bara baraan ni dhabamta.’ ”

Raajii Siidoonaadhaan Mormuudhaan dubbatame

20Ergasii dubbiin Rabbii Allaah akkana jedhee gara koo dhufe;21“Yaa ilma namaa, fuula kee Siidoonaatti garagalfadhuutii isheedhaan mormuudhaan raajii dubbadhu;22akkanas jedhi: ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha:“ ‘Yaa Siidoonaa, ani sitti kaʼeera;si keessatti ulfina nan argadha.Yeroo ani ishee adabeeakka ani qulqulluu taʼe ishee keessatti of argisiisuutti,isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.23Ani dhaʼicha isheetti ergeeakka daandii ishee irra dhiigni lolaʼu nan godha.Namoonni goraadee karaa hundaanishee marseen gorraʼaman ishee keessatti ni harcaʼu.Ergasiis isaan akka ani Rabbii Allaah taʼe ni beeku.
24“ ‘Sabni Israaʼel siʼachi olloota hamoo akka sokorruu nama waraananii akka qoraattii immoo nama madeessan hin qabaatu. Ergasiis isaan akka ani Rabbii Allaahan Gooftaa taʼe ni beeku.
25“ ‘Rabbii Allaahan Gooftaan akkana jedha: Yeroo ani mana Israaʼel saboota isaan keessa bibittinnaaʼan keessaa walitti qabutti, ani akkan isaan gidduutti qulqulluu taʼe fuula sabootaa duratti of nan argisiisa. Ergasii isaan biyya ofii isaanii kan ani garbicha koo Yaaʼikuubiif kenne sana keessa ni jiraatu.26Isaan nagaadhaan achi jiraatanii manneen ijaarratanii wayiniis dhaabbatu; yeroo ani olloota isaanii kanneen isaan cunqursan adabutti, isaan nagumaan jiraatu. Ergasii isaan akka ani Rabbii Allaah isaanii taʼe ni beeku.’ ”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3