Baʼuu33

1Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; “Atii fi sabni ati biyya Gibxiitii baaftee fidde kun asii baʼaatii gara biyya ani Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif, ‘Ani sanyii keetiif nan kenna’ jedhee kakadhe sanaa dhaqaa.2Ani malaʼikkaa koo fuula kee duraan ergee Kanaʼaanota, Amoorota, Heetota, Feerzota, Hiiwotaa fi Yebuusota ariʼee nan baasa.3Gara biyya aannanii fi dammi keessaa burquu dhaqi. Garuu waan ati saba mata jabeessa taateef ani akka karaatti si hin balleessineef si wajjin hin deemu.”
4Jarri yommuu oduu hamaa kana dhagaʼanitti gadduu jalqaban; isaan keessaas namni tokko iyyuu faaya tokko illee hin kaaʼanne.5Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedheeraatii; “Saba Israaʼeliin akkana jedhi; ‘Isin saba mata jabeeyyii dha. Ani utuu yeruma muraasa illee isin wajjin deemee silaa isin balleessa ture; isin amma faayawwan keessan of irraa baasaa; anis waanan isin godhu nan murteessaa.’ ”6Kanaafuu Israaʼeloonni Gaara Kooreeb biratti faayawwan isaanii of irraa baasan.

Dunkaana Wal gaʼii

7Muusaan dunkaana tokko fuudhee iddoo qubataa sana keessaa baasee achi fageessee dhaaba ture; dunkaana sanas, “Dunkaana wal gaʼii” jedhee moggaase. Namni Rabbii Allaah barbaadatu hundinuu iddoo qubataa sana keessaa baʼee gara dunkaana wal gaʼii sanaa dhaqa ture.8Yeroo Muusaan baʼee gara dunkaana sanaa dhaqu hunda sabni hundinuu kaʼee balbala dunkaana ofii isaa dura dhaabatee hamma inni dunkaanicha seenutti ilaala ture.9Yeroo Muusaan dunkaana sana seenutti utubaan duumessaa gad buʼee balbala dunkaanichaa dura dhaabata ture; Rabbii Allaahanis Muusaa wajjin dubbata ture.10Sabni yeroo utubaa duumessaa kan balbala dunkaanaa dura dhaabatu argutti hundi isaa ol kaʼee tokkoon tokkoon namaa dunkaana ofii isaa duratti sagada ture.11Rabbii Allaahanis akkuma nama michuu isaa wajjin haasaʼu tokkootti ifumaan ifatti Muusaatti dubbachaa ture. Ergasiis Muusaan iddoo qubataatti deebiʼa ture; gargaaraan isaa, Yushuʼaan ilmi Nuuni dargaggeessi suni garuu dunkaana sana biraa hin deemu ture.

Muusaa fi Ulfina Rabbii Allaah

12Muusaan Rabbii Allaahan akkana jedhe; “Ilaa, ati, ‘Saba kana dura buʼii baasi’ naan jetteerta; garuu ana wajjin eenyun akka ergitu na hin beeksifne. Ati, ‘Ani maqaadhaan si beeka; ati na biratti fudhatama argateerta’ jette.13Ammas ani fuula kee duratti surraa argadhee yoon jiraadhe, akka ani si beekuu fi akka ani fuula kee duratti surraa argadhuuf karaa kee na barsiisi; akka sabni kun saba kee taʼes yaadadhu.”
14Rabbii Allaahanis deebisee, “Ani si wajjin nan deema; boqonnaas siifin kenna” jedhe.
15Muusaan immoo akkana jedheen; “Yoo ati nu wajjin deemuu baate, asii nu hin baasin.16Ati nu wajjin deemuu baannaan namni akkamiin akka ati anaa fi saba keetti gammaddu beeka? Wanni anaa fi saba kee saboota lafa irraa kaan hunda irraa addaan baasu biraa maali ree?”
17Rabbii Allaahan immoo Muusaadhaan, “Ani waan ati amma kadhatte kana nan godha; ati fuula koo duratti ayyaana argatteertaatii; anis maqaadhaan si beeka” jedhe.
18Muusaanis, “Maaloo ulfina kee na argisiisi” jedhe.
19Rabbii Allaahan immoo akkana jedhe; “Ani gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa; maqaa Rabbii Allaah fuula kee duratti nan labsa. Ani kanan maaru nan maara; kanan garaa laafuufiis garaa nan laafa.20Garuu waan namni fuula koo argee jiraachuu hin dandeenyeef ati fuula koo arguu hin dandeessu.”
21Ergasiis Rabbii Allaahan akkana jedhe; “Kunoo as na bira iddoon ati kattaa irra dhaabachuu dandeessu jira.22Ani yeroo ulfinni koo darbuutti jiru holqa kattaa keessa si kaaʼee hamma ani darbutti harka kootiin si daʼeessa.23Ergasiis ani harka koo nan fudhadha; atis dugda koo ni argita; fuulli koo garuu argamuu hin qabu.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3