Baʼuu15
Zabuurii Muusaatii fi Miiriyaam
1Yommus Muusaa fi Israaʼeloonni Faarfannaa kana Rabbii Allaahaf faarfatan:“Ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;inni ol ol jedheeraatii.Inni fardaa fi namicha farda yaabbategalaanatti gad darbateera.2“Rabbii Allaahan jabina kootii fi faarfannaa koo ti;inni fayyina koo taʼeera.Inni Allaah koo ti; anis isa nan jajadha;inni Allaah abbaa kootii ti; anis isa ol ol nan qaba.3Rabbii Allaahan goota waraanaa ti;maqaan isaa Rabbii Allaah.4Inni gaariiwwan Faraʼoonii fi loltoota isaagalaanatti gad darbateera.Qondaaltota Faraʼoon keessaa filatamtoonni,Galaana Diimaa keessa dhidhimaniiru.5Tuujubni isaan irra gara gale;isaanis akkuma dhagaa tuujubatti gad dhidhiman.6Rabbii Allaah,harki kee mirgaa humnaan ulfina qabeessa.Rabbii Allaah,harki kee mirgaa diina ni hurreessa.7“Ati guddina ulfina keetiitiinwarra siin morman gad darbatte.Aarii kee bobaʼaa ni ergite;innis akkuma habaqiitti gubee isaan fixe.8Hafuura funyaan keetiitiinbishaanonni tuulaman.Bishaan yaaʼu akkuma keenyaniitti ol dhaabate;tuujuboonnis walakkaa galaanaatti ititan.9Diinni, ‘Ani faana buʼee isaan qaqqaba.Boojuu nan qoodadha;ani isaan irratti fedhii koo nan guutadha.Goraadee koo nan luqqifadha;harki koo isaan barbadeessa’ jedhee nan dhaadate.10Ati garuu bubbee kee itti bubbifte;galaanni immoo isaan irra gara gale.Isaanis akkuma sibiilaabishaanota jajjaboodhaan liqimfaman.11Rabbii Allaah,waaqeffatamtoota keessaa eenyutu si fakkaata?Qulqullinaan simboo qabeessi,ulfinaan sodaachisaan,hojii dinqii hojjechuuttiskan akka keetii eenyu?12“Ati harka kee mirgaa diriirfannaan,lafti isaan liqimsite.13Ati saba furte sana,jaalala kee hin geeddaramneen geggeessita.Jabina keetiinisgara iddoo jireenya keetii qulqulluutti isaan qajeelchita.14Saboonni dhagaʼanii hollatu;muddamsuunis saba Filisxeem qabate.15Hangafoonni Edoom ni rifatu;bulchitoota Moʼaabis naasuutu qabata;warri Kanaʼaanis bishaanuma taʼu;16sodaa fi abdii kutachuun isaan irra buʼa.Rabbii Allaah, hamma sabni kee darbutti,hamma sabni ati bitatte sun darbuttijabina harka keetiitiinisaan akkuma dhagaa calʼisu.17Rabbii Allaah, ati gara tulluu dhaala keetiitti,gara lafa iddoo jireenya keetii godhachuuf tolfatteetti,yaa Gooftaa ati gara iddoo qulqulluu harki kee hundeesseettiol galchitee isaan dhaabda.18“Rabbii Allaahan,bara baraa hamma bara baraatti moʼa.”19Yommuu fardeen, gaariiwwanii fi abbootiin fardaa kan Faraʼoon galaana seenanitti Rabbii Allaahan bishaanota isaan irra garagalche; Israaʼeloonni garuu lafa gogaa irra deemanii galaana keessa darban.20Miiriyaam obboleettiin Haaruun nabiiʼiyyittiin sun dibbee harkatti qabattee kaate; dubartoonni hundinuus dibbee isaanii fudhatanii sirbaa ishee faana buʼan.21Miiriyaamis akkana jettee isaaniif faarfatte:“Rabbii Allaahan faarfadhaa;inni ulfinaan moʼateeraatii.Inni fardaa fi namicha farda yaabbategalaanatti gad darbateera.”Bishaan Maaraatii fi Bishaan Eelim
22Muusaanis saba Israaʼel Galaana Diimaa biraa fuudhee qajeelche; isaanis Gammoojjii Shuuri seenan. Israaʼeloonnis utuu bishaan hin argatin guyyaa sadii gammoojjii keessa deeman.23Isaanis yommuu Maaraa gaʼanitti bishaan isaa dhuguu hin dandeenye; bishaan sun hadhaaʼaa tureetii. Wanni iddoon sun Maaraa jedhameefis kanuma.24Jarri sunis, “Nu maal haa dhugnuu?” jedhanii Muusaatti guunguman.25Yommus Muusaan Rabbii Allaahatti iyyinaan, Rabbii Allaahan muka tokko isa argisiise. Innis muka sana bishaanitti gad darbate; bishaan sunis ni miʼaawe.Rabbii Allaahanis iddoo sanatti sirnaa fi seera isaaniif baase; achittis isaan qore.26Innis akkana jedhe; “Ati yoo sagalee Rabbii Allaah keetii garaa tokkoon dhageesse, yoo waan fuula isaa duratti qajeelaa taʼe hojjette, yoo ajaja isaa qalbeeffattee fi yoo seera isaa hunda eegde, ani dhukkuba warra Gibxitti fide sana keessaa tokko iyyuu sitti hin fidu; ani Rabbii Allaah si fayyisuudhaatii.”27Isaanis gara Eelim iddoo burqaan kudha lamaa fi mukkeen meexxii torbaatamni turan dhufanii achi bishaan bira qubatan.
Biblica, Inc.