Keessa Deebii23
Waldaa Irraa Dhowwamuu
1Namni kolaafame yookaan dhagni saala isaa irraa murame kam iyyuu waldaa Rabbii Allaah hin seenin.2Namni haraamuudhaan dhalate yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Rabbii Allaah hin seenin.3Namni gosa Amoon yookaan gosa Moʼaab yookaan sanyiin isaa kam iyyuu hamma dhaloota kurnaffaatti waldaa Rabbii Allaah hin seenin.4Isaan yeroo ati Gibxii baatetti karaa irratti buddeenaan yookaan bishaaniin si hin simanne; qooda kanaa akka inni si abaaruuf Balaʼaam ilma Beʼoor namicha biyya Phetoor ishee Phaadaan Arraamitti argamtu sana keessa jiraatu sitti bitan.5Taʼus Rabbii Allaahan kee abaarsa sana eebbatti siif geeddare malee Balaʼaamin hin dhageenye; Rabbii Allaahan kee si jaallataatii.6Ati hamma lubbuudhaan jirtutti akka isaan nageenyaa fi badhaadhummaa qabaatan hin barbaadin.7Waan inni obboleessa kee taʼeef nama gosa Edoom hin tuffatin. Ati sababii akka alagaatti biyya isaa keessa jiraatteef nama Gibxi hin tuffatin.8Ijoolleen dhaloota sadaffaa kanneen isaaniif dhalatan waldaa Rabbii Allaah seenuu ni dandaʼu.Qulqullina Qubataa Eeguu
9Yommuu diinota kee loluuf baatutti xuraaʼummaa hunda irraa of eegi.10Namni tokko yoo halkan afeetaa dhangalaasuudhaan of xureesse inni qubata keessaa gad baʼee ala haa turu.11Gara galgalaa garuu dhiqatee yeroo aduun dhiitutti gara qubataatti haa deebiʼu.12Ati qubataan alatti lafa itti gad baatu qopheeffadhu.13Meeshaa kee keessaa waan ittiin lafa qottu qabaadhu; ati yommuu gad teessee kaatutti boolla qotiitii biyyoo itti deebisi.14Rabbii Allaahan kee si eeguu fi diinota kee dabarsee sitti kennuudhaaf qubata kee keessa deddeebiʼaatii; akka inni gidduu keetti waan xuraaʼaa argee sirraa hin deebineef qubanni kee qulqulluu taʼuu qaba.Seerawwan Garaa garaa
15Yoo garbichi tokko kooluu sitti gale, ati dabarsitee gooftaa isaatti isa hin kennin.16Inni gidduu kee lafa jaallatee fi magaalaa filate keessa haa jiraatu. Atis isa hin cunqursin.17Dhiirri yookaan dubartiin Israaʼel kam iyyuu sagaagaltuu mana waaqeffatamaa tolfamaa hin taʼin.18Dubartii yookaan dhiira sagaagalu tokko irraa akka galchaatti kennaa fuutee mana Rabbii Allaah keetiitti hin fidin; lachan isaanii iyyuu fuula Rabbii Allaah keetii duratti jibbisiisoo dhaatii.19Ati maallaqa yookaan nyaata yookaan waan dhala argamsiisu kam iyyuu dhalaan obboleessa keetiif hin liqeessin.20Ati nama ormaa irraa dhala gaafachuu ni dandeessa; garuu akka Rabbii Allaahan kee biyya ati dhaaluuf itti galtutti waan harki kee tuqe hundaan si eebbisuuf obboleessa kee irraa dhala hin fudhatin.21Ati yoo Rabbii Allaah keetiif wareega tokko wareegde, sababii Rabbii Allaahan kee cimsee waan sana sirraa barbaaduuf akka cubbuu sitti hin taaneef dafiitii of irraa baasi malee lafa irra hin harkisin.22Yoo wareeguu baatte garuu ati cubbamaa hin taatu.23Waan arrabni kee dubbate gochuuf of eeggadhu; afaanuma keetiin jaallattee Rabbii Allaah keetiif wareegdeertaatii.24Ati yoo iddoo dhaabaa wayinii ollaa keetii keessa seente, ija feete hunda nyaadhu; garuu tokko illee guuboo kee keessa hin kaaʼatin.25Yoo lafa qotiisaa midhaan ollaa keetii keessa seente, asheetii cirachuu ni dandeessa; garuu midhaan isaa kan dhaabatutti haamtuu kee hin buusin.Biblica, Inc.