Baʼuu24
Kakuun Jabeeffame
1Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhe; “Atii fi Haaruun, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoota Israaʼel keessaas namoonni torbaatamni gara Rabbii Allaahatti ol baʼaa; alaalatti sagadaa;2garuu Muusaan qofti Rabbii Allaahatti haa dhiʼaatu; warri kaan immoo hin dhiʼaatin. Sabni isa wajjin ol hin baʼin.”3Muusaanis dhaqee dubbii fi seera Rabbii Allaah hunda saba sanatti hime; sabni sunis, “Nu waan Rabbii Allaahan jedhe hunda ni goona” jedhee afaan tokkoon deebise.4Ergasii Muusaan waan Rabbii Allaahan dubbatte hunda barreesse.Guyyaa itti aanu ganamaanis kaʼee miilla tulluu jalatti iddoo aarsaa ijaare; utubaa dhagaa kudha lama kanneen gosoota Israaʼel kudha lamaan iddoo buʼanis dhaabe.5Innis dargaggoota Israaʼel erge; isaanis aarsaa gubamuu fi jiboota aarsaa nagaa godhanii Rabbii Allaahaf dhiʼeessan.6Muusaanis walakkaa dhiiga sanaa waciitiitti naqe; walakkaa hafe immoo iddoo aarsaa irratti faffacaase.7Innis kitaaba kakuu fuudhee saba sanaaf dubbise. Isaanis, “Nu waan Rabbii Allaahan jedhe hunda ni goona; ni ajajamnas” jedhanii deebisan.8Yommus Muusaan dhiiga sana fuudhee sabatti faffacaasee, “Kunoo kun dhiiga kakuu kan Rabbii Allaahan akkuma dubbii kana hundaatti isinii dhaabee dha” jedhe.9Muusaa fi Haaruun, Naadaabii fi Abiihuu, maanguddoonni Israaʼel torbaatamnis ol baʼanii10Allaah Israaʼel argan. Miilla isaa jalattis waan akka afaa dhagaa Sanpeer kan akkuma shamaayʼuniitti qulqullaaʼe tokkotu afamee ture.11Allaahan garuu qondaaltota saba Israaʼel kanneenitti harka isaa ol itti hin kaafne; isaan Allaah argan; ni nyaatan; ni dhuganis.12Rabbii Allaahanis Muusaadhaan, “Gara kootti tulluutti ol baʼi; asis turi; anis gabateewwan dhagaa kanneen ani akka qajeelfama isaanii taʼuuf seeraa fi ajajawwan itti barreesse siif nan kenna” jedhe.13Ergasii Muusaan gargaaraa isaa Yushuʼaa wajjin kaʼee deeme; Muusaanis tulluu Allaahatti ol baʼe.14Innis maanguddoota sanaan akkana jedhe; “Hamma nu gara keessanitti deebinutti asitti nu eegaa. Kunoo Haaruunii fi Huuri isin bira jiran; namni falmii qabu isaan bira dhaquu dandaʼa.”15Yeroo Muusaan tulluutti ol baʼetti duumessi tulluu sana haguuge;16ulfinni Rabbii Allaahas Tulluu Siinaa irra buʼe. Duumessi sunis guyyaa jaʼa tulluu sana haguuge; guyyaa torbaffaatti immoo Rabbii Allaahan duumessicha keessaa Muusaa waame.17Ulfinni Rabbii Allaahas ibidda waa gubu fakkaatee fiixee tulluu irraa saba Israaʼelitti mulʼachaa ture.18Muusaan tulluutti ol baʼee duumessa keessa seene. Innis guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irra ture.
Biblica, Inc.