Keessa Deebii33
Muusaan Gosoota Israaʼel Eebbisuu Isaa
1Eebbi Muusaan namni Allaaha sun utuu hin duʼin dura ittiin Israaʼeloota eebbise kana;2innis akkana jedhe:“Rabbii Allaahan tulluu Siinaa irraa dhufe;isaan irrattis Seeʼiir irraa akka aduu ganamaatti baʼe;Tulluu Phaaraan irraa isaan eebbise.Inni qulqulloota isaa kumaatama wajjin dhufe;karaa harka isaa mirgaatiin ibidda bobaʼutu baʼe.3Dhugumaan situ saba jaallata;qulqulloonni hundinuu harka kee keessa jiru.Hundi isaanii miilla kee jalatti kufu;qajeelfamas sirraa argatu;4Muusaan seera nuu kenneera;kunis dhaala waldaa Yaaʼikuub.5Yeroo hooggantoonni sabaagosoota Israaʼel wajjin walitti qabamanittiinni Yishuruun irratti mootii ture.6“Ruubeen haa jiraatu malee hin duʼin;yookaan baayʼinni namoota isaa hin xinnaatin.”7Waaʼee Yihuudaas akkana jedhe:“Rabbii Allaah, iyya Yihuudaa dhagaʼi;gara saba isaattis isa fidi.Inni harka ofii isaatiin of haa eegu.Yommuu inni diinota isaatiin wal lolutti gargaaraa isaa taʼi!”8Inni waaʼee Lewwiis akkana jedhe:“Tumiimii fi Uriimiin keetajaajilaa kee amanamaadhaaf haa taʼu.Ati lafa Maasaah jedhamutti isa qorte;bishaan Mariibaa irratti isa lolte.9Waaʼee abbaa fi haadha isaas,‘Ani isa hin argine’ jedhe.Inni obboloota isaa addaan hin baafanne;ijoollee isaas hin beekne;isaan dubbii keetiif ajajamaniikakuu kee eeganiiruutii.10Inni ajaja kee Yaaʼikuubin,seera kee immoo Israaʼelin ni barsiisa.Fuula kee duratti ixaana,iddoo aarsaa keetii irratti illee aarsaa gubamu guutuu ni dhiʼeessa.11Rabbii Allaah, ogummaa isaa hunda eebbisiif;waan harki isaa hojjetuttis gammadi.Moʼoo warra isatti kaʼanii cabsi;akka isaan lammata hin kaane godhiitii diinota isaa dhaʼi.”12Waaʼee Biniyaam akkana jedhe:“Namni Rabbii Allaahan isa jaallatu eegumsa isaatiin nagaan haa jiraatu;inni guyyaa guutuu isa eegaatii;namni Rabbii Allaahan isa jaallatu gatiittii isaa gidduu boqota.”13Waaʼee Yuusuf akkana jedhe:“Rabbii Allaahan biyya isaa haa eebbisu;fixeensa filatamaa shamaayʼuniidhaa buusuudhaanbishaan boolla gad fagoo keessaatiin,14midhaan filatamaa aduun biqilchituun,waan akka malee gaarii kan jiʼi kennuun,15kennaawwan filatamoo tulluuwwan duriitiin,badhaadhummaa gaarran bara baraatiin,16kennaa filatamaa lafaatii fi guutummaa isaatiin,surraa isa daggala bobaʼu keessa ture sanaatiin haa eebbisu.Isaan kunneen hundi mataa Yuusufkan obboloota isaa gidduutti bulchaa taʼe sanaa irra haa buʼan.17Inni ulfinaan korma hangafa fakkaata;gaanfawwan isaa akka gaanfawwan gafarsaa ti.Isaaniinis hamma daarii lafaattisaboota ni waraana.Isaanis kuma kurnan Efreem,akkasumas kumaatama Minaasee ti.”18Waaʼee Zebuuloonis akkana jedhe:“Zebuuloon ati gad baʼuu keetiin,Yisaakor atis dunkaanota kee keessatti gammadi.19Isaan saboota gara tulluutti ni waamu;achittis aarsaa qajeelummaa ni dhiʼeessu;isaan sooroma irra dhangalaʼaa galaana keessaatiin,qabeenya cirracha keessa dhokfameenis ni gammadu.”20Waaʼee Gaad immoo akkana jedhe:“Namni bulchiinsa Gaad balʼisu eebbifamaa dha!Gaad irree fi mataa caccabsaaakka leencaatti achi jiraata.21Inni ofii isaatiif lafa gabbataa filate;qoodni hooggantootaa isaaf turfame.Yommuu hooggantoonni sabaa walitti qabamanitti,inni fedhii qajeelumma Rabbii Allaahatii fimurtii Israaʼelitti mure sana fiixaan baase.”22Waaʼee Daanis inni akkana jedhe:“Daan akka ilmoolee leencaakan Baashaan keessaa utaalee baʼuu ti.”23Waaʼee Niftaalemis akkana jedhe:“Niftaalem surraa gonfateera;eebba Rabbii Allaahatiinis guutameera;inni biyya karaa lixaatii fi kibbaatiin jiru ni dhaala.”24Waaʼee Aasheer immoo akkana jedhe:“Aasheer ilmaan hunda caalaa eebbifamaa dha;inni obboloota isaa duratti fudhatama haa argatu;miilla isaas zayitii keessa haa cuuphatu.25Danqaraan balbala keetii sibiilaa fi naasii taʼa;jabinni kees akkuma baroota jireenya keetii ni taʼa.26“Allaahan akka Allaah Yishuruun,kan si gargaaruuf jedhee shamaayʼuniiwwan irra,surraa isaatiinis duumessoota irra gulufu tokko illee hin jiru.27Allaahan bara baraa iddoo jireenyaa keetii ti;irreen bara baraas si jalaan jira.Inni, ‘Isaan balleessi!’ jedheediinota kee fuula kee duraa ni ariʼa.28Kanaafuu Israaʼel kophaa isaa nagaadhaan jiraata;lafa fixeensi shamaayʼunii itti coccophutti,biyya midhaanii fi wayinii haaraattinamni burqaa Yaaʼikuub tuqu hin jiru.29Yaa Israaʼel, ati eebbifamaa dha!Sabni Rabbii Allaahan isa fayyise,kan akka keetii eenyu?Inni gaachana keetii fi gargaaraa kee ti;goraadee ulfina keetiitis.Diinonni kee sodaadhaan fuula kee duraa duubatti deebiʼu;ati immoo iddoowwan waaqeffannaa isaanii irra ejjetta.”Biblica, Inc.