Keessa Deebii9

Sababii Qajeelummaa Israaʼeliif Miti

1Yaa Israaʼel dhagaʼi. Ati Saboota si caalaa gurguddaa fi humna qabeeyyii, magaalaawwan dallaa shamaayʼun gaʼuun marfaman qaban achii baaftee dhaaluuf Yordaanos ceʼuuf jirta.2Namoonni sun ilmaan Anaaq warra jajjaboo fi dhedheeroo dha! Atis waaʼee isaanii ni beekta; akka, “Eenyutu Anaaqota dura dhaabachuu dandaʼa?” jedhamu illee dhageesseerta.3Taʼus kan akkuma ibidda waa gubee fixuu si dura ceʼu Rabbii Allaah kee taʼuu isaa harʼa beeki. Inni isaan balleessa; fuula kee durattis gad isaan deebisa. Atis akkuma Rabbii Allaahan si abdachiise sanatti ariitee isaan baafta; daftees isaan fixxa.
4Erga Rabbii Allaahan kee fuula kee duraa ariʼee isaan baasee booddee ati garaa keetti, “Rabbii Allaahan sababii qajeelummaa kootiif akka ani biyya kana dhaalu as na fide” hin jedhin. Rabbii Allaahan sababii hammina isaaniitiif saboota kanneen fuula kee duraa ariʼee baasa.5Ati biyya isaaniitti galtee kan dhaaltu qajeelummaa keetiin yookaan gaarummaa garaa keetiitiin utuu hin taʼin Rabbii Allaahan kakuu abbootii kee Ibraahimiif, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubiif gale sana guutuudhaaf jedhee Rabbii Allaahan kee saboota kanneen sababii hammina isaaniitiif fuula kee duraa ariʼee baasa.6Egaa Rabbii Allaahan kee kan biyya gaarii kana akka dhaaltuuf siif kennu sababii qajeelummaa keetiitiif akka hin taʼin hubadhu; ati saba mata jabeessaatii.

Jabbii Warqee

7Ati akkamitti akka gammoojjii keessatti Rabbii Allaah kee dheekkamsaaf kakaafte yaadadhu; hin dagatinis. Ati gaafa biyya Gibxii baatee jalqabdee hamma as geessutti Rabbii Allaahatti fincilaa turte.8Isin Kooreebitti iyyuu Rabbii Allaah dheekkamsaaf kakaasnaan Allaahan isin barbadeessuuf isinitti aare.9Ani yeroo gabateewwan dhagaa jechuunis gabateewwan kakuu Rabbii Allaahan isin wajjin gale sanaa fuudhuuf tulluutti ol baʼetti guyyaa afurtamaa fi halkan afurtama tulluu sana irran ture; ani buddeena tokko illee hin nyaanne; bishaan illee hin dhugne.10Rabbii Allaahanis gabateewwan dhagaa lama kanneen quba Allaahatiin irratti barreeffame natti kenne. Ajajawwan Rabbii Allaahan yeroo isin walitti qabamtanitti tulluu irratti ibidda keessaa isinitti labse hundi gabateewwan sana irra turan.
11Dhuma guyyaa afurtamaatii fi halkan afurtamaatti Rabbii Allaahan gabateewwan dhagaa lama jechuunis gabateewwan kakuu natti kenne.12Gaafas Rabbii Allaahan akkana naan jedhe; “Kaʼii dafii gad buʼi; sabni kee kan ati biyya Gibxiitii baaftee fidde sun xuraaʼeeraatii. Isaan waan ani isaan ajaje irraa dafanii garagalanii ofii isaaniitiif Allaah baqfamee hojjetame tolfataniiruutii.”
13Rabbii Allaahan ammas akkana naan jedhe; “Ani saba kana argeera; kunoo inni saba mata jabeessa!14Akka ani isaan balleessee maqaa isaanii illee shamaayʼun gadii haquuf na dhiisi; siʼi immoo isaan caalaa saba guddaa fi jabaa nan godha.”
15Anis of irra garagalee utuma tulluun sun bobaʼaa jiruu tulluu irraa gad nan buʼe. Gabateewwan kakuu lamaan sunis na harka turan.16Anis nan arge; kunoo isin Rabbii Allaah keessanitti cubbuu hojjettanii turtan; isin bifa jabbiitiin Allaah baqfamee hojjetame ofii keessaniif tolfattanii turtan. Isin daftanii karaa Rabbii Allaahan isin ajaje irraa jalʼattan.17Kanaafuu ani gabateewwan lamaan sana harka koo irraa darbadhee ijuma keessan duratti nan caccabse.
18Sababii cubbuu isin hojjettan hundaa kan isin fuula Rabbii Allaah duratti waan hamaa hojjechuudhaan dheekkamsaaf isa kakaaftan sanaatiif ani ammas fuula Rabbii Allaah duratti gombifamee utuun buddeena hin nyaatinii fi bishaan hin dhugin guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman ture.19Sababii inni isin balleessuuf aaree tureef, ani aarii fi dheekkamsa Rabbii Allaah nan sodaadhe. Rabbii Allaahan garuu amma illee na dhagaʼe.20Rabbii Allaahan Haaruunin balleessuuf akka malee itti aaree ture; ani garuu yeroo sana Haaruuniifis duʼaa nan godhe.21Akkasumas ani cubbuu keessan bifa jabbii isin tolfattan sanaa fuudhee ibiddaan nan gube. Caccabsees hamma inni bullaaʼaa akka awwaaraa taʼutti bulleessee burqaa tulluu irraa gad yaaʼuttan firfirse.
22Isinis Tabeeraatti, Maasaahii fi Qiibrooti Hataawaatti Rabbii Allaah dheekkamsiiftan.
23Rabbii Allaahan yommuu Qaadesh Barneetii isin baasetti, “Ol baʼaatii biyya ani isiniif kenne sana dhaalaa” isiniin jedhe. Isin garuu ajaja Rabbii Allaah keessaniitti finciltan. Isas hin amananne; hin ajajamneefis.24Isin erga ani isin beekee jalqabdanii Rabbii Allaahatti finciltaniirtu.
25Sababii Rabbii Allaahan akka isin balleessu dubbatee tureef ani guyyaa afurtamaa fi halkan afurtaman sana fuula Rabbii Allaah duratti lafatti nan gombifame.26Anis akkana jedheen Rabbii Allaah duratti duʼaa godhe; “Rabbii Allaah Gooftaa, ati saba kee, dhaala kee kan humna kee guddichaa fi harka kee jabaadhaan furtee biyya Gibxii baafte kana hin balleessin.27Garboota kee Ibraahim, Yisihaaqii fi Yaaʼikuubin yaadadhu. Mata jabina saba kanaa, hammina isaatii fi cubbuu isaa hin ilaalin.28Yoo kanaa achii biyyi ati keessaa nu baafte sun, ‘Rabbii Allaahan waan biyya waadaa isaaniif gale sanatti isaan galchuu hin dandeenyee fi waan isaan jibbeef gammoojjii keessatti isaan fixuuf isaan baase’ jedha.29Isaan garuu saba keetii fi dhaala kee kan ati humna jabaa fi irree diriirfameen baaftee fiddee dha.”

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3