Keessa Deebii16

Faasiikaa

1Sababii Rabbii Allaahan kee jiʼa Abiibii keessa halkaniin Gibxii si baaseef jiʼa Abiibii kabaji; Faasiikaa Rabbii Allaah keetiis ayyaaneffadhu.2Iddoo Rabbii Allaahan kee akka Maqaan isaa achi jiraatuuf filatutti bushaayee kee yookaan loon kee keessaa Faasiikaa godhii Rabbii Allaah keetiif qali.3Ati akka bara jireenya keetii guutuu guyyaa itti Gibxii baate sana yaadattuuf Faasiikaa sana buddeena raacitii qabu wajjin hin nyaatin; garuu ati sababii ariitiidhaan biyya Gibxiitii baateef bultii torba maxinoo jechuunis buddeena rakkinaa nyaadhu.4Guutummaa biyya keetii keessatti bultii torbaaf raacitiin hin argamin. Foon ati galgala guyyaa jalqabaatti aarsaa gootu hamma bariitti hin turin.
5Ati magaalaa Rabbii Allaahan kee siif kennu kamitti iyyuu Faasiikaa hin dhiʼeessin;6garuu lafa inni iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti galgala yeroo biiftuun gad buututti yaadannoo guyyaa itti biyya Gibxiitii baateetiif aarsaa Faasiikaa dhiʼeessi.7Aarsaa Faasiikaa sana waadiitii iddoo Rabbii Allaahan kee filatutti nyaadhu. Ergasiis ganama gara dunkaana keetiitti deebiʼi.8Bultii jaʼa maxinoo nyaadhu; bultii torbaffaatti immoo Rabbii Allaah keetiif wal gaʼii qulqulluu godhi; hojii illee hin hojjetin.

Ayyaana Torbanootaa

9Gaafa midhaan kee haamuu jalqabdee kaasii torbanoota torba lakkaaʼi.10Ergasiis akkuma baayʼina eebba Rabbii Allaahan kee siif kenneetti kennaa fedhiidhaan kennitu dhiʼeessuudhaan Ayyaana Torbanootaa Rabbii Allaah keetiif ayyaaneffadhu.11Ati, ilmaanii fi intallan kee, hojjettoonni kee dhiironnii fi dubartiin, Lewwonni magaalaawwan kee keessa jiraatan, alagoonni, ijoolleen abbaa hin qabnee fi niitonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen isin gidduu jiraatan achitti, iddoo Rabbii Allaahan kee iddoo jireenya Maqaa isaatiif filatutti fuula isaa duratti ni gammaddu.12Ati akka Gibxitti garba turte yaadadhu; seera kanas akka gaariitti eegi.

Ayyaana Daasii

13Erga oobdii fi iddoo cuunfaa wayinii keetii irraa oomisha kee galfattee booddee guyyaa torbaaf Ayyaana Daasii ayyaaneffadhu.14Ati, ilmaanii fi intallan kee, tajaajiltoonni kee dhiironnii fi dubartoonni, Lewwonni, alagoonni, ijoolleen abbootii hin qabnee fi dubartoonni dhirsoonni isaanii irraa duʼan kanneen magaalaawwan kee keessa jiraatan ayyaana kee irratti gammadaa.15Ayyaana kanas iddoo Rabbii Allaahan filatutti bultii torbaaf Rabbii Allaah keetiif ayyaaneffadhu. Sababii Rabbii Allaahan kee oomisha keetii fi hojii harka keetii hundaan si eebbisuuf gammachuun kee guutuu taʼa.
16Dhiirri kee hundi waggaatti yeroo sadii iddoo inni filatutti fuula Rabbii Allaah keetii duratti dhiʼaachuu qabu; kunis yeroo Ayyaana Maxinoo, yeroo Ayyaana Torbanootaatii fi yeroo Ayyaana Daasii ti. Namni tokko iyyuu harka duwwaa fuula Rabbii Allaah duratti hin dhiʼaatin:17Tokkoon tokkoon keessan akkuma baayʼina eebba Rabbii Allaahan keessan isiniif kenneetti kennaa fidaa.

Abbootii Murtii

18Magaalaawwan Rabbii Allaahan kee siif kennu hundattuu gosoota kee hundaaf abbootii seeraatii fi qondaaltota muudi; isaanis dhugaadhaan namootaaf murtii kennu.19Ati murtii hin jalʼisin yookaan nama wal hin caalchisin. Mattaʼaa hin fudhatin; mattaʼaan ija ogeeyyii jaamsee dubbii qajeeltotaas jalʼisa.20Ati akka lubbuudhaan jiraattee lafa Rabbii Allaahan kee siif kennu dhaaltuuf murtii qajeelaa qofa duukaa buʼi.

Waaqeffatamtoota Biraa waaqeffachuu

21Iddoo aarsaa kan Rabbii Allaah keetiif dhaabde bira siidaa Aasheeraa hin dhaabin.22Soodduu dhagaa kan Rabbii Allaahan kee jibbu ofii keetiif hin dhaabbatin.

Biblica, Inc.

https://app.library.bible/content/4d4cf8432222fef3